Akkatti suurri Fesbuukiirratti gadhiifame seenaa mana barumsaa Booranatti argamu jijjiire

Godina Booranaa Aanaa Dubluq kan jiraatan Aab Godaanaa Carfii, sababa manni barumsaa Ganda isaaniirraa fagoo jiruuf jecha hawaasa naannoo waliin taâuun mana barumsaa waliin ijaarratan qabu.
Haa taâu malee, manni barumsaa kuni godoo mukaan ijaarame kan gubbaan pilaastika balbala illee seeraan hin qabnedha.
Sababa kanaafis ganna ganna bokkaan waan jigsuuf jecha bara hunda Fulbaanarratti deebisanii haaromsuun ijoolleen achuma keessatti baratu.
Akka Aab Godaanaan jedhanitti manni barumsichaa keessa isaatiis teessoo hin qabu. Ijoolleen dhukkumarra teessee baratti.
Waggaa dura magaalli Finfinnee barattoota magaalattiif sagantaa nyaataafi uffata yunifoormii kennuu jalqabuu isaa toora Fesbuukiirratti waan gadhiiseef yaanni seenaa mana barumsaa kanaa jijjiirus isumaan walqabata.
Yeroo sanatti barsiisaan tokko kan waan barattoota Finfinnee kana argee âbiyyuma kana keessa ijoolleen mana barumsaa akkanaa keessatti baratanis nijiruâ yaada jedhuun suura mana barumsa maxxansa.
Suuraan Fesbuukiirratti maxxanfame kan mana barumsaa Dirree qilleensaa kan yeroo mara jigee Fulbaanatti haaromfamudha.
Namni hedduun wal harkaa fuudhee qooddate. Eessatti argama, akkamiin gargaarree ijaarra kan jedhus walumaan biyya keessaa fi alaa namni waldubbise.
Koreen kakaâumsa kana qindeessus battalumatti hundaaâe.
Miseensa koree kanaa kan tahan Aab Dabbasoo Waariyoo waan qoosaa fakkaatutu hojii qabatamaattiii jijjiirame jechuun BBCâtti hime.
âJalqaba nama jiraataa Yaaballoo taâe tokkotu qarshii kuma 30 nan gumaacha jedhe. Booda namoonni biyya Ameerikaa jiraatanis akka deeggaruu barbaadan barreessan.
ââNutis saffisaan koree uumnee, lakkoofsa herreega baankii bannee beeksisne. Yeroo gabaabaa keessatti birriin miiliyoona tokkoo fi kuma 300 taâu walitti qabameâ jedhan.
Maallaqa walitti qabame kanaanis manni barumsaa jijjigee ture suni bilokeetiidhaan ijaaramee baruu fi barsiisuuf qophiii taâeera jedhan Aab Dabbasoon.
âMana barumsaa kana jiâa sadii keessatti ijaarsisnee xumurre. Ijaarsa isaatiif birrii miiliyoona tokko taâutu bahe. Maallaqni kuni maallaquma waamicha karaa Fesbuukiin taasifne irraa argameâ jedhan.
Suura mana barumsaa kana Fesbuukiiirratti gadhiisuudhaan hojii hawaasa tajaajilu akkanaa qabatamaa gochuutti hedduu akka gammadanis himu.

Madda suuraa, Dabaso Wario
âFesbuukiiirraa kaâee waan qabatamaa akkanaa hojiitti jijjiiruutti hedduu gammadne. Miseensa koree kanaa taâuutuu baayyeen gammada.
ââAmma pirojektii lammaffaa jalqabneerra. Hayyuu argaa dhageettii Booranaa Doktora Kabajaa Borbor Buleetif mana jireenyaa ijaaruufis sochii jalqabneerraâ jedhan.
Jiraataan Gandichaa Aab Godaanaanis manni barumsaa kuni ijaaramuufii isaatti Qilixamsuu(Gammachuu) guddaa qabaachuu himan.
âDuraan ijoolleen fuula teessu hin qabdu. Fuula dabtara irra kaayattulleen hin qabdu. Rakkoo jabduu ture, amma waan hundi guutameefii hedduu nama qilixamsiisaâ jedhan.























