Mariin Biyyaalessaa kan gaggeeffamaa jiruuf yeroo aangoo gaggeessaa biyyaa 'daangessuufi'- MM Abiy

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministirri Muummee Ityoophiyaa Dr Abiyyi Ahimad, mariin biyyaalessaa gaggeeffamaa jiru kun, yeroo aangoo gaggeessaa biyyaa heera mootummaa irratti daangaa malee taa'etti daangaa gochuufi jedhan.

Yeroo mootummaa isaanii "aangoon seeraan daangeffamuu qaba" jechuun sirna mootummaa fooyyessuuf yaalii gaggeessaa jiranitti gareewwan marii biyyaalessaa keessatti hirmaachuuf hin feene qeeqaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi kana kan dubbatan, Komishiniin Marii Biyyaalessaa har'a Jimaata, Caamsaa 7 bara 2018 (E.C.) gabaasa hojii isaa dhiheesse irratti dha.

Sagantaa kana irratti, hooggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo ol'aanoo akkasumas miseensonni koree dhaabbii mana maree bakka bu'oota uummataa irratti argamaniiru.

Haasawa isaanii keessatti, mootummaa isaanii komishinii kanaaf deeggarsa taasisaa jiru akka itti fufu irra deebi'anii mirkaneessaniiru.

Akkasumas, mootummaa ammaa tajaajila isaa osoo hin xumurin dura, komishiniin yaada isaa yoo dhiheesse, "akka danda'ameen hojii irra oolchuu" fi yaadoota san fayyadamuun fooyya'insa gochuuf qophaa'oo ta'uu isaanii ibsaniiru.

Viidiyoon haasawa daqiiqaa sadii ol xiqqaa televizhinii biyyoolessaa irratti mul'ate akka agarsiisutti, Abiyyi hojii komishinichaatti "boonuu isaanii" ibsaniiru.

"Ilmaan keenya gara fuulduraatti galmee seenaa keessatti hojii fi seenaan keessan ni ilaalu; irraa barumsa guddaa akka argatan shakkiin hin jiru," jedhaniiru.

Akkasumas, biyyoota Afrikaa hedduu keessatti hojii akkanaa yeroo baay'ee karaa aangoo dheeressuuf taasifamee malee, akka komishiniin kanaa adeemsifame hin turre jedhan.

Ityoophiyaatti garuu, jijjiirama mootummaa kana keessatti, faallaa kanaatiin, yeroo aangoo hoogganaa biyyattii daangeessuuf akka ta'e ibsaniiru.

"Akka heera mootummaa Ityoophiyaatti, ministirri muummee hanga paartiin isaa mo'atetti fi hanga filatamuu danda'etti daangaan yeroo hin kaa'u. Amma garuu wanti nuti irratti mari'achaa jirru sun balaa qaba; kanaaf daangeessuuf barbaadna," jedhan.

Abiyyi akka jedhanitti, seerri mootummaa kuni kana dura kan raggaasifame namoota "muraasa dhibbootaan lakkaa'aman walitti qabamaniin" jedhamaa ture'' jedhan.

"Mariin akka kanaa biyyoota biroottis hin baratamne'' jedhan.

Mootummaan hojii kana jalqabuun isaa, namoota marii biyyaalessaa keessatti "hin mari'annu" jedhan akka of gaafatan dirqamsiisa'' jedhan.

Mootummaan isaan hoogganan, "fedhii koo tiin, uummanni mari'atee, aangoon koo seeraan daangeffamee, gaaffileen uummataa seera mootummaa keessatti hammatamanii fooyya'uu akka danda'uuf eeyyamamaadha," jedhaniiru.

Akkasumas,"namoonni fedhii siyaasa fi aangoo qaban, fooyya'iinsa kanaaf marii banaa kana irratti mootummaa caalaa gammachuudhaan irratti hirmaachuun isaan irraa eegama," jedhaniiru.

Namoonni kanaaf qabsaa'an akkamiin marii kana irratti hin hirmaannu jedhu? Hin mari'atan taanaan maaliif siyaasa barbaadu? Siyaasni hoo irra caalaan isaa waan mariidhaan gaggeeffamudha'' jedhan.

Garuu, Abiyyi akka jedhanitti, hojiin Komishinii Marii Biyyaalessaa "ol'aanaa dha; Ityoophiyaanonni %90 ol irratti hirmaataniiru, kanaaf gaaffii uummata deebisuu danda'a" jedhaniiru.

Kana irraa ka'uunis, "jijjiirama fi riifoormii nuti yaadnuuf bu'uura cimaa kaa'uu danda'a" jedhan.

Komishiniin marii biyyaalessaa gabaasa isaa har'a dhiyeesse keessatti, aanota 1,234 keessatti "hojii ajandaa walitti qabuu fi adda baasuu milkaa'aa" hojjetame jedheera;

Hojii kanaanis kutaalee biyyattii keessaa %93 ol uwwiseera jedhe.

Adeemsa kana fakkaatu naannoo Tigiraayitti gaggeessuu akka hin dandeenye kan ibse komishinichi magaalaa Finfinneetti, naannoo Tigiraay keessaa namoota bakka bu'uun argamanii fi kanneen magaalaa Finfinnee dabalatee bakka biraa jiraatan argaman waliin marii gaggeessuu ibseera.

Adeemsa itti aanuufis mata dureewan marii marii biyyaalessaa kan qopheessuu fi marichas akka gaggeessu komishinichi ibseera.

Bu'aalee sadarkaa biyyaalessatti irratti waliigalanii fi yaadota mariif dhiyaatanis akka beeksisu ibseera.