Tiraamp wixinee yaadaa US waraana dhaabuuf dhiheessite irratti deebii Iraan kennite fudhatama dhabsiise

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezidant Doonaald Tiraamp wixinee yaadaa US waraana dhaabuuf dhiheessite irratti deebii Iraan kennite ''guutummaatti kan fudhatama kan hin qabne'' jechuun kuffiseera.

Akka miidiyaa gariin kan mootummaa Iraan ta'e Tasnim jedhamuutti deebiin Iraan kennite karaa biyya jaarsummaan gidduu jirtu, Paakistaan, gara US ergame.

Wixineen Iraan dhiheessite ''adda waraanaa hundarratti waraanni akka dhaabbatu, US uggura galaanarraa akka dhaabdu fi haleellaan Iraan irratti itti fufee akka hin raawwanne wabiin akka jiraatu'' gaafata.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyaa labsamee eegalee dhiibbaa cimaa jala jiraatus garuu ammallee akkuma eegametti jira.

Tiraamp torbee darbe keessa waraanni Iraan ''yeroo gabaabaa keessatti xumurama'' jedhee ture.

Garuu Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaaniyaahuu ammoo hanga yuraaniyemiin Iraan gabbiste ''biyya sanaa baafamutti'' waraanni kun dhaabbachuu akka hin dandeenye dhaadate.

Dilbata kaleessaa Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan ''yoomuu diinaaf gadi hin jennu. Marii irratti yoo hirmaannes harka kennine jechuu miti,'' jedhan.

Tiraamp yaada miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti maxxanseen ''deebii Iraan karaa namoota bakka buutota jettee waamtuu kennite dubbiseera, hin jaallanne. Guutummaatti waan fudhatama hin qabnedha,'' jedhe.

Miidiyaan US Axios jedhamu akka gabaasetti wixineen karooraa US waraanni akka dhaabbatuuf dhiheessite, kan fuula tokkoon dhihaatee fi qabxii 14 qabate, Iraan yuraaniyemii gabbisuu akka dhaabdu, qoqqobbiiwwan akka kaafamanii fi Hormuuz akka banamu of keessaa qaba.

Iraan fi US dhiibbaa walirratti uumuuf jecha Ulaa Hormuuz, kan daandii daddabarsa boba'aa addunyaa akkaan murteessaa ta'e, ugguranii jiru.

Lachuu gocha kanaaf quba walitti qabu, addunyaan garuu daafoo kanaan guddoo miidhamaa jirti. Gatiin boba'aa guyyuu dabalaa jira.

Waraanni US fi Israa'el Guraandhala 28 Iraan irratti bananii fi haleellaan haaloo ba'uu Iraan fudhatte guyyoota 40f walitti fufee erga gaggeeffamee booda ji'a darbe waliigalteen dhukaasa dhaabuu irra ga'ame.

Neetaaniyaahuun gaaffii fi deebii CBS waliin taasiseen ''deeggarsa waraanaa Ameerikaan Israa'eliif taasiftu zeeroo irraan ga'uun barbaada,'' jedhe.

''Waggaa waggaan doolaara biiliyoona 3.8 deeggarsaan arganna. Amma yeroo deeggarsa malee socho'uu barachuu qabnurra geenyeerra. Amma jalqabnee, waggoota kurna itti aanan keessatti guutummaatti hojiirra oolchina.''

Iraan biyyoonni ollaa qoqqobbii Ameerikaa akka hin deeggarre akeekkachiisteetti.

Dubbi himaan humna waraanaa biyyattii Mohammad Akramiiniyaa dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz darban Iraan waliin wal hin tumsan taanaan ''balaa cimaatu isaan eeggata,'' jedhe.

Ameerikaan uggura Hormuuz irratti yaalaa jirtuun gonkumaa hin milkooftu jedhe qondaalli waraanaa Iraan kun.

Erga waraanni Guraandhala 28, 2026 eegalee booda Iraan Ulaa Hormuuz, kan daldala boba'aa addunyaaf lafee dugdaa ta'e, cufuun dantaa ishee eegsifachuurratti fuulleffattee jirti.

Dooniiwwan akka karaa kana hin dabarre akeekkachiisaa yeroo garii ammoo haleellaa irratti raawwataa turteetti.

Ameerikaanis humna biyyoota Galoo Galaanaa, kanneen akka Qataar, Bahreen, Kuweet, UAE, Sa'uudii Arabiyaa fi Omaan, keessaa qabdu fayyadamuun Iraan irratti dhiibbaa uumaa jirti.

Ammas taanaan Iraan biyyoota Ameerikaan humna waraanaa keessaa qabdu irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuu hin dhiisne.

Dilbata kaleessaa Kuweet haleellaa diroonii Iraan qilleensarratti qolachuu ibsite.

Humni waraanaa ishee deebii sirrii fi yeroosaa eeggate kennuu himte.

Akkasumas Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) dirooniiwwan lama Iraan irraa dhukaafaman qolachuu ibsiteetti.

Tiraamp gaafa Caamsaa 6, 2026 ergaa akeekkachiisaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social dabarseen ''Iraan yaada dhihaaterratti walii hin galtu taanaan haleellaan boombii ni eegala, waraana kanaan dura argamee hin beeknetti seenna,'' jedhee ture.