Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Karoora waaraana xumuruu US dhiyeessiteef deebiin Iraan maali?
Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waraanni Iraan waliin taasifamaa ture ''dafee akka xumuramu'' danda'u himaniiru. Kaayyoo Iraan meeshaa niwukilaraa akka hin qabaanne dhorkuuf ta'uun hubatamuu dubbataniiru.
Yaadni Tiraamp kun kan kenname erga Iraan yaada Ameerikaan waraanicha xumuruuf dhiheessite ammallee gamaaggamaan jira jettee booda.
Dhaabbanni oduu Ameerikaa Axhios akka gabaasetti, Waayit Haawus Iraan waliin waliigaltee qabxii 14 qabu irra ga'uuf dhihaatera. Yaadni dhihaate kun marii niwukilaraa gara fuula duraatti taasifamuuf bu'uura ta'uu danda'a.
Karoora dhiyaate keessa, Iraan gabbisa niwukilaraa dhaabuu, Ameerikaan qoqqobbii Iraan irra kaasuu fi ulaan Hormuuz dooniidhaaf deebi'ee akka banamu taasisuu fa'i.
Axihos odeeffannoon kun qondaaltota Ameerikaa maqaan isaanii hin ibsamnee fi maddoota biroo marii kana beekan irraa kan argame ta'uu ibseera.
Rooyitars akka gabaasetti maddeen lama tattaaffii jidduu seenummaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifamaa jiru gara waligaltee xumuratti dhiyaachuu mirkaneessaniiru. Haa ta'u malee yaadni dhiyaate guutuun ummataaf ifa hin taane.
Miseensi mana maree olaanaa Iraan tokko yaada dhihaate kana kuffisuun "tarree hawwii( wish list)" jedheera. Ministeerri Dhimma Alaa Iraan, Teehiraan yaada dhihaate erga gamaaggamtee xumurteen booda deebii ishee mariisiftuu ykn biyya jaarsummaa taa'afii jirtu Paakistaaniif akka kennitu ibsiteerti..
Ministirri dhimma alaa Paakistaan akka jedhanitti Paakistaan dhukaasa dhaabuu gara dhaabbataatti jijjiiruu ykn guutummatti waraana xumuruutti jijjiiruuf yaalaa jirti.
Tiraamp Roobii galgala sagantaa duula filannoo viirchuwaalaa Rippabilikaanota kutaa Joorjiyaa keessatti argamanif haasawa taasisaniin waraanni kun yeroo dhiyootti akka xumuramu abdii guddaa akka qaban dubbataniiru.
Pirezidaantichi Ameerikaan ''sa'aatii 24 darban keessatti Iraan waliin marii baayyee gaarii ta'e'' fi waliigalteerra ga'amuun danda'amu taasisaa jirti jedhan. Kun rakkoo sababa gatii boba'aa olka'aa ta'een Ameerikaanota irratti dhufu kamiyyuu yeroo gabaabaatti kan furu ta'uu himan.
Itti dabaluudhaanis, Iraan carraa meeshaa niwukilaraa qabaachuu dhowwuun isaa sirrii ta'uusaa namoonni baay'een akka hubatan dubbataniiru.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Ismaa'eel Bagahi akka jedhanitti Iraan ammas yaada Ameerikaan dhiheessite qorachaa jirti.
Dubbi himaan paarlaamaa Iraan Ebrahim Rezahi Ameerikaan dhiibbaa yoo dabalte Iraan deebii kennuuf qophiidha. Kanaaf Tiraamp doorsisa akka dhiisaan akeekkkachiisan.
Traamp Iraan yoo waliigalteerra hin geenye tarkaanfii waraanaa cimaa akka fudhatan kan doorsisan. Mariin yoo hin milkoofne haleellaan "sadarkaansaa baay'ee ol'aanaa" ta'een deebi'ee jalqabuu akka danda'u barreessan.
Kana dura ministeerri ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon duulli Ameerikaan Iraan irratti taasifte kaayyoo isaa galmaan ga'eera jedhan.
Tiraamp hojii dooniiwwan ulaa Hormuz keessa nagaadhaan akka ba'an gargaaruuf baasanis adda kutaniiru
Iraan erga Ameerikaa fi Israa'el dhuma baatii Gurraandhalaa keessa haleellaa jalqabanii as ulaa Hormuuz kan boba'aan addunyaa harki 20 keessa geejjibsiifamu baay'inaan cuftee jirti.
Ji'a Eblaa keessa US fi Iraan dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru. Sana booda Iraan haleellaa misaa'elaa fi diroonii biyyoota Galoo Galaanaa kan akka Yunaayitid Arab Emireets irratti raawwattu dhaabderti . Haa ta'u malee, geejjibni doonii karaa ulaa Hormuuz keessa darbu ammallee daangeffameera.
US Buufata Doonii Iraan cuftee dooniiwwan hedduu akka dhaabde ibsiteetti. Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa Roobii kaleessaa akka jedhetti, doonii boba'aa Iraan Galoo Galaana Omaan keessatti uggura kana cabsuuf yaalte hojii dhabsiisuu isaa ibseera.
Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Israa'elii fi Ameerikaan Iraan irratti walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiru jedhan. Biyyoonni lachuu Yuuraaniyeemii Iraan gabbistee qabdu akka buqqa'uu fi sagantaan niwukilaraa ishee akka diigamu barbaadu jedhan.