Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan miseensonni fi hooggantoonni garee kubbaa miillaa ishee US seenuu dhorkamuu himte
Ameerikaan miseensota garee kubbaa miillaa Iraan keessatti lafee dugdaa ta'an viizaa dhowwachuu ilaalchisee Iraan irraa himannaan dhihaateera.
Iraan himannaa kana kan dhiheessite erga taphattoonni ishee Waancaa Addunyaa irratti hirmaachuuf viizaa argatanii booda miseensonni ishee kaan Ameerikaa seenuu dhorkamuu hordofeeti.
Aanga'oonni US taphattootaa fi miseensota garee kubbaa Iraan dorgommii kanaaf murteessoo ta'aniif Jimaata kaleessaa viizaan kennamuu ibsan.
Gareen kubbaa miillaa Iraan tapha Waxabajjii 15 Loos Anjalas keessatti qaban guyyaa 10 dursuun viizaa argatan jedhan aanga'oonni US.
Ammoo Iraan maqaa dorgommii kubbaa miillaa jedhuun ''tapahattoota fakkeessitee shororkeessitoota dhoksaan gara US akka galchituuf hin eeyyamnu,'' jedhan.
Imbasiin Iraan Turkii jiru US ''gaggeessitootaa fi hoji raawwachiistota akkasumas gorsitoota teeknikaa'' Iraan viizaa dhowwachuu ibsuun, Ameerikaan ''damee ispoortii keessatti dantaa siyaasaa galmaan ga'achuu akka dhaabduu fi loogiirraa bilisa ta'uu akka qabdu,'' gaafateera.
Miidiyaan Iraan akka gabaasetti hoogganaa federeeshinii kubbaa miillaa, itti aanaa fi daarekatara miidiyaa dabalatee hooggantoonni 15 kanneen akka US hin seenne dhorkaman keessaati.
Gareen kubbaa miillaa Iraan Sambata kaleessaa iddoo itti shaakala hojjechaa ture Turkii irraa ka'uun gara Meeksikootti qajeeleera.
Gareen Iraan Meeksikoo buufateetu dorgommii Waancaa Addunyaa Kanaadaa, US fi Meeksikoon qopheessan irratti hirmaata.
Viizaan gareen kubbaa miillaa Iraan argate guyyaa tapha qaban US seenanii taphatanii ba'uu dandeessisa jedhan Meeksikootti ambaasaaddarri Iraan.
Ibsi Iraan baaste US ''yakka duraanuu itti jirtu baastee mul'iste'' jette.
''Itti yaadamee loogii garee kubbaa miillaa Iraan irratti gaggeeffamaa ture ifatti baastanii mul'istan, dubbii hammeessitan,'' jedha ibsi Iraan.
Aanga'oonni imbasii Iraan qaamni kubbaa miillaa addunyaa bulchu, FIFAn akka gidduu seenee fala kaa'u gaafataniiru.
Waancaan Addunyaa 2026 US, Kanaadaa fi Meeksikoon qopheessan Waxabajjii 11 eegala.
Iraan osoo waraanni hin eegalin dura Bitootessa 2025 dorgommii kanaaf darbuushee mirkaneeffatte.
Biyyi qopheessituu dorgommii taate biyya waliin wal waraanaa jirtu wayita keessummeessitu kun kan jalqabaa ta'a.
Caamsaa keessa Iraan iddoo itti shaakala hojjettu Tuscon, Arizoonaa irraa gara Meeksikoo geeddarte.
Ministeerri nageenya biyya keessaa US dhorkaan kan kaa'ame garee biyyaalessaa fi jila aanga'ootaa irratti hojjechuu fi dhiisuu ammatti hin ibsine.
Garuu ibsa BBC'f ergen ''yeroo Waancaan Addunyaa gaggeeffamutti nageenyi hirmaattotaa fi lammiilee Ameerikaa akka eegamu kutannoon hojjenna,'' jedhe.
Iddoo Iraan tapha jalqabaa Niwu Ziilaand waliin itti egaltu Los Anjalas dabalatee magaalota dorgommiin keessatti gaggeeffamu 11 keessatti hojii bulchiinsaa hunda keessatti hirmaataa akka jirus hime jaarmiyaan kun.
Duratti Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo namoota ykn aanga'oota Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan waliin hidhata qaban garee kubbaa miillaa waliin akka US seenan akka hin eeyyamne ibsanii turan.
Miseensonni garee kubbaa miillaa Iraan hedduunsaanii garuu kanneen Eegdota Warraaqsa waliin leenjii loltummaa fudhataniidha.
Iraan dorgommii gulantaan Niwu Ziilaandiin Loos Anjalas keessatti erga morkattee booda, Kaalifoorniyaatti ammoo Beeljiyem waliin akkasumas Siyaatilitti Masirii waliin taphatti.