Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Carraa ajaa'ibaa hiriyoonni waggootaaf waliin hojjataa turan obbolaa ta'anii argaman
Juuliyaa Tiinaati fi Kaasaandraa Maadisan waan baay'ee wal fakkaatu qabu. Mana dhugaatii tokko keessatti osoo hojjetanii wal arganii hiriyaa waliif ta'an.
Lamaanuu bara 1960moota keessa Ameerikaatti dhalatanii guddatan. Ijoollummaa isaaniitti wal hin beekan turan. Manni isaanii yoo xiqqaate daqiiqaa 15 addaan fagaata ture.
Lamaanuu maatii guddifachaa keessatti guddatan. Kaasaandraan ijoollummaa isheetti yeroo baayʼee waaʼee haadha dhalootaashee irra deddeebiinyaaddi turte.
Ijji ishee ykn kolfi ishee kan haadha ishee waliin fakkaata laata jettee yaaddi. Warri ishee Rippabiliika Doominiikaa akka ta'an beekti.
"Baay'ee hiyyeeyyii waan ta'aniif guddifachaaf na kennaniiru. Na guddisuuf humna hin qaban turan," jetti.
Warra ishee argachuuf carraaqqiin isheen goote ragaa dhalootaa waan hin qabneef hin milkoofne.
Umurii waggaa 19tti alaabaa Rippabiliika Doominiikaan harka ishee irratti tattoo godhatte. Seenaa ishee qooduuf tattoo kana tolfachuu yaadde.
"Anaaf Doominiikaa ta'uun koo boonsaa," jetti.
Waggaa shan booda mana dhugaatii tokkotti keessummeessituu taate. Juuliyaa waliin wal barte. Juuliyaan dugda ishee irrattis alaabaa Rippabiliika Doominiikaa irratti tattoo walfakkaatu qabdi turte.
Juuliyaan ammoo tattoo kana kan hojjatattee yeroo umuriin ishee waggaa 22 ture.
Tattoo kana kan filatte bakka itti dhalatte yaadachuufi.
Hiriyoonni miiltoo hojii lamaan kun maatii guddifachaa keessatti akka guddatan hubatan.
"Rippabiliika Doominiikaa irraa guddifachaadhan akka achi dhaqe ittin hime. Seenaa wal fakkaatu akka qabdu yeroo natti himtu heddu na rifachiise" jetti Juuliyaan.
Sana booda namoota gaafachuu jalqaban. Wal fakkaanna?jedhanii gaafatu. Namoonni isaan gaafatanis akka isaan wal fakkaatan mirkaneessuf.
Obbolaa ta'uu isaaniillee qoosaa turan. Caalaatti wal fakkaachuuf uffata wal fakkaatu bitachuu illee jalqaban.
Irra caalaa isaa akka qoosaatti kan jedhan taʼus, hariiroo dhugaa qabaachuu akka dandaʼan shakkan.
Ragaawwaan sanadoota qabanii fi maatii irraa fudhataman wal bira qabuu jalqaban. Haa ta'uu malee Obbolaa ta'uu isaanii ragaan tokkollee hin arganne.
Bakka adda addaatti akka dhalatan sanadoonni isaanii kun kan mul'isu. Haadholiin dhaloota isaaniis maqaa adda addaa qabu.
Yeroo muraasa booda lamaan isaanii hojii adda addaa argachuun addaan ba'an.
Kaasaandraan gara Varjiiniyaa yommuu deemtu, Juuliyaan bakka itti wal argan Konektikaat keessa turte.
Akka duraanii walitti dhihaachuu baatanis ammallee gaaffii gaafachaa turan.
Waggoota booda, Kaasaandraaf qorannoon DNA godhame.
Qorannoo kanaan ture kan isheen ilma obboleetti abbaa ishee waliin wal barte.
Haati ishee bara 2025 Awurooppaatti akka dute i ilma obboleetti abbaa ishee kana irraa dhageesse.
Du'a haadha isheen gadditus, abbaashee dabalatee miseensota maatiishee kan biraa wajjin wal arguu akka dandeessu barte.
Warri ishee ijoollummaa isaaniitti miidhaa cimaa akka irra gahe ilma obboleetti abbaa ishee irraa barte.
Abbaan ishee Adriyaanoo Luunaan Koolaadoo bilbilaan argatte. Hiyyummaa hamaa irraa kan ka'e maatiin isaa bakka irra rafan illee akka hin qabne itti hime. Haala kana keessatti maatii guddifachaaf ishee kennuuf murteessan.
Haati ishee ulfooftee obboleessi ishee angafaa akka malee dhukkubsatee ture. Kanaaf abbaan ishee guddifachaaf kennuu malee filannoo biraa akka hin qabne murteessan.
Gara Rippabiliika Doominiikaa deemtee maatii ishee hunda waliin wal barte.
Manni nyaataa suuraa ishee irratti barreeffame tolchanii turan. Akkuma abbaa ishee argiteen hammattee boo'uu eegalte. Abbaan ishee ishee waliin boo'e.
Yeroo Ameerikaatti deebitu gammachuudhaan guutamte. Yeroo muraasa booda nama Mooliin jedhamtu irraa ergaan isheef dhaqqabe.
Mooliin hiriyyaa ijoollummaa Juuliyaati. Maatiin hiriyoota isaanii lamaan ijoollee Rippabiliika Doominiikaa irraa guddifachuuf waliin imalan.
Haati Mooliifi haati Kaasaandraa maqaa tokko waan qabaniif obboleettiidha jettee yaadde.
Haa ta'u malee, qorannoo DNA yommuu godhan obbolaa akka hin taane hubataniiru. Akkasumas maqaan ragaa dhalootaa irratti barreeffame sirrii akka hin taane hubataniiru.
Mooliisn suuraa haadha Kaasaandraa qabdi turte. Suuraan kun suuraa haadha Juuliyaa wajjin baay'ee wal fakkaata.
Kanaaf Mooliin Kaasaandraa fi Juuliyaan obboleettii akka taʼan tilmaamte.
Kaasaandraan abbaa ishee viidiyoodhaan bilbiltee daa'ima biraa guddifachaaf kennuu isaa gaafatte, abbaan ishee immoo dhugaa jiru itti hime.
"Eeyyee mucaa biraa guddifachaaf kenninerra jedhe. "Hanga ammaatti maaliif natti hin himneree?" jettee ajaa'ibsiifatte
Kaasaandraan bu'aa qorannoo DNA ishee qabattee sa'aatii saddeet konkolaataa isheetiin gara Varjiiniyaa deemte. Juliyaan akka qorannoo DNA taasiftu godhan
Bu'aan qorannoo torban lamaa fi walakkaa fudhata ture. Lamaanuu yaaddoodhaan eegaa turan.
Dhumarratti bu'aan isaan eegaa turan dhufe. Obbolaa ta'uun isaanii mirkanaa'e
"Obboleaawwaan ta'uu keenya ta'uu utuu hin beekiin yeroo dheeraf akka obbolaatti jiraachuun keenya nama ajaa'iba," jetti Juuliyaan.
Kaasaandraan oduu kana waayita dhageessee gammachuun boosse. Abbaa isheettis bilbiltee itti himte. Abbaanis Ilma isaa ykn obboleessa isaanii waliin akka wal baruu qaban itti hime.
Obbolaan kun gara Rippabiliika Doominiikaatti waliin imalan. Maatiinis suuraa obboleettota lamaan maxxanfame qabatanii isaan simatan.
Abbaan Juuliyaa yommuu argu, "Mucaa koo" jedhee jabeessee ishee hammate.
Obbolaan kun yeroo jalqabaatiif maatiin isaanii walitti dabalamuun isaanii gammachuudhaan kan guutame ture. sirbaa fi shubbisaan dabarsaniiru.
Abbaan ijoollee isaa waliin wal arguun kennaa guddaa Uumaa irraa argate akka ta'e dubbata.
"Baay'een gammada. Dhuguma gammadneerra. Yeroo na daawwachuuf dhufan onneen koo gammachuudhaan guutama. Akkuma maatiin hundi ta'uu qabutti jaalalaan isaan simanna. Seenaan keenya bareedaadha. Maatiin hundi seenaa bareedaa akkasii hin qabu."jedha.