Maqalee, Aksumi fi Maayicew guyyoota darbanii fi amma maal keessa jiru?

Loltuu Itoophiyaa Maqaleetti
Ibsa waa'ee suuraa, Loltuu Itoophiyaa Maqaleetti
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Humnootni Mootummaa federaalaa fi miiltoo isaanii kan ta'an humnootni nagaa Tigraayi magaala Guddoo naannoo Tigraayi ,Maqalee seenuu isaanii hordofee jiraattonni BBC'n dubbise magaalotni Maqalee, Aksumii fi Maayicew haala tasgabbii keessa jiraachuu himu.

Haa ta'u malee fuuladuratti maaltu mudachuu mala kan jedhurratti yaaddoo akka qaban himu.

Tajaajilli bilbilaa fi Interneetii kan deebi'e yoo ta'u, sochiin tiraafikaas akka mul'atu jiraattonni kunneen nihimu.

Humnootni TPLF Fulbaana 23, bara 2019 magaala Maqalee gadhiisanii erga bahaniin booda kutaalee adda addaa keessatti saamichi akka tures eeru.

Jiraataan magaala Maqalee Obbo Tewoodiroos Xilahuun akka jedhanitti, torbee lamaaf tajaajilli interneetii adda cituurraan alatti, tajaajilli baankii waan hin turreef maallaqa walii erguus ta'e kaffaltiii humna ibsaa kanfalu akka hin dandeenye dubbatu.

"Hawaasni rakkoo jabaa keessa seenee ture. Humnotni Nagaa Tigraayii fi raayyaan ittisaa waliin akkuma magaala seenaniin tajaajilli bilbilaa gadhiifame. Gaafa Fulbaana 24 maallaqa waliif daddabarsuun danda'ameera" jedhan.

Fulbaana 25 kutaa magaalaattii adda addaa keessa yeroo socho'anitti tajaajilli geejjiba baajaajii idileen jiraachuu akka hubatanis himu jiraataan kuni.

"Kan hojii hin eegalle Dhaabbilee daldalaa gurguddoo akka Faarmaasii, kuusaawwan elektirooniksiifi supparmaarkeetii" jedhan.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Dhaabbilee daldalaa gurguddoo irratti saamichi irratti raawwatamuu kan himan jiraataan kuni, kaan ammoo yaaddoo saamamuutiin osoo hin banin akka hafan dubbatu.

Raayyaan ittisaa erga magaalattii seeneen booda saamichi akka dhaabbates himu.

"Manneen dhugaatiitti namni akkuma barbaadetti bashannana. Karaa nagaatiin. amma Maqalee keessa homaa yaaddoon hin jiru. Akkuma yeroo idileeti" jedhan.

Deeggartoota mootummaa kanneen ta'an humnootni nagaa gaafa Fulbaana 22 buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa Maqaleetti argamu akka too'atanis himu.

Hunootni Tigraayi (TPLF) Buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa Maqaleetti argamu too'achuu isaanii kan ibsan Fulbaana 13 bara 2019 ture.

Ajajaan Humnoota nagaa Tigraayi Birgaader Jeneraal Gabra Igzaabeer Bayyanaa, humnootni isaanii Maqalee seenuudhaan dura "Dhihootti gara giidugaleessa Tigraayi niseenna"jechuun milishaan, poolisiin nagaa mirkaneessuun qabeenya namootaa eeguu irratti akka hirmaatan waamicha taasisanii ture.

Namootni BBC'n dubbise Raayyaan Ittisa bIyyaa fi Humnooti nagaa Tigraayi Maqalee seenuu isaanitiin dura "Namootni yakka adda addaa raawwachuun hidhaarra turan gadhiifamaniii argeera yeroo hiikaman ammoo waanuma argan hunda saamuutti gadi taa'ani" jechuun saamichi Kanaan akka walqabatu himan.

Manneen hojii mootummaa fi dhaabbilee daldalaa namoota dhuunfaa irrattis saamichi taasifamaa akka tures himu.

Humnootni TPLF Maqalee keessaa bahuu isaanii hordofee dhaabbileen mootummaa fi buufataaleen poolisii eegumsa tokko malee hafuun ibsamuun niyaadatama.

Akkuma jiraataan kuni jedhanitti, waajjira bulchiinsa mootummaa naannichaa keessattuu saamichi taasifamaa ture.

"Jimaata Fulbaana 22 halkan bakka hedduutti saamichatu ture. sanbata xiqqaa gaafa 23 ammoo raayyaan ittisa biyyaa fi humnootni nagaa Tigraayi magaala too'achuu jalqabani" jedhan.

Dhaabbileen daldalaa hedduun "Sodaa fi yaaddoo' irraa kan ka'een cufaa turuutu himame.

Namootni manneen hidhaa irraa gadhiifaman 'Meeshaa waraanaa fi Goraadee' qabatanii turuu kan himan obbo Tewoodiroos, 'Ofirraa ittisuuf yaaluun balaadhaaf ofsaaxiluudha' jechuun hawaasni ofirraa ittisuu akka hin dandeenye dubbatu.

Yeroo tajaajilli interneetii cufamee turetti Humnootni TPLF eessatti akka deeman yoom akka deeman namni beeku hin turre. Odeeffaannoo homaatuu hin qabnu. Rakkisaa ture jedhu jiraataan kuni.

''Yeroo Haawwan Tigraayi imimmaan lolaasaa jiranitti..''

Jiraataan magaala Aksum BBC'n dubbise magaalattii keessatti Loltoonni Raayyaa Ittisa biyyaas Ta'e kan Humnoota nagaa Tigraayi akka hin mula'nne himu.

Jiraataan Magaala mayiceew maqaan akka hin ibsamne gaafatan ammoo, magaalattii keessa sochiin humnoota waraanaa jiraachuu baatus nagaa qabeeessa fakkaata jedhu.

Torbee waraanichi jalqabee turetti meeshaa waraanaa gurguddaadhaan 'Namootni 11 miidhamanii turan eegasii garuu homtuu hin mudanne" jedhan.

Kamisa gaafa Fulbaana 21 ammoo Loltoonni raayyaa ittisa biyyaa magaalattii akka seenanis himu.

"Eegasiin booda uummanni nagaan socho'aa jira. bulchitoonnii fi poolisoonni nagaa kabachiisaa sochii jalqabaniiru. Hanga Kamisa ganamaatti haalli ture ulfaataadha" jedhan.

Maayicewutti tajaajilli bilbilaa fi Neetworkii adda cite akka tureefi sochiin gabaa qabbanaa'ee turuus eeran.

"Kamisaan asitti haalonni tasgabbaa'aniiru. Ibsaan Sanbata Xiqqaa galgala dhufe. Neetworkiin ammoo Wixata guutumaan guututti deebi'e "jedhan.

Sanbata Xiqqaa darbe jiraattonni yaadoo nageenyaa tokko malee bittaafi gurgurtaa raawwachaa akka turanii fi baadiyyaarraas namootni gabaaf gara magaalaa dhufaa akka turan dubbatu jiraataan kuni.

Dilbata Fulbaata 24 ammoo tajaajilli daddabarsa maallaqaa Moobaayilaa akka eegalee fi baankonnis banamuu himu.

Kamisa raayyaan ittisa biyyaa magaalattii seenuudhaan dura hidhamtioonni mana hidhaatii bahuuf yaalii akka godhan himuun poolisoonni waan turaniif osoo hin milkaa'in hafe. Raayyaan ittisa biyyaa dafee magaala seenuu isaatiin magaalattii keessatti saamichi kana jedhamu akka hin turre himu jiraattan kun.

Yeroo ammaa kana Raayyaan ittisa biyyaa magaalattii keessa jiraachuu baatanis humnootni nagaa kabachiisan magaalattii keessa jiraachuus himu.

TPLF dabalatee humnootni biyyattii keessatti hidhatanii socho'an tumsa uumuu isaanii ibsanii barii waraanni Kaaba Itoophiyaa kuni deebi'ee eegale.

Gamtaan Afrikaa, Ameerikaan, Gamtaan Awurooppaafi kaan muddamni kuni akka tasgabbaa'u yaadachiisuu itti fufaniiru.

Loltuu Humnoota TPLF
Ibsa waa'ee suuraa, Loltuu Humnoota TPLF Suuraan;- 2020

Yaaddoo waraanichi babal'achuu danda'a jedhu

Jiraataan Magaala Maqalee kuni "Waraanni Eertiraa karaa Zaalaambassaa fi Shiraarootiin Seenaa jira" oduun jedhu jiraachuun caalaatti yaaddoo akka isaanitti uume himu.

Humnootni Eertiraa daangaa qaxxaamuranii seenuun Lola guyyoota darban taasifame keessatti hirmaachuu ibsuun deebiin kennamu cimaa akka ta'u angaa'aa Olaanaan mootummaa Federaalaa Abrahaam Balaay (PhD) himan.

"Lola kanarratti Mootummaanii fi loltoonni Eertiraa hirmaataniiru. Hidhannoo waliin dirree seenee jechuudha. Kan ajjeefamanis kan meeshaan isaanii booji'ames hedduudha" jedhan.

Ammaan dura angaa'onni Naannoo Affaar BBCn dubbise namicha keessatti lolaa jiran kan jedhe loltoonni Eertiraa fi meeshaalee isaanii booji'uu ibsanii ture.

Mootummaan Eertiraa Lola kaaba Itoophiyaa irratti hirmaannaa qabu himata isarratti dhihaatu irra deddeebiin haala ture.

Mootummaan Itoophiyaa Imbaasiisaa Eertiraa jiru cufuun dippilomaatoota Eertiraa Finfinnee jiran 10 ammoo biyyaa ari'uun niyaadatama.

Kana hordofuun Mootummaan Eertiraa ammoo Hariiroo Dipilomaasii Mootummaa Itoophiyaa waliin qabu guutumaan guutuutti adda kutuu ibse.

Kana malees Ijiptii fi Itoophiyaan dippilomaatota walii isaanii biyya biyya isaanitii baasaniiru.

Ijipt yaa'ii El Alamin tibbana qopheesite irratti kan walargan hoggantoonni Eertiraa, Somaaliyaa fi Sudaan Ijipt waliin ta'uun ibsa waloo baasaniiru.