Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Murteessitootni Afrikaa Waancaa Addunyaa 2026 akka taphachiisan filaman eenyu fa'i?
Waancaa Addunyaa 2026 Ameerikaa, Meksiikoo fi Kanaadaan qopheessan irratti murteessitoota 52tu addunyaarraa filame.
Waancaa Addunyaa baranaa kan adda godhu biyyoonni dorgommicha irratti hirmaatan yeroo jalqabaaf 32 irraa gara 48ttitti guddachuu isaaniiti.
Murteessitooni 52 filamaniiru. Kun isa kan bara 2022 irratti murteessitoota 16 dabalate jechuudha.
Yoo xiqqaate taphoota lama lama taphachiisu. Murteessaa dirree keessaa tahuun jechuudha.
Walumaagala murteessitoonni 15 biyyoota Awurooppaa keessaa filaman. Biyyoota Laatin Ameerikaa keessaa murteessitoota 12, biyyoota qopheessan Ameerikaa, Meksiikoo fi Kanaadaa irraa afur, biyyoota Eeshiyaa irraa saddet filamaniiru.
Konfeederesshinii Kaaba, Gidduugalaa fi Kaaribiyaanii irraa sagal filamaniiru. Afrikaa irraa 19 filamanii isaan keessaa torba murteessitoota dirree keessaati.
Murteessaa ykn daanyaa kubba miilaa cimaa Afrikaa bara 2025 tahuun kan filame ammoo lammii Somaaliyaa Artaan Omaar ture.
Artaan Omaar nama umuriin isaa waggaa 34 yoo tahu waancaa Afrikaa 2025 irratti gahumsa gaarii agarsiiseen filamee ture.
Omaar erga Buufata Xiyyaaraa Inter Miyaamii gahee akka Ameerikaa hin seenne dhorkamuun of duuba deebi'ee Istaanbul ture.
Akkaataa imaammata Tiraamp baasetti Somaaliyaa tarree biyyoota akka Ameerikaa hin seenneef dhorkaman keessatti argamti.
Omaar lammii Somaaliyaa yeroo jalqabaaf daanyaa sarara gidduu tahee Waancaa Addunyaa irratti taphachiisu taha ture.
Somaaliyaa biyya kubbi miilaa ishee duubatti hafaa tahe keessaa murteessaan akka kanaa argamuun waan ajaa'ibsiisaa ture.
Omaar Artaan bara 2018 ture Murteessaa FIFA tahuun kan beekkamtii argate. Ammoo dargaggeessa.
Afrikaa irraa murteessitoota sarara gidduu torbatu filame. Isaanis Omaar Abdulkaadir Artaan lammii Somaaliyaa kan tahe, Giizlaan Achoo lammii Gaaboon, Dahannee Beedaa Mooritaaniyaa irraa, Musxafaa Goorbaal Aljeeriyaa irraa, Jaalal Jaayed Morookoo irraa, Amiin Mohaammad Omaar Masirii irraa, Abonqilee Toom Afrikaa Kibbaa irraa filaman.
Giizlaan Achoo- Lammii gaaboon
Achoon taphoota gurguddaa hedduu Afrikaa irratti murteessaa olaanaa tahee taphachiiseera.
Bara 2018 beekkamtii Fifa kan argate lammiin Gaabon kun bara 2025 Waancaa Afrikaa irratti tapha walakkaa xumuraa Senegaalii fi Masirii gidduutti Morookootti taphatame isatu taphachiise.
Dahannee Beedaa- Mooritaaniyaa
Dorgommii Waancaa Afrikaa irratti murteessaa baay'ee jaalatamaa jedhamuun beekama. Waancaa Afrikaa xumuraa bara 2023 Ayivooriikostii fi Naayijeeriyaa gidduutti taphatame isatu murteessaa sarara gidduu tahee taphachiise.
Bara 2020 Beedaan murteessaa arfaffaa tahuun tapha Olompikii Tookiyoo irratti filameera.
Bara 2024 ammas Olompikii Paaris irratti filamuun taphoota sdaii irratti hirmaateera..
Bara 2025 keessa Kilab Worlid Kaap Ameerikaatti taphatame irratti filamuun tapha Riyaal Maadirid RB Saalzibarg mo'ate taphachiiseera.
Musxafaa Gorbaal- Lammii Aljeeriyaa
Bara 2014 beekkamtii Fifa argate. Ergasii taphoota Waancaa Afrikaa hedduu taphachiise.
FIFA Kilab Woorld Kaappi kan bara 2019 Kaataar, 2021 UAE fi 2025 Ameerikaatti qophaa'e irratti filamuun taphachiiseera.
Walumaagalatti murteessitoota Afrikaa irraa filamuun Waancaa Addunyaa irratti taphachiisan 19 keessaa torba murteessitoota dirree keessaa yoo tahan 10 gargaartota tahuun filaman. Lama ammoo VAR irra hojjetu.
Walumaagala Waancaa Addunyaa jalqabee hanga xumuramutti taphoonni 170 gaggeeffamu.
Afrikaa irraa murteessitoonni haga kana tahan sadarkaa idil-adunyaatti filamuun CAF leenjii gahaa fi invastimantii gaarii isaan irratti gaggeessuu isaa agarsiisa.
Murteessitoota amma filaman keessaa 16 kan tahan Waanca Afrikaa Morookootti gaggeeffame irratti hirmaataniiru.
Murteessaan tapha xumuraa Morookoo fi Senegaal taphachiise lammii DR Koongoo Jiin Jaakuus Indaalaa erga taphicha irratti akka malee qeeqamee osoo hin filamiin hafe.
Murteessaan lammii Itoophiyaa dorgommiiwan Afrikaa sadarkaa kilabaa fi Waancaa Afrikaatti haala gaariin taphachiisuun jaalatamuu fi jajamu Bamlaak tasammaa bara 2025 keessa soorama bahuu isaa ibse.
Bara 2003 hojii murteessummaa jalqabuun bara 2009 baajii Fifa kan fudhate Balmaak waggaa 20 ol erga haala gaariin hojjetee soorma bahuu isaa ibse.
Kanaaf biyyoota Baha Afrikaa irraa Waancaa Addunyaa 2026 irratti murteessaa dirree keessaa tahuun kan filame lammii Somaaliyaa Omaar Artaan qofa ture.