Xiyyaarri Raashiyaa Su-34M Afrikaa gale, eenyutu harkaa qaba?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Humni waraanaa Aljeeriyaa xiyyaara waraanaa Raashiyaa haaraa fi ammayyaawaa ta'e Su-34M jedhamu fayyadamuu eegaluun, dorgommiin damee waraanaa Afrikaa keessatti cimaa jiraachuu mul'isa.

Kana qofa osoo hin taane biyyoonni Afrikaa hedduun damee waraanaa isaaniirratti akkaan invest gochaa jiraachuun, dorgommiin teeknooloojii waraanaa ardittii keessatti cimuu akeekaa jira.

Xiinxaltoonni damee waraanaa xiyyaarri waraanaa kun Raashiyaarraa Afrikaa galuun akka dhimma biyya tokkoo qofatti hin ilaalamu jedhu.

Ce'umsa tarsimoo damee waraanaa fi dorgommii Kaaba Afrikaa fi guutuu ardii Afrikaatti taasifamuuf hiika guddaa qaba jedhu.

Kunis sababni isaa biyyoonni kaanis kana arganii damee waraanaasaanii cimsuuf dorgommii keessa galuun waan hin oolle waan ta'eef yaada jedhu kennu xiinxaltoonni.

Haalli kun dorgommii xiyyaarota waraanaa, misaa'elootaa fi diroonii kaaba Afrikaa fi guutummaa Afrikaatti cimsa jedhu.

Yeroo ammaa Raashiyaan karaa xiyyaara ishee Su-34M jedhamu kanaa Afrikaa keessatti dhiibbaa humna waraanaa ishee cimsaa jirti.

Keessattuu biyyoota dameen waraanaa isaanii bal'inaan humna qilleensaa irratti hirkatu keessatti dhiibbaan kun ni heddummaata.

Gaaffiin guddaan garuu xiyyaarri waraanaa kun Afrikaa galuun madaallii humna waraanaa biyyoota ardichaa gidduu jiru irratti dhiibbaa akkamii akka uumuudha.

Yookiin sababa kanaan daldalli meeshaalee waraanaa Afrikaa keessatti gabaa guddaa argachuu danda'a yaadi jedhus jira.

Itoophiyaan Amajjii darbe waggaa 90ffaa hundeeffama Humna Qilleensaa ishee wayita kabajattu xiyyaara Raashiyaa Su-30K jedhamu agarsiisaaf dhiheessitee turte.

Xiyyaarri waraanaa Su-35 ''Flanker-E) jedhamus qaama agarsiisa kana ature. Ragaaleen akka mul'isanitti Itoophiyaan xiyyaara waraanaa kana saddeet argachuuf adeemsa eegalteetti.

Humni Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaara nama maleessa ykn diroonii Orion-E MALE jedhamus agarsiiseera.

Kun dirooniiwwan duraan Turkii irraa bitatte Bayraktar TB2 jedhaman irratti wayita dabalamu guddina humna qilleensaa Itoophiyaaf guddoo gumaacha.

Gabaasi Global Fire Power humna qilleensaa Itoophiyaa fi Masrii walbira qabuun gabaasa bara 2026 baase keessatti Itoophiyaan waliigalatti xiyyaarota waraanaa 104 qabaachuu ibse.

Akka gabaasa kanaatti Itoophiyaa fi Ertiraan irra guddeessan xayyaarota waraanaa Raashiyaan omishte kan MiG fi Su jedhaman fayyadamu.

Jaarmiyaan kun gabaasa isaa bara darbee keessatti xiyyaarri ammayyaa Itoophiyaan hidhattee jirtu xiyyaara Raashiyaa Su-27 ta'uu ibsee ture.

Barana garuu Itoophiyaan xiyyaara Su-30k agarsiisuu fi inumaa xiyyaarri Su-35 qaama agarsiisa kanaa ta'uu fi hedduun karaarra jiraachuu ibsiteetti.

Itoophiyaan xayyaarota waraanaa bara Hayilasillaaseefi Dargii akkasumas bulchiinsa ADWUI turan kanneen akka F-5, MiG-21, MiG-23 fi helikoptaroota waraanaa (attack helicopters) jedhamanis ni fayyadamti.

Global Fire Power gabaasa bara kanaa keessatti Itoophiyaan xiyyaarota waraanaaf qophii ta'an 25 qabaachuu ibsuun addunyaarraa sadarkaa 46ffaarra kaa'e.

Gabaasi kun Itoophiyaan helikooptaroota 33 fi kanneen haleellaa raawwatan (Attack Helicopters) 7 akkasumas xiyyaarota leenjistoota ta'an (Trainers) 34 qabaachuu ibse.

Xiyyaarri Su-34M kan akkamiiti?

Xiyyaarri Su-34M xiyyaara Raashiyaa yoo ta'u lafoo, galaanarraa fi qilleensarratti fageenya dheeraa irratti haleellaa raawwata.

Xiyyaara kana kubbaaniyyaa Sukhoi jedhamutu hojjete, kubbaaniyyaan kun ammoo kan dhaabbata mootummaa United Aircraft Corporation-UAC jedhamuuti.

Raashiyaa keessatti oomishamus sagantaa hariiroo waraanaa biyyattiin biyyoota kaan waliin qabdu keessatti baayyinaan kan dhihaatu xiyyaara waraanaa kana.

Yeroo ammaa garuu tajaajila kennaa kan jiru adda durummaan damee humna waraanaa Raashiyaa keessatti.

Raashiyaan oppireeshinii waraanaa dhiheenya geggeessaa jirtuu xiyyaara kana baayyinaan fayyadamaa jirti.

Afrikaa keessaa Aljeeriyaan biyyoota muraasa xiyyaara kana argatan ykn teeknooloojii waraanaa kana qooddatan muraasa keessaa tokko taateetti.

Wayita biyyoonni Afrikaa teeknooloojii waraanaa boodatti hafaa fayyadamaa jiranitti Aljeeriyaan xiyyaara ammayyaawaa Raashiyaa kana fayyadamuun adda ishee taasisa.

Yeroo ammaa biyyoonni Afrikaa xiyyaarota waraanaa warra lixaa ykn kan Raashiyaa, fakkeenyaaf kanneen MiG fi Su-30 jedhaman fayyadamu.

Waliigalatti xiyyaara Su-34M argachuu jechuun biyya addunyaarratti teeknooloojii waraanaan beekamtu Raashiyaa faana hariiroo cimsachuu agarsiisa.

Garuu hariiroon kun biyya muraasa irraan kan hafe ardittii guutummaatti kan walga'e miti.

Dandeettii waraanaa xiyyaara Su-34M

Xiyyaarri waraanaa Su-34M fageenya dheeraa irratti qiyyaafannoosaa rukutuu akka danda'utti hojjetame.

Meeshaalee waraanaa gurguddoo kanneen akka boombii waraanaa fi misaa'eloota fageenya dheeraa furguggifaman baachuu danda'a.

Xiyyaarri waraanaa kun osoo boba'aa hin guuttatin fageenya dheeraa imala. Kunis akka qiyyaafannoo fageenyarra jiru bira qaqqabu isa taasisa.

Teeknooloojii raadaarii akkaan ammayyaawaa ta'a kan hidhate xiyyaarri kun, sirna waraanaa sirna ittisa garee fallaa (diinaa) salphaatti dadhabsiisu ykn humna buusu qaba.

Kun ammoo akka salphaatti qiyyaafannoosaarraa hin ittifamne isa gargaara.

Dabalataan xiyyaarri kun haala qilleensaa mijataa hin taane ykn hamaa keessatti imaluun haleellaa raawwachuu danda'a.

Kun ammoo xiyyaarota waraanaa kaan caalaa tooftaa fi tarsimoo waraanaan cimaa ta'uu mul'isa.

Xiyyaarri kun akka jeettiiwwan waraanaa kaanii osoo hin taane kutaa balaliistonni keessa taa'anii to'atan lama qaba.

Kunis yeroo ergama yeroo dheeraaf ba'an milkaa'uuf haala mijeessa.

Waliigalatti wayita humna qilleensaa amma Raashiyaan qabdu kaaniin wal dorgomsiifamu akkaan ammayyaawaa fi bu'a qabeessa ta'uunsaa mirkanaa'eera.

Su-34M biyyoota Afrikaa gidduutti dorgommii waraanaa akkamii uumuu danda'a?

Xiyyaarri waraanaa Raashiyaa Su-34M Afrikaa galuun dorgommiin teeknooloojii waraanaa akka cimu taasisa.

Keessatti biyyoota kaaba Afrikaa dameen waraanaa isaanii ammayyaawaa ta'e kanneen akka Morookoo, Aljeeriyaa fi Masirii gidduutti olaantummaa argachuuf dorgommiin taasifamu salphaa hin ta'u.

Biyyoonni kunneen humna qilleensaa, dandeettii misaa'elaa fi ittisaa isaanii akkaan cimsataa jiru.

Xiyyeeffannoon isaanii haleellaa ofirraa qolachuurratti qofa osoo hin taane naannawa isaaniitti olaantummaa qabachuudha.

Yeroo ammaa Masiriin xiyyaarota waraanaa F-16s, Refales fi MiG-29S jedhaman qabdi. Morookoon ammoo xiyyaara F-16s fooyya'aa ta'e qabdi, ammoo US fi Israa'el waliin hariiroo waraanaa cimaa qabdi.

Kun ammoo biyyoonni Kaaba Afrikaa hariiroo waraanaa biyyoota addunyaarratti humna waraanaan beekaman, Raashiyaa fi US waliin tolfachuu mul'isa.

Teeknooloojii waraanaa US fi Raashiyaa keessaa kamirratti akka fuulleffatan fedhii biyyoota kunneeniitu murteessa.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti dorgommiin meeshaalee waraanaa kun kallattiin hedduun taasifama.

Tokkoffaa teeknooloojii waraanaa biyya kamii [Raashiyaa ykn US) akka fayyadaman akkasumas ammoo biyya kamtu meeshaalee waraanaa ammayyaa ta'an dursee argata kan jedhu dorgommii mudatuuf murteessaadha.

Biyyoota Afrikaa keessaa muraasni qofti meeshaalee waraanaa kun argachuun ammoo ardittii keessatti sodaan waraanaa akka hammaatu taasisa jedhu xiinxaltoonni damee kanaa.