Tiraamp waliigaltee Gaazaa yoo jaju, Haamaasii fi Israa'el akka hin gufanne yaadda'an

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Pirezdantii Ameerikaa Donaald Tiraamp Jimaata karoorri inni Gaazaatti nagaa buusa jechuun beeksise "boqonnaa haaraa" ta'uu hime.

Garuu karoorri kun hojiitti osoo hin hiikamin gama Haamaasii fi Israa'el irraa diddaawwan mul'atan dhiibbaan qabaatan murteessoo dha.

Tiraamp waraana Gaazaa dhaabsisuuf "bu'uurri cimaan" kaa'amuu dubbatee Haamaasii fi gareen hidhatan kuun akka guutumatti hiikkatan ibse.

"Kun Baha Jiddugaleessaaf tarkaanfii guddaa dha, namoonni baay'ee itti gammadan, ni raajeffatan," jedhe.

Ibsi Tiraamp Kamisa waa'ee waliigaltee "Boordii Nagaa" Gaazaa labse, carraaqqii ji'oota hedduu turee fi waliigaltee waraanaa dhaabuu bara darbe bakka bashannanaa Masrii, Shaarmul Sheekitti irra gahame eegsisuuf godhamaa ture hordofee kan dhufedha.

Ta'us, Haamaasiis ta'ee Israa'el waliigaltee kanaaf hammam kutannoon akka dhaabbatan ifa hin turre.

Carraaqqiiwwan asiin duraa waliigalteerra gahuuf godhaman sababa wal shakkii fi walitti morkachuu garee lamaaniin gufachaa turan.

Qondaalli olaanaan Haamaas waliigalticharratti hirmaaate Rooytarsitti akka dubbatetti hojiirra oolmaan waliigaltee kanaa kutannoo jalqabaa Israa'el duula waraanaa dhaabuu fi humnoota ishee Gaazaa keessaa baasuu kan waliigaltee bara darbee keessatti hammatamee ture hojiitti hiikuurratti hundaaya jedhe.

Qondaalli Israa'el gama isaatiin ejjennoon Israa'el, "Haamaas dhugaadhaan hidhannoo hiikkatu malee waraanni Israa'el Sarara Keelloo amma irra jiran keessaa hin bahu" jedhan. Sararri Keelloon inni jedhu sarara waliigaltee dhukaasa dhaabuu booda waraanaaf sararame dha.

MM Israa'el Benjaamin Neetaaniyaahuu waliin Kibxata Waashingtanitti kan wal arge Tiraamp, waliigaltichaan Israa'el "baay'ee gammadde" jedhe. "Israa'el nu gargaarte, baay'ee namoota gaariidha," jedhe.

"Bu'aa bayii ni qabaataa? Haala baay'ee wal xaxaa dha kan achi jiru."

Maddi siyaasaa Israa'elii tokko Kamisa yaada kenneen dhimmi Gaazaa marii Neetaniyaahu fiTiraamp keessa hin turre jedhe.

Ajjeechaan haa dhaabbatu

Haamaas Jimaata, ibsa baaseen tarkaanfiin jalqabaa gara waliigalteetti geessu, "Israa'el 'ajjeechaa fi duula waraanaashee dhaabuuf" kutannoo agarsiisuudha jedhe.

Haa ta'uu malee, Tiraamp waliigaltee kana jajee sa'aatii muraasa gidduutti, aangawaan fayyaa Gaazaa, haleellaa qilleensaa Israa'el yoo xiqqaate si'a lama raawwattee fi dhukaasa qawwee naannoo sanatti tureen namni Paalestaayin tokko ajjeefamuu, kaan ammoo madaawuu ibse.

Waraanni Israa'el gama isaatiin, haleellaa kana qorachaa akka jiru ibse. Haleellicha miseensa garee waraanaa Haamaas irratti xiyyeeffate ibsuun, namoonni dhimma kanaan wal hin qabanne naannichatti waan argamaniif booda gara biraatti maqfamuu ibse.

Dhukaasa sana ilaalchisee garuu waan beeku akka hin qabne dubbate.

Nataaniyaahuun filannoo Onkoloolessa dhufu godhamuuf jiruun deggersa deggartoota isaa irratti abdachuuf jedhu, hanga ammaatti dhimma kanarratti ibsa hin kennine.

Haa ta'uu malee, Ministirri Poolisii Itamaar Been-Giviir, Teelegiraama isaa irratti akka jedhetti, wixineen waliigaltee kanaa gonkumaa fudhatama hin qabu ; imaammanni Israa'el kan hoggantoota Haamaas ajjeesuu itti fufuu qaba jedhe.

Buqqaatonni Paalestaayin Traamp Israa'el waliigaltee kana akka kabajju akka dirqamsiisu gaafatan.

"Traamp, atumti tarkaanfii kana gama keetiin jalqabuu qabda. Dhukaasa dhaabsisi, ajjeechaa hoggantootaa dhaabsisi, waraana Israa'el guutummaatti lafa Gaazaa keessaa baasisi" jedhe namni ganna 60 Saamiir Ayaad.

"Nuti waliigaltee tokkoyyuu argaa hin jirru, waan inni (Traamp) dubbachaa jiru keessaa homtuu hin jiru," jedhe Rooyitarsiitti yoo dubbatu.

'Waliigaltee rakkisaa fi nama dhukkubsu' jedha Haamaas

Qondaalli Haamaas, Gaazii Hamad, hoggantoota Haamaas kanneen marii kana keessatti hirmaatan keessaa tokko.

Gareen isaanii waliigaltee inni 'rakkisaa fi baay'ee hamaa' jedhuun kana fudhachuuf qophii dha.

Haa ta'u malee, jecha 'meeshaa waraanaa hiikkachuu' jedhu fayyadamuu irraa kan of qusate yoo ta'u, waliigalteen kun hammataa ta'uu ibsuun, waliigaltee duraa kan waliigaltee Shaarmul-Sheekh hojiirra oolchuu Israa'el irratti hundaa'uu akka qabu hime.

Waliigaltee sana jalatti, Israa'el Gaazaa keessaa haleellaa akka dhaabduu fi humnoota ishee gara bakka Onkololessa keessa turanitti akka duubatti deebistu, akkasumas ulaawwan gargaarsaa fi meeshaalee banuuf dirqama qabdi jedhe.

Yoo kun raawwate qofa, Haamaas hidhannoo isaa Koree Bulchiinsa Biyyoolessaa Gaazaatti akka kuusamuuf kan kennu jedhe.

Jimaata darbe, Boordiin Nagaaa kan Traamp karoora haaraa abbaa qabxii 15 of keessaa qabu kan baase yoo ta'u, kunis Israa'elii fi Haamaas, akkasumas gareen Paalestaayinii fi kanneen biroo waliigaltee Shaarmul-Sheekh guutummaatti akka hojiirra oolchan, addatti immoo sochi waraanaa Gaazaa keessaa akka dhaaban gaafateera.

Sanadichi tarkaanfilee Koreen Biyyoolessaa Bulchiinsaa Gaazaa (NCAG) bulchiinsa siivilii Gaazaa keessatti itti gaafatamummaa akka fudhatuufi "adeemsa hidhannoowwan waraanaa gurguddoo, buufataalee oomisha waraanaa, kuusaa meeshaa waraanaa fi kuusaawwan dhabamsiisuu fi kuusuu irratti akka hordoffii godhu" ibsa.

Sanadichi meeshaan waraanaa kamiyyuu Israa'eliif ykn qaama Paalestaayiniin hin taanef akka hin kennamne ibsa.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutaarez gamni hundaanuu "gaaffii tokko malee, shakkii fi tuffii malee" karoora kana akka hordofan waamicha godhan.

"Gareen lachuu waan irratti waliigalan yeroon hojiitti hiikan amma" jedhan Gutaareez.