KALLATTIIN, 'Shaakala siyaasaa lola aadeffate gara mariifi waldhaggeeffachuutti jijjiiruuf ni hojjetama'

Pirezidant Taayyee Asqesillaasee siyaasa Itoophiyaa lolafi walitti bu’iinsa aadeffate hambisuun shaakalliin siyaasaa biyyattii nagaa, marii, beekumsafi waldhaggeeffachuurratti kan hundaa’e akka ta’uuf mootummaan xiyyeeffannoo akka hojjetu himaniiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Israa'el tokkummaa fi tasgabbii Itoophiyaa akka deeggartu ibsite

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Israa’el fi Itoophiyaa hariiroo fi tasgabbii naannawaa irratti mari’achuu Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el ibse.

    Ministirri Dhimma Alaa Israa’el, Gideyoon Sa’ar, Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Gidiyoon Ximootiwoos waliin bilbilaan haala nageenyaa Itoophiyaa keessaa jiru irratti mari'atan.

    Kana malees muddama naannoo Gaanfa Afrikaatti dhalachaa jiru irratti mari’achuu isaanii ibsan.

    Akka Sa’ar ibsanitti, Israa’el fi Itoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa eeguu irratti faayidaa waloo qabu. Kanaaf, naannicha keessatti nagaa fi tasgabbii waaraa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu dubbatan.

    Ministirri Dhimma Alaa Israa’el, biyyoonni lamaan hariiroo yeroo dheeraa fi michummaa cimaa akka qaban ibsanii, Israa’el hariiroo biyyoota lamaanii gara fuulduraatti caalaatti cimsuuf fedhii qabaachuu beeksisaniiru.

    Marii ministiroota lamaani kun yeroo biyyootni ollaa Itoophiyaa ijjannoo waloo baafatanii fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa irratti yaaddoon jirutti kan ta'eedha.

  2. Huutiin buufataalee xiyyaraa Sa’uudii lama haleele

    Loltoota Yaman
    Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Yaman

    Lolli Yaman keessatti humnoota mootummaa biyyattii fi loltoota Huutii gidduutti cimee itti fufeera.

    lola kanaanis loltootni Huutii buufataaleen xiyyaaraa Sa’uudii Arabiyaa lama haleeluu fi namoonni sadii madaa’uuSa’uudiin ibsite.

    Haleellaan kunis Wiixata galgala buufata xiyyaaraa Jizaan fi Najraan jedhaman irratti raawwataman.

    Miidhaa namootaa dabalataan qabeenyi heddu manca'uu Abbaan Taayitaa Qilleensaa Sa’uudii beeksiseera.

    Gareen Huutiis kibba Sa’uudii keessatti buufataalee xiyyaaraa fi iddoowwan waraanaa irratti xiyyeeffate raawwachuun haleeluu ibsaniiru.

    Haleellaa kana hordofee, humni waloo waraanaa Sa’uudii durfamu Yaman keessatti iddoowwan meeshaalee waraanaa Huutiiwwanii irratti haleellaa qilleensaa raawwachaa jira.

    Humnichi Saana'aa keessatti iddoo misaa’ela baallistikaa itti qophaa’u tokko, akkasumas kuusaa misaa’elaa biraa tokko haleeluu ibseera.

    Gama biraatiin, humnoonni mootummaa Yaman kan Sa’uudii Arabiyaan deeggaraman magaalaa buufata doonii Mocha fi iddoowwan tarsiimoo naannoo Beebel-Mandabitti argaman to’achuu isaanii beeksisaniiru.

    Huutiiwwan garuu kana ni haalu. Odeeffannoo qaamaa walabaarraa garuu BBC hin mirkaneeffanne.

    Humni waloo Sa’uudii durfamus humnoota mootummaa deeggaruuf xiyyaarota waraanaa 100 ol bobbaasuun himameera.

    Lolli kunis muddamni naannoo Galaana Diimaatti hammaachaa dhufuu agarsiisa.

  3. Haleellaa dirooniidhaan dooniin galaana Gurraachatti dhidhimte

    Namoota doonicharratti miidhaman keessaa tokko yaaliif ergameera
    Ibsa waa'ee suuraa, Namoota doonicharratti miidhaman keessaa tokko yaaliif ergameera

    Dooniin fe'umsaa siivilii galaana Gurraacha keessatti dirooniidhaan haleelamuun dhidhimtee namoonni doonicharra turan dhabamuu qondaalonni Bulgaariyaa himan.

    Dooniin midhaan fe'ee ture lammaffaan zoonii dinagdee Bulgaariyaa keessatti haleelamuu MM biyyichaa Ruumen Raadev himeera. Namoonni doonicharra turan 18 tahan ammoo baraaramaniiru.

    Eenyu haleellaa kana duuba akka jiru Paadev hin ibsine. Raashiyaan garuu gama bahaan haleellaa Galaana Gurraacha kana keessatti gaggeessitu cimsiteetti. Kunis qaamuma waraanaa Yuukireen irratti gaggeessituuti.

    Raashiyaan deebii hin kennine. Zeleniskiin garuu Raashiyaan doonii boqolloo fe'ee deemaa ture haleelte jechuun himateera.

    Pirezidaantiin Gamtaa Awurooppaa Ursula Von der Leyen haleellaan kun fudhatama hin qabu jechuun balaaleffataniiru.

    Doonittiin alaabaa Toogoo kan ofirraa qabdu yoo tahu, maqaan ishee Alfaa Watan jedhamti. Abbaan qabeenyummaa ishee kan Tarkii yoo taatu gara Roomaaniyaatti imalaa akka turte himan.

  4. Naayijeeriyaan namoota 32 balaa xiyyaaraan dhabdeef gadda guyyaa sadii labsite

    Xiyyaara kuftee caccabde

    Balaa xiyyaaraa bulchiinsa kibba Naayijeeriyaa taate Ondo keessatti mudateen namoonni 32 du'uu booda pirezidantiin biyyattii Bola Tinubu gadda guyyaa sadii labsan.

    Aangawoonni akka jedhanitti xiyyaarri kun osoo magaalaa Benin irraa gara Leegoos balali'aa jirtuu Wiixata naannawa humna galaanaatti kufte.

    Balaa kanaan imaltoonni 25 fi hojjettoonni xiyyaarichaa torba kan du'an yoo ta'u, yeroo ammaa maddi balaa kanaa qoratamaa jira.

    Pirezidant Bolo Tinubu balaa kanaan baayyee gadduu ibsuun, gadda guyyaa sadii akkasumas alaabaan biyyattii akka gadi siqee turu labsaniiru.

    Alaabaan biyyattii guutummaa biyyaatti gadi siqee akka guyyaa sadiif turu murteessuun kabaja namoota du'aniif qaban agarsiisuuf akka ta'e ibsan dureen biyyattii kun.

    ''Kun humna waraanaa keenyaaf akkasumas uummata biyya keenyaa hundaaf balaa hamaadha,'' jedhan.

    Ministirri Aviyeeshinii Festas Keyamo hojiin barbaachaa fi lubbuu baraaruu itti fufee jira jedhe.

    Xiyyaarri kufte, ATR-42 jedhamti. Namoota 30 hanga 50 feeti.

    Taateen kun erga yeroo dhihoo as biyyattii keessatti balaa suukanneessaa mudateedha.

    Caamsaa 2021 balaa xiyyaaraa kutaa biyyaa Kaduna jedhamutti mudateen Ajajaan Waraanaa Naayijeeriyaa fi aangawoonni 10 biroon du'aniiru.

  5. 'Amaanaan haaraa sitti kenname hoggansaa fi mul'ata biyyakeetiif qabdu amanuurraati' - Pir. Ruutoo

    Pirezidant Wiliyaam Ruutoo, MM Abiy Ahmad yeroo simatutti

    Pirezidantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo Ministirri Muummee Abiy Ahimad irra deebiin filatamuu isaatiif ergaa baga gammaddee dabarseera.

    "Obboleessa koo Ministir Muummee Abiy Ahmad, Itoophiyaa gaggeessuuf irra deebiin filatamuu keetiif baga gammadde.

    Mana-maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaatiin amaanaan haaraan sitti kennamuun hoggansaa fi mul'ata ati biyya keetiif qabduuf amantaa sirraa qabaachuu agarsiisa," jedhe Pirezidant Ruutoon.

    "Yeroo Itoophiyaan akka ajandaa tiraanisfoormeeshinii itti jirtu milkeessituuf gaggeessitu kanatti milkaa'inan siif hawwa," jedhe pirezidantiin Keeniyaa.

    Pirezidant Wiliyaam Ruutoon ergaa fuula Feesbuukii isaarratti baaseen, bu'aa ummata keenyaaf fedhiiwwan waloo keenyaa akkasumas kan naannichaafi hawaasa addunyaa qabnu guddisuuf Keeniyaan si waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuus itti fufti jedheera.

    Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

  6. 'Shaakala siyaasaa lola aadeffate gara mariifi waldhaggeeffachuutti jijjiiruuf ni hojjetama'

    MM Abiy Ahmad fi Pirezidant Taayyee Asqesillaasee

    Mootummaan hojiilee karoorfate kunneen galmaan gahuuf adeemsawwan hordofu kan himan Pireezidaant Taayyee Asqesillaasee, kunneen keessaa tokkos shaakallii siyaasaa biyyattii akka ta’es himaniiru.

    Haaluma kanaan siyaasa biyyattii lolafi walitti bu’iinsa aadeffate hambisuun shaakalliin siyaasaa biyyattii nagaa, marii, beekumsafi waldhaggeeffachuurratti kan hundaa’e akka ta’uuf mootummaan xiyyeeffannoo akka hojjetu himaniiru.

    Malaamaltummaan walqabatees, “Tarkaanfii hawaasa malaamaltummaa hadheeffatee jibbufi sirna hannarratti qabsaa’ufi dhabamsiisu diriirsuuf egalame mootummaan cimsee kan itti fufu ta’a” jedhaniiru.

    Raayyaa Ittisaafi qaamolee nageenyaan walqabatee teekinoloojii ammayyaan of danda’ufi dandeettii ittisaa cimsuurratti akka hojjetamu kan himan pirezidaantichi, dandeettiin ergama raawwachuu Raayyaa Ittisaafi qaamolee nageenyaa akka cimuuf mootummaan wanta barbaachisu mara akka godhus himaniiru.

  7. Yaadawwan marii biyyaalessaan dhiyaatan hojiitti hiikuuf ni hojjetama - Pir. Taayyee

    Pirezidant Taayyee Asqesillaasee

    Pireezidaantichi dhimmoota hawaas-diinagdee milkaa’inoonni akka galmaa’an itti eegamus kaasaniiru. Haaluma kanaan walingahiinsi elektiriikii biyyattii gara dhibbeentaa 65’tti, itti uwwisni wabii fayyaa gara dhibbeentaa 85’tti, waliingahiinsi nyaata barattootaa gara dhibbeentaa 70’tti akka guddatu akka taasifamu himaniiru.

    Yaadawwan marii biyyaalessaan dhiyaatan gara hojiitti akka seenaniif akka hojjetamus himaniiru.

    Qaala’insi gatiis gara dijiitii tokkootti akka gadi bu’uuf akka hojjetamus himaniiru.

    Ulaa galaanaa ilaalchisee kan dubbatan pireezidaantichi, ‘Fedhiin (ulaa) galaana amansiisaa ta’e fedhii waloo, fudhatanii kennuufi karaa nagaan akka dhugoomuuf tattaaffiin ni taasifama” jedhaniiru.

    Akka waliigalaattis bara kana biyyattiin guddina diinagdee dhibbeentaa 10.1 akka galmeessistuuf ciminaan akka hojjetamu dubbataniiru.

  8. Ammas nagaa, dippilomaasiin dhiibbaa uumuu... xoyyeeffannaa baroota dhufanii keessaa

    Bakka bu'oota Ummataa bara 2026 baniinsa paarlaamaa irratti

    Kallattiin xiyyeeffannoo bara 2019 hanqinootafi ciminoota hojiilee darbanii adda baasuun, faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa caalmaatti kan kabachiisuufi guddina diinagdee saffisaa kan mirkaneessu akka ta’e himaniiru.

    Kana dhugoomsuufis bara kana keessa hojimaatafi caaseffama haaraa hordofuun akka barbaachisu dubbataniiru.

    Qaamoleen karoora bara 2019 raawwachuuf ramadamanis fedhii uummataaf dursa kan laatanfi yeroo haalaan kan fayyadaman akka ta’an akka eegamu himaniiru.

    Nageenyi dhimmoota bara kana keessa xiyyeeffannoon itti kennamu keessaa tokko ta’uu kan himan pirezidaantichi, ‘Hojiin gatii nageenyi guddinaa Itoophiyaaf qabu ilaalcha keessa kan galcheefi yeroo kamiyyuu caalaa gamtaa, tumsafi Itoophiyaa dursa godhate kan hojjetamu ta’a’ jedhan.

    Kana malees, ce’umsi caaseffamaa qulqullina bu’uura godhate akka adeemsifamus himaniiru.

    Barnoota, fayyaafi eegumsa hawaasummaa baay’inarra gara qulqullinaatti ceesisuun misooma lammiileerratti xiyyeefateef dursi akka laatamus himaniiru.

    “Hariiroon alaa Itoophiyaa fudhatummaarraa gara dhiibbaa uumtummaatti kan ceesisu keessattuu michoota baay’isuun kan hojjetufi kunneen ilaalcha ‘diinummaa’ qaban kan gorsu, nageenyafi walitti hidhamiinsa diinagdee naannichaaf dursa kan kennu ta’a’ jedhaniiru.

  9. Nagaa fi misooma waggoota shanan darban keessa...

    Pirezidant Taayyee Atsqesillaasee

    Waggoota shanan darban keessa akka biyyaatti milkaa’inoonni garagaraa argamuu kan himan Pireezidaant Taayyeen, ashaaraa magariisaafi hojiilee misooma kooridaraa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

    “Omishni midhaanii bara 2018 waggoota torba dura 2011 kan ture kuntaala miliyoona 335 irraa gara kuntaala biliyoona 1.3’tti guddateera” kan jedhan pirezidaantichi waggoota torba keessatti omisha mishaanii kuntaala biliyoona tokkoon dabaluun milkaa’ina guddaa ta’uufi waan leellifamu ta’uu dubbatan.

    Gama dameelee alergii, investimantii, indaastirii omishaafi qaala’insa gatii hir’isuutinis milkaa’inni argamuus himaniiru.

    Nagaa wajjin walqabatee “Xiyyeeffannoon jalqabaa ummatafi mootummaa Itoophiyaa nagaafi badhaadhina ta’uusaatiin qophaa’ummaafi fedhinnaan gama qaamolee faallaa kanaan dhaabbatan walin haasa’uufi mari’achuuf mul’atefi adeemsi bu’aa qabeessaa mul’ate fakkeenya tokkodha,” jedhan.

    Fedhii nagaa kanas ‘hawaasni addunyaafi michuuwwan keenya’ beekamtii kan kennaniifi jedhan.

  10. Muddamni Ertiraa fi Itoophiyaa naannochatti walitti bu'iinsa hammeessuu akka danda'u Gamtaan Awurooppaa akeekkachiise

    Loltoota

    Gamtaan Awurooppaa waraanni Itoophiyaa hammaachuu fi muddamni Ertiraa waliin hammaachuun naannawa kanatti waraana kaasuu danda'a yaaddoo jedhu ibse.

    Haalli amma deemaa jiru ''naannochatti walitti bu'iinsa hamaa'' nageenya Gaanfa Afrikaa balaaf saaxiluu danda'u uumuu danda'a jechuun akeekkachiise gamtichi.

    Wiixata kaleessaa ibsa X irratti maxxanseen gareen hunduu muddama hammeessuurraa akka of qusatan gaafateera.

    Hunduu dubbii hammeessuu fi karaa waraanatti geessu irraa deebi'uun karaa nagaa filachuu akka qabatan akeekachiise.

    Gamtaan Awurooppaa qaamoleen muddamaa fi waraana keessa jiran hunduu waliigaltee Piriitooriyaa- nageenya waaraa fiduuf murteessaa ta'e, kabajuu fi hojiirra oolchuu keessatti kutannoo agarsiisuu qabu jedhe.

    Qaamoleen walitti bu'iinsa keessa jiran hunduu seera idiladdunyaa kabajuu, hawaasa siiviliif eegumsa barbaachisu gochuu fi deeggarsi namoomaa bakka barbaachisu akka ga'u mirkaneessuu qabu jedhe gamtichi.

  11. Sirni baniinsaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Mana Maree Federeeshinii eegaleera

    Pirezidant Taayyee Atsqesillaasee

    Walgahii waloo kanarratti irra deebiin Ministira Mummee ta’uun kan filaman Abiy Ahimad fi Pirezidaantiin biyyattii Taayee Atsiqasillaasee argamaniiru.

    Manneen maree lamaaniif haasaa baniinsaa kan taasisan Pireezidaant Taayyeen, miseensota manneen maree lamaaniin baga gammaddan jechuun haasaa isaanii eegalan.

    Miseensonni mana maree lamaanii imaanaafi itti gaaftamummaan uumataa irra kaayame olaanaa ta’uusaatiin itti gaafatamummaa kana akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

    Haaluma kanaan xiyyeeffannoo ijoon bakka bu’oota uummataa bulchiinsa gaarii ammayyeessuu, diinagdee biyyaa guddisuu, omishaafi omishtummaa guddisu, qaal’ainsa jireenyaa kan to’achuu, bu’uraalee misoomaa bal’inaan diriirsuu akkasumas nagaafi tasgabbii uummataa cimsuu ta’uu akka qabu himaniiru.

  12. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra. Manneen maree lameen kora isaanii eegalaniiru.

    Odeeffannoo jiran hordofnee isin biraan geenya.

    Hundeeffama mootummaa haaraa irratti odeeffannoo dhiheessaa turre asii argattu.

    Nagaan oolaa!