Qorannoo dhalli namaa hojjete isa olaanaa fi xiyyaarsamii ilaalcha sirna soolaariirratti ture jijjiire

    • Barreessaa, Fernando Duarte
    • Gahee, BBC World Service
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Sadaasa bara kana meeshaalee Qorannoo NASA'n bara 1977 jalqabsiise keessaa tokko kan taate Voyeej 1, Dachee irraa fageenya ifaa guyyaa tokkoo irra geesse. Kana jechuun saffisa ifti guyyaa tokko keessatti imalu kiiloomeetira biliyoona 26.

Meeshaan Voyeej 1 jedhamu kuni meeshaa namni hanga ammaa kalaqe keessaa isa fageenya dheeraa deeme. Wanti biraan fageenya dheeraa imaluu kana qofa osoo hin taane NASA'n yeroo yeroon meeshaa kanarraa odeeffannoo argachuusaati.

Waggoota shaniif qofa akka tajaajilaniif yaadamanii kan hojjetaman xiyyaarsamiiwwan lamaan Voyeej 1 fi Voyeej 2, erga hojjetamanii amma waggoota 50 ta'eellee hojiirra jiru.

Astiroonoomerootaafis waa'ee hawaa odeeffannoo akkaan murteessaa ta'e kennuurratti argamu.

"Konkolaataa keessan yeroo balbalasaa bantan akkuma yaadannoo adda addaa argitan, kompitaroota Voyeej irrattis akkasuma. Dhugaa dubbachuuf hojii milkaa'aadha" jedhu saayintistiin Pirojektii ergama kanaa Dr. Linda Ispilker.

Imala Guddicha

Xiyyaarsamiiwwan Voyeej lamaan qorannoo sirna soolaarii fooyyessuuf kan kalaqamani.

Xiyyaarsamiiwwan kuni ergama kanatti bobba'uu isaanii waggoota 15 dura NASA'n xiyyaarsamii Mariner 2 jedhamtuu Veenusiitti erguun imala milkaa'aa taasisee ture. Kuni bara 1962tti.

Waggoota sadiin booda ammoo xiyyaarsamiin Mariner 4 jedhamtu yeroo jalqabaatiif suurota dachiidhaan ala ta'anii fi fooyya'oo ta'e kaasuu danda'e.

Karoorri pilaanetoota gurguddoo afran Juppiterii, Saatarnii, Yuraanesii fi Neptuunii irra qubachuu kan jalqabe erga qorataan Hawaa Ameerikaa Jeerii Filando bara 1970 akkaataa teessuma isaanii irratti tilmaama kaa'een boda ture.

Kunimmoo xiyyaarsamiiwwan salphumatti garas akka imalanii fi carraa umrii keessatti si'a tokko argamuu fi saayintistoonni 'imala guddicha' jedhanii waaman akka uumamuuf carraa bane.

Erga sanaa beekumsi dhimma kanarratti jiru haalan barbaachisaa ta'aa dhufe.

"Warri Giriik durii waa'ee Juppiterii fi Saatarnii nibeeku. Garuu beekumsa guutuu hin turre. Erga xiyyaarsamiiwwan Voyeej dhufanii garuu battala waa'een beekumsa Pilaanetotaa kuni jijjiirame" jedha barreessaan dhimma hawaa Amii Shiiraa.

Ergama NASA kan dacheedhaan alaa isa jalqabaa bara 1973 irratti xiyyaarsamiin Paayooniir 10 jedhamtu asterooyidoota Maarsii fi Juppiterii gidduu jiran keessa milkaa'inaan darbuun Kiloomeetira Miliyoonaan lakkaa'amu irraa gara dacheetti ergaa dabarsuu dandeesse.

Miiltoon xiyyaarsamii kanaa kan turte Paayoniir 11 ammoo waggoota ja'aan booda gama Saatarniitiin dabarte.

Garuu xiyyaarsamiiwwan Piroob jedhaman kuni Voyeej waliin yoo walbira qabaman salphoodha.

Erga US dorgommii Raashiyaa waliinii dursuun bara 1969 Addeessa irra qubatteen booda NASA'n gama siyaasaa fi tumsa maallaqaatiin deeggarsa jabaa argachuun ergamoota akkanaa irratti daran fuulleffate.

Xiyyaarsamiiwwan walfakkaatoo fi lakkuu fakkaatanii kan tolfaman Voyeej 1 fi voyeej 2, keessaa Voyeej 2 ji'a Hagayyaa bara 1977 furgugifamtee isheen tokkommoo ji'a tokkoon booda itti aante.

Xiyyaarsamiiwwan Voyeej fuula addunyaa haaraa mul'isan

Ergama Kanaan booda xiyyaarsamiiwwan Piroob ofumsaanii taateewwan naannoo dachiitiin ala jiru adda baasu.

Fakkeenyaaf Voyeej 1 volkaanoo cimaa dacheedhaan ala Addeessa Juppitarii irra jiru adda baste. Kana malees ifa Juppitarii irra jiru adda baasteetti.

Suuraan Voyeej 2 irraa argame ammoo addeessa Juppitarii kan Awurooppaa jedhamu jiidhinsa kan qabuu fi dhala namaa jiraachisuu danda'a shakkii jedhu kan uume.

Erga kana waggoota afuriin booda NASA'n Voyeej 2 xiyyaarsamii jalqabaa gara Yuraanusii fi Neeptunii imalte akka taatu godhe. Balalliiwwan kana bara 1986 fi bara 1989 taasisuun ergama 'Imala Guddichaa' kana xumure.

Argannoo Ajaa'ibsiisaa

"Voyeejarootni tarkaanfii qorannoo dhala namaa isa olaanaadha. Kuni raajii dhalli namaa waan pilaaneetii keessa jiru baruuf taasise isa guddaadha" jedhu `Qorannoo Voyeejarootaa irratti kan hirmaatan Dr.Kart.

Akka isaan jedhanitti, argannoon Voyeejarootaan taasifame kuni pilaaneetiin keenya akka nuti dura yaannu waan salphaatti hubatamu akka hin taanee fi ergama dabalataatiifis daandii kan saaqe.

NASA'n imala gara addeessa Juppitarii, Awurooppaaf qophaa'aa jira. Qorannoon hawaa warra Awurooppaa kan qorannoo cabbii addeessarraa ammoo bara 1931tti galma isaa milkeessuuf akeekkateera.

Piroobota Voyeejiif garuu hojiin isaanii ragaalee gara dachiitti erguu qofa miti.

Tokkoon tokkoon isaanii diiskii bal'ina iinchii 12 qabu, kan warqee irraa hojjetamee fi afaanota 55 nagaa gaafachuu ofirraa qabu. sagaleewwanii fi suurawwan dacheerraa 115 kanneen akka sagalee qaqawwisaa fi muuziqaa kutaalee addunyaa adda addaa irraa ta'an ofirraa qabu.

Diiskiiwwan kunneen kan irratti hojjetaman adeemsa isaanii keessatti tarii umamawwan dhala namaatiin ala ta'an yoo argan waa'ee dhala namaa akka ittiin beeksisaniif yaadameeti.

".Wantoonni waraabamanii diiskii Warqee irratti hojjetaman kuni waggoota hedduu biliyoonaan lakkaa'amu turuu danda'u. haftee dhala namaa isa yeroo dheeraa turu ta'uus danda'u" jedhu ogeessonni.

Yoo akka carraa ta'ee umamni dhala namaatiin ala ta'e Voyeejaroota Kanaan walitti dhufe ergaa dinqisiisaa ta'e dhagahuu malu.