Ameerikaan AGOA hanga 2028tti dheeressite, Itoophiyaan carraa itti deebi'uu qabdii?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Kongireesiin Ameerikaa sagantaa daldalaa qaraxa irraa bilisaa 'African Growth and Opportunity Act ' (AGOA)hanga Muddee 31, 2028tti akka itti fufu murteesseera.

Haa ta'u malee, Itoophiyaan amma illee biyyoota AGOA irraa faayidaman keessatti hammatamuuf carraan qabdu ammallee mirkanaa'aa miti.

AGOA biyyoota Afrikaa Saharaa gadi jiran ulaagaalee barbaachuisan guutanif, oomishaalee hedduu gara gabaa Ameerikaatti qaraxa malee erguuf carraa kenna.

Sagantaan kun bara 2000 keessa hojii irra oole. Keessumaa warshaalee huccuu fi oomishaalee biroo gara Ameerikaatti erganiif carraa gabaa guddaadha.

Itoophiyaan faayidaa AGOA irraa argattu Amajjii 1, 2022 irraa eegalee dhaabde.

Ameerikaan Itoophiyaa sababa waraana kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf tureen kan carraa sana keessaa baafte.

Mootummaan Ameerikaa yeroo sanatti, sarbiinsa mirgoota namoomaa cimaan yeroo waraana Tigraay Itoophiyaa keessatti raawwatame jechuun ibsee Itoophiyaas sagantaa AGOA keessaa haqe.

Waraanni Tigraay bara 2020 hanga 2022tti gaggeefame booda, mootummaa Federaalaa fi TPLF gidduutti waliigalteen Piritooriyaa Sadaasa 2022 mallatteeffamuun waraana sana dhaabera.

Haa ta'u malee, waliigalteen nageenyaa sana boodas Itoophiyaan hanga ammaatti AGOA keessatti hin deebi'in jirti.

Dheerachuun AGOA Itoophiyaaf maal jechuudha?

Kongireesiin Ameerikaa jalqaba Fulbaana kanaa sagantaa AGOA hanga 2028tti dheeresseera.

Murteen kongireensii kun yoo Pirezdaantii Ameerikaatin mallattaa'e biyyoota Afrikaa sagantaa kana keessatti hirmaataniif ammas carraa gabaa Ameerikaa itti fufsiisa.

Itoophiyaan gara AGOA'tti deebi'uuf Mootummaan Ameerikaa ulaagaalee seeraa fi siyaasaa biyyattiin guutuu qabdu irratti hundaa'uun murtii addaa kennuu qaba.

Erga waraanni Itoophiyaa dhaabatee booda yaaliin biyyattiin keessumaa bara 2024, 2025 gara sagantichaatti deebitee itti makamuuf taasifte mootummaa Ameerikaan kufaa ta'uu isaatin utuu hin milkaa'in hafe.

Ulaagaaleen AGOA keessatti hirmaachuuf barbaachisan wagga waggaan qoratamuun kan dhiyaatu yoo ta'u, dheerachuun yeroo turtii AGOA Itoophiyaan akka carrichatti deebitu carraa banuu mala.

Haalli siyaasaa biyyatti, bulchiinsi gaariin, dimokraasiin, mirgootni namoomaa fi sochiin biyyattiin malaammaltummaa ittisuu irratti taasiftu hiree Itoophiyaan deebitee carraa kana keessatti hammatamuu ykn ala ta'uu ulaagaa murteessan keessati.

AGOA keessaa bahuun Itoophiyaa maal miidhe?

Itoophiyaan wayita sagantaa AGOA irraa fayyadamaa turtetti oomishaalee biyya keessatti oomishaman akka huccuu fi kanneen biroo gara Ameerikaatti ergiti turte.

Paarkiin industirii hedduunis invastimantii biyya keessaa fi alaa hawwachuun oomishni gara gabaa Ameerikaa ergamaa turan.

Qaraxa malee gara Ameerikaa erguun ammoo oomishni Itoophiyaa dorgomaa akka ta'u gargaara.

Haa ta'uu malee Itoophiyaan sagantaa sana keessaa baafamuu ishee booda warshaaleen muraasni oomisha isaanii hir'isan.

Warshaaleen hojii hir'isuu irraa kan ka'e hojjattootni baay'inaan hir'ifamuun carraan hoji dhabdummaa dabale.

Invastaroonni tokko tokko immoo karoora invastimantii Itoophiyaa keessatti karoorfatan akka irra deebi'anii ilaalan ykn akka jijjiiran taasise.

Rakkoon kun yeroo waraanaa, hanqina sharafa alaa fi rakkoo dhiyeessii addunyaa waliin walitti dhufuun damee oomisha al-ergii Itoophiyaa irratti dhiibbaa guddaa uume.

Haa ta'uu malee Itoophiyaan AGOA keessaa baafamte jechuun daldalli biyyoota lamaan gidduu jiru guutummaatti dhaabbate jechuu miti.

Akka ragaaleen tokko tokko jedhanitti daldalli meeshaalee fi tajaajilaa Ameerikaa fi Itoophiyaa gidduu jiru bara 2025 keessas haala gaariirra ture. Kunis AGOA jiraachuu baatus, hariiroon daldalaa biyyoota lamaan gidduu jiru ammas barbaachisaa ta'uu agarsiisa.

Itoophiyaan AGOA'tti deebi'uu dandeessi?

Dheerachuu yeroo AGOA kana hordofee carraan deebi'uu Itoophiyaa jira. Garuu murtiin sun akkasumaan kan dhufu hin fakkaatu.

Mootummaan Ameerikaa biyyoota AGOA keessatti hirmaatan fi gara fuulduraatti hirmaachuu barbaadan yeroo yerootti ni gamaaggama(qorata).

Ulaagaalee Itoophiyaan guutuu qabdu ilaalchisee mootummaan Ameerika adeemsa qorannaa kana gaggeessaa jira.

Qorannoon kun mootummaan, dhaabbilee daldalaa, inveestarootni fi qaamolee dhimmi ilaallatu ilaalcha isaanii akka dhiyeessan carraa kenna.

ta'us garuu hanga ammaatti, Ameerikaan Itoophiyaan AGOA keessatti deebitee akka hirmaattuuf murtii haaraa hin beeksifne.

Itoophiyaaf gara AGOA'tti deebi'uun qaraxa malee oomisha gara Ameerikaatti erguu qofa miti.

Hariiroo dippoloomaasii kessumaa biyyoota dhiyaa keessatti ga'ee guddaa qabaata.

Inveestaroota harkisuu fi invastimantii damee oomishaa, keessumaa kan huccuu, guddisuu danda'a. Akkasumas carraa hojii uumuu, galii sharafa alaa dabaluufi warshaalee biyyattii gabaa Ameerikaa keessatti dorgomaa taasisuuf shoora guddaa qaba.

Gama Ameerikaatiin garuu, hirmaannaan AGOA ulaagaalee mirga namoomaa, bulchiinsa gaarii fi siyaasaa waliin akka walqabatee jiru himameera.

Kanaaf, Kongireesiin Ameerikaa AGOA hanga bara 2028tti dheeressuun Itoophiyaaf carraa gara fuulduraatti deebi'uuf qabduuf ulaa banuu danda'a. Battala kanatti garuu Itoophiyaan ammallee murtee mootummaa Ameerikaa qorannoo kan bara 2026, ykn 2027 tin kan murtaa'u ta'a.

Hanga murtiin haaraan Ameerikaa irraa dhufutti, Itoophiyaan faayidaa daldalaa addaa AGOA malee itti fufti.