Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy torban sadii booda ummatatti mul'atan
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad erga fuula ummataa duraa badanii torban sadii booda mul'atan.
Bulchaan Itoophiyaa miidiyaarratti bal'inaan mul'achuun beekaman torbanoota dhihoo mul'achuu dhabuu isaaniin namoonni gaafatan turan.
Gabaasonni hin mirkanoofnees dhagahamaa turan.
Haa ta'u malee, dhimma kanarratti aangawoonni mootummaas ta'e mootummaan ummatatti waan dubbatan hin qaban.
Kunis ta'u, miidiyaaleen biyya keessaa mootummaatti hidhata qabaniifi miidiyaan biyyaalessaa dubbii isaan kana dura taasisan miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaa turan.
Bulchaan Itoophiyaa turtii torban sadii booda miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa suuraan deeggarameen baasaniin sirna waliigaltee tokkoorratti mul'ataniiru.
Waliigalteen kuni kampaanii liqaa bittaa manaa deebisanii tumsuuf kan yaadame yoo ta'u Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaafi Korporeeshinii Maallaqa Idil-addunyaa gidduutti mallattaa'eera.
Oduu sobaa faca'e
MM Abiy erga waa'ee nageenya isaanii ilaalchisee marsaalee hawaasaarratti oduun adda addaa odeeffamuu eegalee as miidiyaarratti yoo mul'atan kun kan duraati.
Haata'u malee, dhiheenya kana keessa marsaalee hawaasaa isaaniirratti barreeffamoota gara garaa maxxansaa turan.
Yeroo xumuraaf yoom ummatatti akka mul'atan mirkanatti himuun nama dhibuus yeroo xumuraaf kan mul'atan gaaffiifi deebii miidiyaa OBN waliin taasisaniifi miidiyaalee biyya keessaarratti darbeerrattidha.
Yeroo baay'ee miidiyaarraa fagaatanii kan hin beekne MM Abiy, eegasii torbanoota muraasaaf miidiyaarraa dhabamuun isaanii namoota biratti dhimma ijoo dubbii ta'ee ture.
Bulchaan Itoophiyaa sirna baniinsa Marii Biyyaalessaa irratti argamuun heerri Itoophiyaa akka fooyya'u malu akeekanii dubbatanii turan.
Haa ta'u malee, sirna cufinsaa marii kanaarratti osoo eegamanii hin mul'anne.
Miidiyaan hawaasummaa isaanii Facebook irrattis guyyoota 12'f osoo ergaa hin qoodin turaniiru.
Mul'achuu dhabuun isaanii ammoo namoonni hamii akka odeessan, odeeffannoon hin mirkanoofnes akka qoodamu karra bane.
Suuraa yookiin viidiyoodhaan mul'achuu baatanis torban sadii keessa ergaa sadii jechuunis; ergaa Ayyaana Mawliidaa, kan misoomaafi dhimma dargaggootaa qofa qoodan.
Kuni bulchaa miidiyaa hawaasummaa irratti bal'inaan mul'ataniifi oolmaa isaanii qooduun beekamaniif baay'ee xiqqaadha.
Fuula Fesbuukii isaanii hordoftoota miiliyoona 8 guute irratti qoodamuudhaas baatu, waa'ee du'a Mootii Norweey Haraald Shanaffaan gadda itti dhagahame ibsachuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa kanneen akka Tajaajila Oduu Itoophiyaafi Faanaa fa'aa gabaasaniiru.
Gabaasaaleen hin mirkanoofne waa'ee Ministira Muummee Abiy dhimmoota garagaraa himanis BBC'n mirkaneessuu hin dandeenye.
Keessumaa dhimmi miidiyaarraa mul'achuu dhabuun isaanii rogeeyyii mootummaa deeggaraniifi mootummaa morman gidduutti ho'ee mul'ate.
Waajjira Ministira Muummee, Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaafi kaan irraa iyyaafachuuf yaaliin BBC'n taasise hin milkoofne.
Aangawoonni mootummaa dhimmi kuni isaan ilaallatus odeeffannoo sobaa faca'aa turan irratti wanta dubbatan hin qabani.
Haa ta'u malee, gabaasaaleen biraa miidiyaatti mul'achuu baatanis Ministirri Muummee Abiy hojiirra akka jiran gabaasan jiru.
Guyyaa har'aa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti qoodaniin garuu sirna waliigaltee mallatteessuurratti qaamaan argamuu keessumaa ergaa Afaan Ingiliziin qoodan irratti himan.
Akka ergaa isaaniitti dhaabbanni liqaa mana ijaaruuf oolu yookiin biyya alaatti morgeejii jedhamu kana kaappitaala birri biiliyoona 100'n hundaa'eedha.
Korporeeshiniin Maallaqaa Idil-addunyaammoo yoo xiqqaate dolaara miiliyoona 200 ni gumaata jedhan MM Abiy barreeffama isaaniin.
Callaan maallaqaa damee baankii keessatti wal simuu dhabe kan furuufi liqii manaa guyyuu biyyaa gahu ni taasisa jedhameera.
Wal ta'iinsi kuni manneen miiliyoona 1.5 lammiilee Itoophiyaaf dhugoomsuuf ''murteessaa'' ta'uu dubbatan.
Bulchaan Itoophiyaan ija ummataa jalaa yoo badan garuu yeroo jalqabaaf miti.
Bara 2021 erga torban muraasaaf ija ummataa jalaa badan booda kanneen waa'ee nageenya MM Abiy 'oduu sobaa facaasan' waajjirri tikaa Itoophiyaa akeekkachiisee ture.
Waa'ee MM Abiy
MM Abiy mormii ummanni Oromoo taasiseen booda, Bitootessa 2018 gara angootti dhufan. Biyyattiin yeroo sanatti wal-waraansa waliiniitti ce'uuf xiqqootu hafe jedhamee ture.
Jijjiiramoota hedduus fidaniiru, gariin isaaniis waggoota muraasaan dura kan hin yaadamne turan.
Biyyattiitti Ministira Muummee Oromoorraa dhufe kan duraati.
MM Abiy paartilee ADWUI hundeessan keessaa tokko kan ta'e DhDUO dura ta'aa ta'uun hooggananiiru.
Mudde 2019 keessa Abiy ADWUI dirree siyaasaa Itoophiyaa waggoota 30'tti dhiyaataniif to'atee ture diiguun paartii 'Badhaadhina' ijaarani. TPLF garuu keessa seenuu hin feene.
MM Abiy Godina Jimmaa magaalaa Bashaashaatti Hagayya 15, 1976 maatii amantaa Kiristaanaafi Islaamaa qabanirraa dhalatan kun, 1980 keessa DhDUO'tti makamani.
Dargaggoo xiqqoo osoo jiraniis 1990 keessa falmii Dargii kuffisuuf taasifame keessa seenani.
Biyya mootummaan intarneeta irratti to'annoo cimaa itti taasisu keessatti Ejansii Nageenyaafi Netwoorkii Odeeffannoo (INSA) osoo hin hundeessin duras loltummaan gulantaawwan gurguddoorra darbuun Leetanaa Koleeneelummaarra ga'anii turani.
Sana boodas Ministira Saayinsiif Teeknooloojii ta'ani.
Yeroo kanatti dhaabbata telekoomii mootummaan to'atu gariin dhuunfaatti dabarsuuf waadaa seenanii jiru.
Dhimma nageenyaafi Tasgabbiin Yunivarsiitii Finfinneerraa Digirii sadaffaa kan argatan yoo ta'u, Yunivarsiitii Giriinwiich Landanirraammoo hooggansaan diigrii maastarsii argataniiru.
Afaan oromoo, Amaariffa, fi Tigrinyaa sirriitti dubbatu, Ingiliffa dabalatee.
- 1995: Ruwaandaatti miseensa nagaa eegsiftuu UN ta'uun tajaajilani
- 2007: INSA hundeessuun cinatti miseensa boordii Itiyoo Telekoom fi TV Itoophiyaa ta'uun tajaajilani
- 2010: 2015'tti gara miseensa koree hoji raawwachiiftuutti osoo hin dhufin dura miseensa OPDO ta'uun siyaasatti seenani.
- 2016: Ministira Saayinsiif Teeknooloojii ta'uun yeroo muraasaaf dalagani
- 2018: Ministira Muummee ta'ani
- 2019: ADWUI gara paartii Biyyaalessaa Badhaadhinaatti jijjiirani
- 2019: Badhaasaa Noobeelii Nagaa injifatani
- 2020: Humnoota Tigraay irratti haleellaa waraanaa banuuf dirqamuu isaanii ibsani
- 2021 MM ta'uun waggaa shan Itoophiyaa akka gaggeessaniif paarlaamaa biyyattiin muudaman.
- 2026 Marsaa lammataaf paartiin isaanii Filannoo Biyyaalessaa mo'ate