Humna waraanaa jabaa, ulaa galaanaa fi heeraa fooyyessuu - karoora MM Abiy itti aanan

Abiy Ahimed
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

MM Abiy Ahimed waggoota shanan dhufaniif Ministira Muummee Itoophiyaa ta'uun erga irra deebiin filatamanii booda, haasawa taasisaaniin hojiiwwan mootummaa isaanii yeroo itti aanu keessatti raawwachuuf karoorfaman keessaa ijoo ta'an kaasaniiru.

Dr. Abiy uummata miliyoona 54 ol ta'an Filannoo Biyyaalessaa 7ffaa irratti sagalee kennan galateeffachuun ture kan haasawa isaanii eegalan.

Haala nageenyaa rakkisaa ta'e keessatti murannoodhaan sagalee kennuu isaanii eeruunis uummata galateeffataniiru.

Waggoota shanan darban keessatti misooma mootummaan isaanii milkeesseefi qormaata isaan keessa darbanis himaniiru.

"Itoophiyaan diigamuuf jedhamee dibbeen yeroo rukutamu, 'Itoophiyaan tokkummaan fullaati' yeroo jennu, warri Pirooppagaandaa keessa seenan jiru. Har'a garuu dhiphinni diinota keenyaa Itoophiyaan Galaana Diimaarratti mooti akka hin taane ittisuu qofa ta'eera. Waa'een diiguu abjuu hin milkoofne itti ta'eera," jedhan.

Kana malees, "Itoophiyaan hin kuftu" isa jedhu qofa osoo hin taane, Gaanfa Afrikaatti akka biyya hangafaa, akka biyya jabduu, akkasumas akka biyya qaroomina qabduutti uummata naannichaa hunda qabattee biyya olkaatu ta'uu ishee hojiidhaan itti agarsiifna," jechuun ibsan.

Mootummaan haaraan Itoophiyaa kun hundeeffamaa kan jiru, qaamoleen Itoophiyaa keessatti hidhannoon mootummaa dura dhaabbatan mootummaa kuffisuuf walta'uu isaanii ibsanii, torbanoota muraasa boodaadha.

Akkasumas, yeroo mootummaa Federaalaa fi garee TPLF gidduutti waraanni Kaaba Itoophiyaatti dhalatee, loltoonni Itoophiyaa magaalaa guddoo Naannoo Tigraay, Maqalee, harka hidhattoota TPLF jalaa baasanitti, jechuun ibsan.

MM Abiy haasaa isaanii kanaan dhaabbilee mormitootaa ofitti dabaluun dantaa biyyaalessaa fi faayidaa uummataaf hojjechaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.

Faallaa kanaatiin garuu, "Diinotni ejjennoo diigumsaa qaban walta'iinsa ijaaraa jiru," jechuun dubbatan Dr. Abiy.

Ammas, kaayyoon guddina biyyaa ilaalcha ida'amuu irratti hundaa'uun qaban akka milkaa'u shakkii tokkollee akka hin qabnes himaniiru.

"Ilaalcha ida'amuu qabannee, akka milkeessinu yeroo dubbannu shakkii takkallee hin qabnu. Dandeettii keenya dhokataa barree, adeemsa keenya kan walqabate gochuun, addunyaa irraa muuxannoo fudhannee, tokkummaa sabdaneessummaa irratti bu'uureffannee ijaarra.

Mirga dhuunfaa fi garee madaalchifnee kabajnee, eenyummaa siivikii haaraa ijaarree, dirree siyaasaa dimookraatawaa ta'e heerarratti hundeessinee, abjuuwwan Itoophiyaa ni milkeessina," jechuun ibsan.

Itti dabaluunis, "Itoophiyaa badhaatuu taate ni dhaalchifna," jedhaniiru.

Heerri fooyyeeffamuu irratti

Abiy Ahimed
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

MM Abiy akka jedhanitti, Heera Mootummaa Itoophiyaa waggoota 30 ol hojiirra ture irratti fooyya'iinsi barbaachisaa ta'e ni taasifama.

Bu'uura yaada murtee Marii Biyyaalessaa ji'oota muraasa dura xumurameen, Heerri Mootummaa akka fooyya'u dubbataniiru.

Mootummaan isaanii paartilee mormitootaa Filannoo Biyyaalessaa darbe irratti hirmaannaa ho'aa taasisan waliin hojjechuun, hojiiwwan yeroo itti aanuuf karoorfaman keessaa tokko ta'uu ibsaniiru.

Fooyya'iinsi maarkoo-ikonomii jabaatee galma kaa'ameef akka ga'uuf hojjetamus kaasan.

Itti dabaluunis, seenessa waloo tokkummaa biyyaaf bu'uura ta'e irratti hojjechuun itti fufna jedhaniiru.

Nageenya biyyattii yeroo ammaa qormaata ta'ee jiru ilaalchisee yaada kennaniin, "Dhimmi nageenya keenyaa akka jabaatuuf daandii marii fi dhiifamaa hordofna," jedhan.

Gama kaaniin, qophii fi hordoffiin nageenyaa fi tasgabbii cimaan ni taasifama jedhaniiru.

Dr. Abiy, Itoophiyaan humna waraanaa fi humna qilleensaa cimaa ijaaruun diinota ishee ofirraa ittisuuf gahumsa qabaachuu himaniiru.

Waggoota darban keessatti Itoophiyaan qormaatawwan hedduu keessa darbuu eeranii, "Ni gatantarre malee hin kufne; ammas hin kufnu," jechuun ibsaniiru.

Itoophiyaanonni dhimma siyaasaa irratti garaagarummaa qabaatanis, dhimma dantaa biyyaalessaa irratti yaada tokko qabaachuu akka qaban kaasan.

Kana malees, hidhattoota mootummaa finciluuf bosona keessa jiran karaa marii fi araaraa gara nagaatti akka deebi'an waamicha dhiyeessaniiru.

Yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa fi Mana Maree Federeeshinaalaa irratti Abiy irra deebi'anii yaada kennaniin, Itoophiyaan ulaa galaanaa akka qabaattu cimsinee ni hojjenna jedhaniiru.

Naannoo kanatti humna qilleensaa jabaa ijaaruuf kutannoodhaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

"Guddina Itoophiyaa, haala yeroo addunyaa fi naannoo kanaa, darbees haala addunyaa fuulduratti dhufuu ilaalcha keessa galchuun humna ittisaa qabaachuuf ni hojjenna.

Naannoo keenya keessatti humna olaantummaa qilleensaa qabaachuuf dandeessisu, humna ittisaa ammayyaa, kan kalaqu, yeroo mara qophii ta'ee fi gahumsa qabu, balaan dhalachuu dura kan ittisu ijaarra.

Yeroo diinni dhufu kan ittisu, yoo hammaates akka abbootii isaa akkuma barame injifachuu danda'u humna qabaanna," jedhan.

Abiy hidhattoota bosona keessa jiranis waamicha godhaniiru.

"Lammiileen Itoophiyaa bosona keessa jirtan, daandii nagaatti koottaa. Lammiileen mufattan, afuura dhiifamaatiin ta'aatii ijaarsa biyyaarratti hirmaadhaa.

Paartileen mormitootaa faayidaa biyyaalessaarratti walta'anii dhaabachuun, yaada filannoo ta'e qabatanii dorgomuuf dhaabbadhaa," jechuunis waamicha dhiyeessaniiru.