Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoota 'qaama saalaa hattan' jedhamuun reebaman, abidaan gubamanii fi ajjeefaman
- Barreessaa, Mungai Ngige
- Gahee, BBC Global Disinformation Unit
- Barreessaa, Alfred Lasteck
- Gahee, BBC Africa
- Gabaasni irraati, Tunduma
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6
''Qaamni saalaa dhabamuu-genital teft'' maqaa jedhuun odeeffannoon garmalee tamsa'aa ture lubbuu namoota hedduu gaaga'eera.
Onkoloolessa 2025 hanga Waxabajjii bara kanaatti biyyoota Afrikaa adda addaa keessatti namoonni 80 caalan sababa kanaan ajjeefamaniiru.
Himannaa sobaa kanaan namoonni ajjeefamuu garee BBC Global Disinformation Unit jedhamutu ragaa poolisii biyyoota ja'a irraa fudhachuun gabaase.
Gateettii nama tokkoo yeroo tokko qofa tuquun qaamni saalaa xiqqaachuu (walitti galuu) ykn dhabamuu kan himatan namoonni tarkaanfii fudhatan kunneen, kanaan walqabatee tarkaanfii suukanneessaa fudhachuun lubbuu galaafataniiru.
Himannaan qorannoo saayinsiin hin mirkanoofne kun miidiyaa hawaasummaa dhuunfateera.
Taanzaaniyaa keessatti ogeessi makaanika ta'e Bonifees Mugaalaa Ebla darbe namoonni qaama saalaa hate jechuun gareedhaan isa reeban.
''Akka waan qaama saalaa jalaa fudhanneetti (hanneetti) nutti iyyaa turan. Baayyee waan ta'eef gara itti jalaa miliquullee hin dandeenye,'' jedhe.
Taateen isa mudate kun waan viidiyoo BBCn argerratti mul'atuun wal fakkaata.
Viidiyoo sana keessatti gareen dhiirotaa namoota keessummaa isaaniif ta'anitti wayita ba'an qaamni saalaa isaanii- qunxurroo fi cidhaan- jalaa dhabamuu ykn walitti galuu himachuun ittiin lolu.
Namoonni himatan kunneen akka qaama saalaa isaanii jalaa fudhatan deebisaniif gaafachuun dubbii itti kaasu.
Himannaan akkasii hundeensaa sodaa fi dhugeeffannaa bu'uura saayinsii hin qabne irraa kan madduudha.
Afrikaa keessatti, keessattuu biyyoota hawaasa falfalaa fi tolchaan beekaman qaban keessatti wanti akkanaa haaraa miti.
Miidiyaan hawaasummaa ammoo sodaa kana daran babal'isuun facaase.
Garuu himannaan amma balaa uumaa jiru kan eegale bara darbe Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti.
Biyya kana keessatti bara 2008 akkasuma rakkoo wal fakkaataan dhalatee ture.
Achirraa ka'uun gara Burundii, Zaambiyaa, Taanzaa, Mozaambik, Angoolaa, Malaawii fi Keeniyaatti babal'ate.
Himannaan dhabamuu qaama saalaan walqabatu Zaambiyaa keessatti babal'achuu kan eegale wayita Bitootessa darbe namoonni gareen ba'uun dubartii tokko dhimma kanaan himatanii ajjeesanirraa eegaleeti.
Sodaan Zaambiyaatti hammaate kun achumaan gara Taanzaaniyaatti ce'e.
Daangaa Taanzaaniyaa bakka Zaambiyaatti dhihoo jirutti bakka Mupemba jedhamuu fi magaalaa Tunduma jedhamutti dhihaatee argamu keessaa BBCtti kan dubbate Bonifees Mugaalaa baayyee reebamee qaamnisaa guddoo miidhameera.
''Osoo duuti akkas natti dhihaachuu beekee restooraantii san hin deemun ture. Duuti hangam nutti dhihoo akka ta'e beekuu dhabuu keenya qofa,'' jedhe.
Garuu innii fi hiriyaan isaa Ebla 1 gara Tunduma kan deeman waa'ee gurgurtaa konkolaataa irratti maamila waliin dubbachuuf ture.
Marii eegaluu dura nyaata nyaachuuf restooraantii seenanii balaarra bu'an.
Akkuma isaan gadi taa'aniin gareen namootaa dhufanii harkisaanii gadi baasuun guddoo reeban.
Bonifees Mugaalaa guyyaa lama booda hospitaalatti wayita of baru hiriyaansaa ajjeefamuu dhagahe.
Haadha manaa fi ijoollee afur kan qabu namni kun amma qaamaa hir'atee manatti galeera, sababa reebicha isa mudateen ammallee mataa dhukkubbii hamaa qabaachuu dubbata.
Ergasii hojiisaatti deebi'uu hin dandeenye, garuu ollaa fi hiriyoonni gatii wal'aansa isaa danda'aniiru.
Guyyuma Mugaalaa fi hiriyaan isaa haleelaman, taateen walfakkaataan Tundumaa keessa bakka biraatti mudachuu ogeessa suuraa fi daldalaa kan ta'e Mikaa'el Silaavwee dubbate.
Viidiyoon waa'ee himannaa dhabamuu qaama saalaa miidiyaalee hawaasummaa akka TikTok irratti erga heddummaachuu eegalee sodaan babal'ateera jedhe.
Suuqii (Dukkaana) isaa fuuldura namoonni wayita tuutaan fiiganii darban arga. Booda namni tokko qaama saalaa hatuun himatamee akka reebamee fi achii booda abiddaan akka gubate hime.
Namni umrii waggaa 23 kun ''ergasaan abidda itti qabsiisanii poolisiin dhufee jennaan hunduu bakka sanaa bittinnaa'e,'' jechuun waan arge BBCtti hime.
Viidiyoo TikTok fi Facebook irratti namoonni kuma 100 oliin daawwatamee fi BBC Global Disinformation Unit mirkaneesse keessatti, namoonni gareedhaan nama tokko reebu.
Qaama saalaa fudhatte ykn hatte deebisi jechuun haala suukanneessaan reebu.
''Taateen akkanaa babal'ataa jira, namoonni sababa kanaan reebamaa jiru,'' kan jedhu Silavwe, dargaggoonni akkasaa sodaa guddaa keessa jiraachuu ibsa.
Garuu himannaan kun oduu qabatamaa hin taanedha malee dhugaadhaan wanti akkasii akka hin jirre akka beeku hime.
Bulchiinsa Mombaa magaalaaTunduma keessatti ogeettii faashinii kan taate dubartiin umrii waggaa 50 Ashaa Isteeven Muwakilasha ''himannaan kun dhugaa akka hin taane hubachuu,'' himte.
Garuu kun sodaa ishee hin hambisne. Keessattuu gaafa abbaan manaa ykn ilmi ishee ala ba'an baayyee yaaddofti.
Garuu amma poolisoonni bobbafamuun eegumsa taasisaa jiru jetti.
Komishinarri bulchiinsa Momba Eliyaas Daani'eel Muwaandooboo yakkamtoota dantaasaaniif jecha yakka raawwatantu taatee kana duuba jiru jechuun BBCtti hime.
''Namoota dhuunfaatu fedhii isaanii guuttachuuf jecha yakka raawwachuu uummata keessatti hookkara kaasuu barbaadu,'' jedhe.
Viidiyoo walfakkaataan magaalaa Taanzaaniyaa Daaresalaam keessattis mudateera.
Namoonni hedduun nama tokkotti marsuun qaama saalaa hatte deebisi jechuun wayita lafatti kuffisanii awwaara keessatti reeban mul'ata.
BBC Disinformation Unit viidiyoo kanaan walfakkaatu Mozaambik fi keeniyaa keessattis arguun mirkaneeffateera.
Viidiyoo hedduu namoonni wayita taateen kun mudatu bakka sanatti argamuun ijasaaniin arguun erga waraabanii booda TikTok fi Facebook irratti maxxansuu ibsan.
Haleellaa tuutaan raawwatamu dabalatee viidiyoowwan haala kanaan waraabaman kanneen BBCn mirkaneesse ammallee onlaayinii jiru.
Dubbi himaan Meta ''qabiyyeewwan qoodaman sakatta'aa jirra. Kanneen imaammata keenya faallessan ni haqna,'' jedhe.
TikTok hanga yoonaa gaaffii BBCn dhiheesseef deebii hin kennine.
Barreessaan Juliyen Bonhom jedhamu kitaaba isaa The Sex Thieves- The Anthropology of a Rumor jedhamu keessatti waa'een dhabamuu qaama saalaa babal'achuu fi namoonni maaliif akka amanan xiinxaleera.
Namoonni qaamni saalaa dhabame wayita jedhamu qofa dhagahuu qofa osoo hin taane, wayita namoonni rakkoo kanaaf saaxilamuu himatanis argaa jiru.
Akkasumas wayita gareen namootaa yakka raawwatame kanaaf deebii kennan argaa jiru jedhe barreessaan kun.
Viidiyoowwan hin mirkanoofne wayita miidiyaa hawaasummaarratti qoodaman ni amanu, jedhe. Sababa odeeffannoo hatattamaan argataniif.
Kun addunyaa dijiitaalaa yeroo ammaa fi akkaataa dur odeeffannoon itti himamu gidduu garaagarummaa guddaa jiru mul'isa jedhe barreessaan kun.
Qaamni saalaa dhabamuu odeessa jedhuun walqabatee tarkaanfii fudhatamuun daran kan miidhamte Mozaambik.
Kanaan walqabatee ji'a ja'a keessatti namoonni 55 ajjeefamuu poolisiin ibseera.
Qondaalonni poolisii, hojjettoonni fayyaa fi siivil sarvaantonni kanneen ajjeefaman keessaati.
Pirezidantiin Mozaambik Daani'eel Chaapoo gocha kana ifatti balaaleffataniiru.
Himannaan kun soba ta'uu kan ibsan pirezidantichi, mootummaan isaanii namni qaamni saalaa isaa dhabuu ragaa fayyaa tokkollee kan hin arganne ta'uu himan.
Hojjettoonni fayyaa lama Ebla darbe mana isaanii akkasumas bakka hojii bulchiinsa Kaboo Delgaboo keessatti ajjeefaman.
Bakki kun daangaa Taanzaaniyaa yoo ta'u, rakkoo nageenyaaf hamaaf saaxilamaadha.
Sababa kanatti bakka haleellaan kun itti raawwatetti tajaajilli fayyaa adda citeera, sababni ammoo buufataaleen fayyaa waan cufamaniif.
Kanaan walqabatee uummanni hubannoo akka qabaatuu fi akka gocha kana balaaleffatuuf aanga'oonni naannoo sanaa hojjechaa turan.
Duula fayyaa gaggeeffame keessatti taateen kun rakkoo fayyaa Koro jedhamu waliin wal hidhachuu akka bare mootummaan ibseera.
Rakkoon fayyaa Koro (Koro syndrome) rakkoo fayyaa sammuu yoo ta'u, akka waan qaamni saalaa badee ykn argameetti fakkeessuun sammuu namaa jeequudha.
Taateen haleellaa dhimma kanaan walqabate inni dhihoon Keeniyaatti mudate.
Sababa kanaan tarkaanfii gareedhaan fudhatameen namoonni shan bulchiinsa daangaarra jiran Kuwaalee fi Mombaasaa keessatti ajjeefamaniiru.
Taatee jalqaba Waxabajjii keessa mudate booda Komishinarri Komishinii Poolisii bulchiinsa Mombaasaa Mohammad Nuur namoota qabiyyee akkanaa miidiyaa hawaasummaarratti qoodan himateera.
Namoonni kunneen lakkoofsa hordoftootaa fi namoota qabiyyeesaanii jaallatan heddummeeffachuuf oduu sobaa lubbuu namootaa galaafachuuf sababa ta'e tamsaasuu hin qaban jedhan.
Ergasii poolisiin bobbaafamuun dhimmicha to'achuu BBCtti kan hime Komishinar Mohammad Nuur namoonni hedduunis kanaan walqabatee hidhamaniiru jedhe.
Abbaa fi ilmi dubartiin tokko qaama saalaa dhabamsiisuuf sababa taate jechuun haleellaa irratti raawwatan hidhaa waggaa tokkoon adabamuu ibse qondaalli Mombaasaa kun.
Taatee walfakkaataan Malaawii keessattis mudachuun lubbuu namoota saddeetii galaafateera.
Rakkoon akkanaa wayita mudatu taatee guyyaa sana qofa osoo hin taane ergasii godaannisi isaa sammuu namoota miidhamanii baayyee miidha.
Yakka tokko malee gocha homaa quba hin qabneen wayita tuuta namootaan marfamanii hanga lubbuun darbutti reebaman rifaatuu guddaa uuma.
Makaanikiin Taanzaaniyaa, Tunduma keessatti raabame Bonifees Mugaalaa miidhaa qaamaarraa dandamataa jiraatus, xiinsammuun isaa garuu ammallee miidhaa jalaa ba'uu akka hin dandeenye ibse.
''Taatee sana wayitan yaadadhu ammallee na dhukkuba. Taatee irratti hiriyaa koo dhabe. Waan mudatee fi waan ta'aa ture ammallee hubachuu hin dandeenye.''
''Osooma hin beekin akka carraa tuuta namoota dhagaan si tumanii gidduutti wayita of argitu, tumanii hanga si ajjeesuutti wayita ga'an.''