Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Doonaald Tiraamp waliigalteen waraana Iraan dhaabuu xumumuu jala gaheera jedhe, Iraan garuu dhara jette

Pirezidaant Doonaald Tiraamp waraana US-Iraanitti xumura gochuuf waliigalteen xumuramaa jiraachuu yoo ibsu, Iraan garuu "waanti xumurame hin jiru" jette.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp waliigalteen waraana Iraanitti xumura gochuu mallattaa'uu jala gaheera jedhe

    Dooaald Tiraamp waraana US-Iraanitti xumura gochuuf mariin gaggeeffamaa ture xumura jala gaheera jedhe.

    Iraan ammoo "waliigalteen xumure homtuu hin jiru" jechuun dubbiin Tiraamp dhara ta'uu ibsite.

    Tiraamp waliigaltichi xumuramaa jiraachuu kan dubbate haleellaa Iraanirratti halkan edaa gaggeessuuf ture haqamuu erga beekisee booda.

    Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baagehi ibsa kennaniin, Tiraamp waanuma itti fakkaate dubbataa akka jiru ibsuun "waanti xumurame tokkollee hin jiru" jedhan.

    Tiraamp USfi Iraan waliigalteerra gahuu jala gahaniiru jedhee dubbachuu erga eegalee bubbuleera. Haa ta'u garuu akka Tiraamp jedhe hanga yoonaa waliigalteen ifatti labsame hin jiru.

    Biyyoonni lachuu Ebla darbe dhukaasa dhaabuuf waliigalanis, darbanii darbanii wal-haleeluu hin dhiisne.

  2. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera!

    Doonaald Tiraamp Iraan wajjin waliigaluu jala geenyera jedhe. Iraan ammoo ammatti waanti irra gahame homtuu hin jiru jetti.

    Odeessaalee biyya keessafi idiladdunyaa karaa Marsariitii, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok BBC Afaan Oromoo argachuu dandeessu.