Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el karoora nagaa Gaazaa Tiraamp baase kuffiste
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu Israa'el karoora nagaa qabxii 15 of keessaa qabu kan Pirezidant Doonaald Tiraamp dhimma Gaazaa irratti baase akka hin fudhanne ibse.
Hanga Hamaas guutummaatti hiikkatutti waraanni Israa'el Gaazaa keessaa akka hin baanes ibse.
Boordiin Nagaa Tiraamp ji'a darbe keessa Hamaas fi hidhattoonni Gaazaa kaan akka guutummaatti hidhannoo hiikkatan waliigaluu ibsee ture.
Hamaas garuu meeshaalee hidhate dabarsee kennuu kan danda'u yoo Israa'el haleellaa raawwattu hunda dhaabdee fi loltoota ishee Gaazaa keessaa baaste qofa akka ta'e ibse.
Israa'el erga jalqaba Onkoloolessa keessa dhukaasa dhaabuurratti waliigaltee Gaazaa keessatti haleellaa dhaabdee hin beektu.
Ammas karoora Tiraamp kana akka hin fudhanne ibsiteetti.
Neetaaniyaahuun walga'ii kaabinee Dilbataa irratti ''Israa'el karoora nagaa qabxii 15 qabate kuffisteetti,'' jedhe.
''Hanga Hamaas dhugaadhaan hiikkatuu fi hidhattoota akkasumas lammiilee keenya doorsisuu dhaabutti loltoonni keenya Gaazaa keessaa hin ba'an,'' jedhe dabaluun.
Qondaalli Hamaas tokko karoora nagaa qabxii 15 of keessaa qabu kana itti gaafatamummaan akka hojiirra oolchan fi waliigaltee kana hojiitti hiikuufis kutannoo cimaa akka qaban BBCtti himan.
Kanneen jaarsummaan dhimma kana gidduu jiran ''qaamoleen dhimmi ilaallatu hunduu waan irratti waliigalan akka hojiitti hiikan mirkaneessuu qabu,'' jechuun dhaaman qondaalli Hamaas kun.
Diddaan Israa'el kun karoorri Tiraamp Fulbaana darbe baase kun ammas gufachuu agarsiisa.
Karoorri Tiraamp kun Boordii Nagaa kan hojiirra oolmaa karoora kanaa mirkaneessu hundeessuu, Hamaas hiikkachiisuu, loltoota Israa'el baasuu fi Gaazaa deebisanii ijaaruu of keessatti qabata.
Michuu Tiraamp kan ta'e Neetaaniyaahuun karoora kana fudhachuu fi dhiisuu gidduutti danqamee ture.
Karoora kanatti gammachuu hin qabu, ammoo michuusaa mufachiisuu hin barbaadu.
Hamaas yeroo jalqabaaf hidhannoo hiikkachuuf waliigaluu kan ibse torban darbe ture, garuu loltoonni Israa'el Gaazaa keessaa baafamuu akka haal-dureetti dhiheesseera.
Waliigaltee Hamaas kana hordofee Tiraamp ''yeroo murteessaa nageenyi waaraa mirkanaa'erra geenye,'' jechuun gammachuu ibsatee ture.
Neetaaniyaahuun garuu osoo inni arguu karoorri kun gonkumaa hojiirra akka hin oolle dubbateera.
Jalqaba Hamaas hiikkachuun mirkanaa'uu qaba jedhe.
''Kan amma jedhamaa jiru soba ta'uu danda'a. Dhugaadhaan hiikkaachuu qaba,'' jedhe.
Akka karoora kanaatti garuu hidhannoo hiikkachuu fi loltoonni Israa'el Gaazaa keessaa baafamuun waan raawwatamuu qabuudha.
Neetaaniyaahuun akkamiin dhimma kana akka raawwatuu fi gara fuulduraatti deemu aanga'oota US waliin dubataa akka ture ibseera.