Tiraamp erga aangootti deebi'ee kiriptoo irraa doolaara biiliyoona tokkoo ol argate

Doonaald Tiraamp waggaatti doolaara biliyoona tokkoo ol galii argachuu gabaafame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp waggaatti doolaara biliyoona tokkoo ol galii argachuu gabaafame
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Tiraamp daldala kiriptookaarensii irraa waggaa tokkotti qofa doolaara biliyoona tokko argachuun ibsame.

Akka gabaasa galii Tiraamp bara 2025 fuula 927 qabu baheetti, gurgurtaa kiriptookaaresnii Saantima Tiraamp [Trump Coin] jedhamu irraa doolaara miiliyoona 635 argate.

Akkasumas dhaabbata kiriptookaarensii ilmaan isaa fi ergamaan Addaa US Istiiv Wiitkoof hundeessan Worlid Liibertii Faayinaanshaal jedhamu irraa doolaara miliyoona 500 argachuu hime.

Akkasumas doolaara miliyoonota ammoo ijaarsa riil isteetii irraa argateera.

Waayit Haawus garuu Tiraamp pirezidaantummaa irraa buufateera isa jedhamu haale.

Tiraamp dhaabbata isaa ijoolleen isaa akka gaggeessan gochuu fi aangoo isaa fayyadamee faayidaa argate akka hin jirre Waayit Haawus beeksise.

Itti aantuun pirees Sekiretarii Waayit Haawus, Aanaa Keelii, Tiraamp Ameerikaa ''magaalaa kiriptoo addunyaa'' gochuu isaan boonuu qabna jette.

Pirezidaantichis tahe maatiin isaa faayidaa addaa argachuu keessaa qooda hin qaban'' jette.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Tarkaanfiin pirezidaantichi fudhate hunduu fedha lammiilee Ameerikaa gidduugaleessa kan godhatedha. Kanaan ala seenessa sobaa warri Dimokiraatotaa naanneessaa turanidha'' jette.

Yeroo tokko kiriptookaarensii kan mormaa ture Tiraamp, Bitkooyinii ''balaa nu mudachuuf deemu'' jechuun ibsee ture.

Haatahu malee galiin kiriptookaarensii irraa argate galii ijaarsa manneen jireenyaarraa argatu akka caalu gabaasichi agarsiisa.

Riizoortii isaa Mar-a-Lago irraa doolaara miliyoona 77, kilaba golfii irraa doolaara miliyoona 122 argateera.

Akkasumas kileboota golfii Bedministeer, Niw Kersii, Juuppiter, Filooriidaa, Tarnbeerii fi Iskootilaand irraa tokkoon tokkoo isaanii irraa doolara miliyoona 30 argateera.

Gurgurtaa sa'aatii biraandii Tiraampiin hojjetamee, Macaafa Qulqulluu biraandii hojjetaman gurguruu, shittoo fi gitaara fa'aa irraa doolara miliyoona 4.7 argateera.

Haati warraa Tiraamp Meelaaniyaa Tiraampis waliigaltee hojii dookimantarii bara darbe tamsa'e irraa doolara miliyoona 10.7 argatte.

Akkasumas Tiraamp himata seeraa miidiyaalee akka ABC, CBS, Meettaa, You Tube fi X irraa gara doolaara miliyoona 86 argateera.

Garuu maallaqni kun mana kitaabaa Tiraamp fuulduratti banamuuf ykn dhaabbata miti mootummaa naannoo Waashingitanitti hojjetuuf oola.

Tiraamp erga gara aangootti dhufee kaampaanota kiriptookaarensii waliin hariiroo guddaa uumuun galii guddaa irraa argateera.

Barruun Forbes akka gabaasetti qabeenyi callaa Tiraamp qabu amma doolaara biliyoona 7tti tilmaamama.

Bara 2024 keessa qabeenyi isaa doolaara biliyoona 2.3tti tilmaamama.