Tiraamp sodaa Iraaniin konkolaataa nyaata deddeebisu keessa dhokachuun xiyyaara jijjiirrachuu amanan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaant Doonaald Tiraamp sodaa haleellaa Iraanirraa kan ka'e konkolaataa nyaata deddeebisu keessa dhokatee xayyaara jijjiirrachuu amanan.
Taateen kun kan mudate ji'a darbe yeroo yaa'ii NATO Turkiitti gaggeeffameeratti ture.
Tiraamp gaazexeessitootaf ibsa kenneen tiki Ameerikaa yaaddoon haleellaa Iraan jiraachuu waan maluuf xayyaara jijjiirrachuu akka qabu itti himamuu ibse.
"Sekreet Sarvisiifi humna waraanaatu naan deema ture. Imala biraa, xayyaara biraan deemuu qabda naan jedhan. Waan isaan naan jedhan gochuun qaba," jechuun akkaataa itti nageenyasaaf jedhamee konkolaataa nyaata deddeebisu keessa godhamuun xayyaara biraatti dabarfame ibse.
Oduun Tiraamp haleellaa Iraan sodaachuun xayyaara jijjiirate jedhu kan dhagahame, gaafa Adoolessa 8, 2026 xayyaara Air Force One dhiisee konkolaataa nyaata fe'uun xayyaara biraatti dabarfamuu erga baramee boodadha.
Tiraamp daqiiqaa dhumaatti xiyyaara jijjiirratus, kanneen xayyaara inni keessaa bu'e irra turan balaaf akka saaxilaman godhamaniiru jechuun komiin irratti ka'aa jira.
Tiraamp garuu, inumaayyuu xayyaara inni daqiiqaa dhumaatti yaabbate, xayyaara waraanatu "balaaf saaxilamaa ture" jedhe.
US yaaddoo nageenyaa qabatamaa Iraan tiraamp irratti aggaamte akka ture qondaalonni US miidiyaa michuu BBC ta'e CBStti himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiki US yeroo wal-gahiin NATO Istaanbulitti gaggeeffama ture, nama misaa'ela ykn laawuncharii gateettirra godhachuun dhukaafamu baatee naannoo sana ture argee akka ture gaazexaan Niwu Yoork Taayims gabaasee ture.
Hojjattoonni Waayit Haawusiifi gaazexeessitoonni Tiraamp waliin xayyaara Air Force irra turan yeroo Tiraamp dhoksaan konkolaataa nyaata deddeebisu keessa godhamee xayyaara biraatti dabarfamu hin beekan ture.
Tiraamp ji'a darbe yeroo gara Turkii imale, namni akka isaa Iraanin adamsamu akka hin jirre dubbatee ture.
Tiraamp waa'ee Turkiitti yaaddoo nageenyaa Iraanirraa isa mudatee gaazexeessitootatti yoo dubbatu, "yaaddoon [nageenyaa] wayii akka jiru nan beeka. Garuu maalidha jedhee baay'edhuma hin gaafanne," jedhe.
Dabaluuniis, "yaaddowwan narratti aggaamaman kan isin hin beekne heddun qaba" jechuun dubbate.
Tiraamp jalqaba ji'a Adoolessaa walgahii NATO irratti hirmaachuuf xayyaara qaalii Boeing 747-8 Kaatar irraa kennaadhaan argate yaabbachuun ture gara Turkii kan imale.
Gaafa Adoolessa 8 yeroo Turkiidhaa bahu xayyaara pirezidaantiin US ittiin imalu Air Force One yeroo yaabbate.
Akka gabaasa Niwu Yoork Taayimsitti, akkuma xayyaaricha seenen gara konkolaataa ittiin nyaata ittiin xayyaara irra baasan keessa godhamuun battalumatti osoo namni hin argin gara xayyaara waraanatti dabarfame.
Namoonni hedduun Tiraamp xayyaaruma Air Force One keessa jira jedhee yaada. Miidiyaalenis, Tiraamp xayyaara Pirezidaantiin Ameerikaa ittiin imalu yaabbachuun Turkiidhaa ka'ee biyyatti deebi'uu gabaasanii turan.
Inni garuu xayyaara waraanaa C-32A jedhamuufi Boeing 757 tti haareffame keessa godhamuun Turkii keessaa baafame.
Xayyaara waraanaa haareffame kana yeroo baay'ee Pirezidaantii Itaanatu ittiin imala. Taatee yaaddoo nageenyaa Iraanirraa Tiraamp mudate jedhame kanaan garuu, Tiraampitu ittiin imale.
Ministirri Ittisaa Piit Heegseet xayyaara waraanaa karaa balbala idileen yeroo seenu viidiyoowwan agarsiisu turan.
Qondaalonni Waayit Haawusiifi gaazexeessitoonni xayyaara Air Force One keessa turan haguuggii foddaa xayyaaraa akka itti deebisan itti himamee ture. Garuu isaan Pirezidaant Tiraamp isaan biraa konkolaataa nyaata deddeebisu keessa godhamee xayyaara waraanaa keessa akka kaa'ame isaan hin barre.
Gaazexeessitoonni xayyaara Air Force One irra turan haguuggii foddaa akka gadi deebisan humnoota nageenyarraa gaafa itti himamu, taateen kana dura hin baramne raawwataa jiraachuu shakkii qaban ibsaniiru.
Konolaatonni nyaata deddeebisan lama bitaa mirgaan balbala xayyaarichaa irra dhaabatanii arguus himu.
Xayyaara Pirezidaantii Ameerikaa baatu kamiifuu koodiin nageenyaa (call sign) Air Force One kan jedhuudha.
Haa ta'u garuu, taatee Turkiitti mudatee xayyaara waraanaa C-32A tti dabargame keessatti, koodiin imala sanaa "Reach 18" kan jedhu ture.
Ministiira dhimma alaa Maarkoo Ruubiyoo dabalatee qondaalonni Waayit Haawus kaan gatuu xayyara Tiraamp keessaa bu'e keessa akka turan Niwu Yoork Taayims gabaase.
Tiraamp erga Turkiidhaa ka'ee booda UK qubachuun achirraa xayyaara Air Force One tti deebi'uun gara Waashingtanitti imale.
















