Arsiitti ga'eessa haadha warraatiin qaamni saalaa guutuutti irraa murame deebi'ee hodhameef

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Godina Arsiitti ji'a tokkoon dura ga'eessi ganna 42 haleellaa haati warraa irratti raawwatteen qaamni saalaa isaa guutumatti irraa kutamee lafa bu'e.

Akka ragaan Hospitaala Rifaraalaa Asallaa irraa arganne ibsutti dhibdee isaa fi haadha warraasaa gidduu tureen haati warraa halkan sa'aatii ja'a yoo ta'u qaama saalaa Abbaa warraashee albeedhaan hundeetti murtee lafa buuste.

"Balaan kuni akka odeeffannetti halkan naannoo sa'aatii ja'aatti mudate. Turtii sa'aatii sadii booda halkan naannoo sa'aatii sagalii miidhamaa kanaa fi qaama saalaasaa cite hopitaala Asallaa fidan" jedhan Hospitaalichatti ispeeshaalistiin yaala dhibee kalee fi Ujummoo Fincaanii Dr. Fiqaaduu Habtaamuu.

Abbaa ijoollee ja'aa akka ta'an kan himame miidhamaan kuni ofii Abulaansiidhaan, qaamni saalaa isaanii murame ammoo festaaalan maramee Hospitaala dhaqqaban.

Battala hospitaala dhaqabettis gareen ogeessota fayyaa hospitaala Asallaa baqaqsanii hodhuu sa'aatii sadii fudhateen qaama saalaa irraa murame kana bakkatti deebisanii hodhaniif.

"Qaamni saalaa kuni guutumaan guututti kan murame. Haalli muraa isaammoo Albeedhaan waan ta'eef qaama kana bakka bakkasaatti ofeeggannoodhaan deebisuu barbaada.kuni yeroo kan fudhate ture" jedhan.

Yaaliin akkanaa kan baratame akka hin taane kan himan Dr. Fiqaaduun, miidhamaan kuni erga yaalii kana argatee ji'a tokko ta'us hanga ammaattuu hospitaalichumatti ciisee hordoffiin taasifamaafii jiraachuu eeran.

Qaamni deebifamee hodhameef kuni fooyya'iinsa gaariirra akka jiruu fi miidhamaan kuni qaama saalaa deebi'ee hodhameef kanaan fincaa'uu akka jalqabes dubbatan ogeessi kun.

Carraa deebi'ee qunnamtii saalaa raawwachuu qabaa?

Akka Dr. Fiqaaduun jedhanitti, fooyya'iisni qaama saalaa deebi'ee hodhamee kuni gaarii ta'us sadarkaa dura tureen qunnamtii saalaa raawwachuuf dandeessisuu dhiisuu mala jedhu.

"Haalli amma irra jiru baayyee gaariidha. Haaluma Kanaan yoo itti fufe carraan deebi'ee qunnamtii saalaa gochuuf dandeessisuu inuma qabaata. Hamma kana duraa yoo ga'uu baates" jedhan.

Balaa adda addaatiin qaamni saalaa dhiiraa yoo murame yookan cite carraan deebi'ee hodhamee fayyuu waan jiruuf hawaasni hubannoo qabaachuu qabas jedhan. Sa'aatiin erga muramee fi mana yaalaa gahuu gidduu jiru garuu haalan murteessaadha.

"Yoo xiqqaate sa'aatii ja'aa hanga saddeetii hin caalle keessatti mana yaalaa gahuu qaba. Hamma dafee dhufe carraan milkaa'inaan fayyuusaa gaarii ta'a. qaama murame kanas wanti adda addaa akka hin tutuqne qulqullinaan qabuun festaalan maranii qabuu barbaachisa" jedhan.

Ji'oota afuriin duras Magaala Finfinneetti dargaggeessi qaama saalaasaa ofirraa muree lafa buuse Hospitaala Alartitti deebifamee hodhamuufiin ni yaadatama.

Ispeeshaalistiin pilaastik Sarjarii fi deebisanii ijaaruu qaamaa Dr. Abdurazaaq Alii qaamni saalaa guutumatti murame deebi'ee erga hodhamee qunnamtii saalaatiif qophaa'ee gahaa ta'uuf yeroo hanga ji'a sadii akka barbaachisu himanii ture.

Ga'eessa Arsiitti haadha Warraasaatiin qaamni saalaa irraa muramee yaala argataa jiru kana BBC'n bilbilaan dubbiseera. Waan isaan mudate kana 'Yeroon yaala guutuutti xumuree bahen isinitti dubbadha' jedhan.

Nageenyaa fi iccitii fayyaa isaaniif ofeeggannoo gochuuf jechas ogeessi Fayyaa BBC'n dubbise eenyummaa, Hojii fi iddoo jireenya miidhamaa kanaa ibsuurraa ofqusataniiru.