Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jijjiirraa taphattoota baranaa baayyee qaalii ta'an 20
Kilabooonni Piriimer Liigii bara kana jijjiirraa taphattootaaf baasii seenaa keessatti rikkardii ta'e baasaniiru. Walumaagalatti jijjiirraa ganna baranaa kanaan Paawondii Biuliyoona 3.5 baasaniiru. Barana jijjiirraa taphattootaaf baasii guddaa baasuun kun Piriimer Liigii keessatti qofa miti, addunyaammarratti taatee mul'atedha.
Taphataa kamitu baasii hangamiin kilaba kam deeme? Tapphattoota Waancaa Addunyaa 2026 irratti gurra argatan jijjiirraa baranaa keessatti akkamiin ilaalaman, akkasumas taphataa kamitu osoo hin eegamiin kilaba tokko gadhiisee gara biraa deeme?
BBCn taphattoota 1 hanga 20 jiran adda baasee gabaaseera.
=18. Jaan Paawul Vaan Heek - Biraayiten irraa gara Tootenhaam , £52m
Tootenhaam taphataa lammii Neezerlands Vaan Heek £52m kaffalee leenjisaa duraanii Biraayiten, Roobertoo de Zerbiitti akka makamu godheera.
Taphataa sarara ittisaa kun bara darbe taphoota Piriimer Liigii 36 irratti jalqabarra hiriiruun gahee ba'ateera.
=18. Maksoons Lakoor - Kiristaal Palaasirraa gara Chelsii, £52m
Chelsiin taphataa lammii Faransaay kana £52m baasuun Kiristaal Palaasirraa fudhate. Taphataa sarara ittisaa kun Palaas Konferaans Liigii akka mo'atuuf gargaareera. Waancaa Addunyaa irratti ammoo biyya isaatiif taphoota sadiirratti hirmaateera.
=18. Tijjaanii Raayinders - Maanchester Siitiirraa gara Al-Qadsiah, £52m
Taphataa sarara gidduu lammii Neezerlaands Raayinders turtii waggaa tokkoo Maanchester Siitii keessa taasiseen booda kilaba Sa'ud Piroo Liigii Al-Qadsiah'tti makameera.
Maanchester Siitiin taphataa umurii 28 taphoota 47 irratti hireere keessatti goolii ja'a galchee torba ammoo kubbaa goolii taatu mijeesse kanaa £52m fudhatee gadhiise.
=16. Kiriseensiyoo Saamarviil - West Haam irraa gara Al-Hilal, £55m
Saamarviil fedhiin Maanchester Yunaayitid fi Roomaa irraa jiraatullee gara Sa'ud Arabiyaa deemeera.
Taphataan fuula duraa sarara cinaa kun kan barana Piriimer Liigii keessaa gadi bu'e West Haa'f goolii torba lakkoofsisee shan ammoo gooliif mijeesseera. Biyyasaa Neezerlaandis'f ammoo Waancaa Addunyaarratti kubbaa goolii ta'u lama mijeessee kenneera.
=16. Jeremii Jaakuwet - Reenesirraa gara Liiverpuul, £55m
Liiverpuul Amajji keessa ture Jaakuwet fudhachuu kan yaade. Yeroo sanatti taphataan sarara ittisaa Faransaay umuriin 2 kun miidhaa qoleesaa mudateen miidhamarra ture. Bara kana garuu dandamachaa waan jiruuf manaajera haaraa Andoonii Iraa'olaa jalatti of qopheessaa jira.
15. Ilimaan Injaayee - Everten irraa gara Maanchester Siitii, £60m
Taphataan sarara cinaa Everten Ilimaan Injaayee osoo Maanchester Siitiin £65m baasee hin fudhatiin dura gara Tootenhaam deemuuf waliin dubbachaa ture.
Everteniif taphoota Piriimer Liigii 67 irratti hirmaatee gooliiwwan 15 lakkoofsisee kubbaa afur goolii ta'u mijeesseera.
14. Gonkaloo Raamos - PSG irraa gara AC Miilaan, £60.2m
Taphataan lammii Poorchugaal umuriin isaa waggaa 25 Raamos kan Ruuban Amoorim manaajera AC Miilaan ta'e jalqaba mallatteesifate yoo ta'u, seenaa kilabicha akeessatti baasii rikkardii haaraatiin deeme.
PSG keessatti waggoota sadiitti taphoota 131 hiriire keessatti goolii 45 lakkoofsiseera.
13. Roodrii - Maanchester Siitiirraa gara Baarseloonaa, £65m
Roodiriin Siitii keessatti taphattota dhaloota ammaa seenaa guddaa hojjetanii darban keessaa tokkodha. Taphataan kun Siitiin sarara gidduufi utubaa ta'ee gargaareera.
Amballii garee Ispeen yeroo ammaafi kanaan dura Ballon d'Or kun Siitii keessaa ba'uun isaa miidhaa guddaadha. Roodiriin kubbaan gara fuula duraatti akka deemuufi dhiibbaa garee morkatootaarratti fiduun beekamudha.
12. Anoonii Goordan - Niiwukasilirraa gara Baarseloonaa, £69.3m
Goordan bara darbe Niiwukasiliif erga goolii 17 lakkoofsisee Baarseloonaatiif mallatteesse. Goolii 17 keessaa 10 kan ta'u Shaampiyoons Liigirratti kan lakkoofsisedha.
Taphataan lammii Ingilaand umuriin isaa waggaa 25 ta'e kun osoo gara Ispeen hin deemiin dura Waancaa Addunyaarratti goolii tokko lakkoofsisee kubbaa goolii ta'u sadii mijeessee kenneera.
11. Kaarlos Baalebaa - Biraayiten irraa gara Maanchester Yunaayitid, £70m
Maanchester Yunaayitid Baalebaa fudhachuu kan barbaadeef sarara gidduu isaafi kubbaa to'atee taphachuu cimsachuu barbaadeeti.
Taphataan lammii Kaameruun umuriin isaa waggaa 22 kun Biraayitenirraa £70m gara Maan Yunaayitid dhufe.
=9. Saviinhoo - Maanchester Siitiirraa gara Tootenhaam, £75m
Erga gara Maanchester Siitii dhufee waggaa lama dabarsee booda Saviinhoon maallqa £75m iti bahee gara Tootenhaam deemeera.
Taphataan lammii Biraazil kun Siitiif taphoota 53 irratti hiriiree lama lakkkoofsisee kubbaa goolii ta'u 12 ammoo mijeessee kenneera.
=9. Buruunoo Gumereezh - Niiwukasilirraa gara Arsenaal, £75m
Taphataan umuriin isaa waggaa 28 ta'e, Gumreezh Niiwukasil keessaa bahee Arsenaal waliin hiree biraa akka yaaluu fedhu dubbatee Niiwukasilirraa dhufe. Taphataan sarara gidduu lammii Biraazil kun bara darbe piriimer Liigii keessatti goolii sagal lakkoofsiseera; Waanca Addunyaarratti ammoo kubbaa goolii ta'u afur mijeessee kenneera.
Gumereezh £75m itti kaffalameeti Arsenaalitti makame.
8. Ayyuub Baahudii - Liil irraa gara Maanchester Siitii, £81.4m
Taphataan lammii Morookoo umuriin isaa waggaa 18 ta'e Baahudiin, Roodiriifi Tijjaanii Raayinders gadhiisuu hordofee sarara gidduu Maanchester Siitii cimsuuf fudhatame. Taphataan ol adeema akun kaffalta ajalqabaa £81.4m kna booda irratti ilaalamee £4.2m itti dabalamun Maanchester Siitiitti akame.
7. Matewoos Fernaandes - West Haam irra agara Tootenhaam, £85m
Tootenhaam taphataa kana fudhachuuf West haamiif maallqa guddaa £85m kaffale efudhate. Taphataan sarara gidduu lammii Poorchugaal umuriin isaa waggaa 21 ta'e kun bara darbe West Haamiif taphoota 36 irratti hirmaatee gooli sadii lakkoofsisuun kubbaa gooliif mijate afure kenneera.
West Haam bara darbe kana Piriimr Liigii keessaa bu'eera.
6. Saandroo Tonaalii - Niwukasilirra agara Tootenhaam, £92.5m
Tootenhaam taphata alammii Xaaliyaan umuriin isaa waggaa 26 ta'e kana fudhachuuf baasii kilabichaaf rikkardii haaraa ta'e ka'umsaan £92.5m baasanii fudhatan. Akka waligaltee kanaatti waliigalaan baasii £100m gaafateera.
Taphataan kun osoo Arsenaal fudhachuuf hordofaa jiruu leenjisaan Xaaliyaan gara Tootenhaam dhufe Roobertoo de Zarbii amansiisee akka fudhatetu himama.
5. Biraadilii Barkoolaa - PSG irraa gara Liiverpuul, £106m
Liiverpuul taphata asarara duraa lammii Faransaay Biraadilii Barkoolaa PSG irraa £123m baasuun mallatteesifate. Barkoolaa bara 2023 ture £38.5m itti baafamee Liyoonirraa gara PSG kan dhufe. Erga PSG dhufee ammoo Liig 1 Faransaay keessatti si'a sadii shaampiyoonaa ta'eera. Shaampiyoons Liigii ammoo si'a lama PSG waliin injifateera.
Barkolaan taphattoota maqaan Arsenaal waliin ka'aa ture keessaa tokko ture.
4. Yaan Diyoomaandee - RB Leeppizhingirraa Riyaal Maadiriid, £115.7m
Riyaal Maadiriid Yaan Diyoomaandee fedhii Liivrpuul fi PSK irraa dhufaa ture mo'ateeti kan taphataa kana mallatteesifate. Taphataan kun waliigaltee £120m baasuun, jalqaba £115.7m kan ta'u kennamee boodarra ilaalamee itti guutamuun gara kilaba guddicha Ispeen deeme.
Taphataan lammii Ayivorii Kost umuriin isaa waggaa 19 ta'e kun Bondosliigaa keessatti taphataa cimaa ol adeemaa bara darbee ta'uun filatameera. Taphatan kun bara darbe RB Leeppizhingiif goolii 12 lakkoofseera, Waancaa Addunyaarrattis biyyasaaf hiriiree gahumsa ajaa'ibaa agariiseera.
3. Elliyoot Anderson - Notingihaam Forestirraa gara Maanchester Siitii, £116m
Maanchester Siitiin akkuma inni Waancaa Addunyaarraa deebiyeen baasii kilabichaaf rikkardii haaraa ta'e baasuun ture taphata alammii Ingilaand sarara gidduu kana kan mallatteessifate.
Taphataan umuriin isaa waggaa 23 ta'e kun bara darbe Forestiif taphoota Piriimer Liigii 38 hunda irratti hirmaateera. Yeroo itti makametti Siitii akkas jechuun ibse: "Warra mo'atan - garee osoon keessatti of argee jedhee hawwaa turedha."
2. Morgaan Roojers - Aston Viilaarraa gara Chelsii, £117m
Taphataan sarara fuula duraa lammii Ingilaand Roojars osoo £117m itti baafamee gara Chelsii hin deemiin dura Arsenaal fudhachuuf hordofaa tureera.
Taphatana umuriin isaa waggaa 23 ta'e kun kontiraata waggaa ja'aa mallatteessuun garee Zhaavii Alloonsootti makame. Bara darbe taphoota 37 irratti hiriiree Viilaaf goolii 10 lakkoofsisuun ja'a mijeessee kenneera.
1. Enzoo Fernaandez - Chelsiirraa gara Maanchester Siitiitti, £125m
Taphataan lammii Arjentiinaa Enzoo Fernaandez guyyaa jijjiirraa dhumaarra Chelsiirraa gara Maanchesteer Siitii kan deeme baasii seenaa Piriimer Liigii keessatti rikkardii haara ata'e £125m itti baheeti.
Taphataan umuriin isaa waggaa 25 ta'e kun seenaa keessatti taphataa baasii guddaa itti bahe sadarkaa shanaffaa qabate ta'eera.