US, UK fi Awustiraaliyaan diroonii bishaan jala deemu hojjechuufi

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

US, UK fi Awustraliyaan keebilii saayibarii galaana jalaa eeguu fi ittisa cimsuuf teknooloojii diroonii bishaan jalaa akka hojjetan himaniiru.

Kanas wal ta'insa waraanaa qabaniifi 'Aukus' jedhamu jalatti milkeessuuf jedhu.

Teeknooloojiin diroonii bishaan jalaa kun bara dhufu qophii ta'a jedhamee eegama

Kaayyoon ijoo pirojektii kanaa dhiibbaa Raashiyaafi Chaayinaa galaana jalatti dabale dura dhaabbachuufi jedhamee ilaalama.

Baasiin teknolojii kanaa ifa ta'udhaas baatu Ministirri Ittisaa UK Joon Heeli biyyi isaanii dolaara 201 akka gumaattu dubbataniiru.

Karoorri kuni yaa'ii ministiroota waraanaa biyyoota sadeenii Singaapporitti yeroo taasisan ifa ta'e.

Pirojektiiwwan wal ta'umsa kanaa lafarra harkifata jedhamuun qeeqama.

Qeeqa kana Heeliin mirkaneessaniiru. "Yeroo dheeraaf baay'ee dubbanne, muraasa dalagne,'' jechuun amma garuu kuni jijjiirame jedhan.

Wal ta'umsi biyyoota kanaa bara 2021 kan eegale yoo ta'u biyyoonni sadan dooniiwwan niwukilaraa bishaan jala deeman hojjechuufi ekispartii waraanaa walirraa qooddachuuf waliigalaniiru.

Wal ta'umsi kuni sochii Chaayinaa Indoo-Paasifikii keessatti babal'achaa dhufe akkasumas muddama galaana kibba Chaayinaatti qoodi ishee cime dura dhaabbachuuf akka hundaa'etti ilaalama.

Teknolojiin diroonii kuni pirojektii jalqabaa wal ta'umsa 'Aukus' jedhamu jalatti ifatti mul'ateefi waliin hojjechuuf waliigalanidha.

Ta'us, dhimoota misaa'ela fageenya dheeraa imalu, robotiksii galaana jalaafi Hubannoo Nam-tolchee (AI) irratti hojjechaa turaniiru.

Teknolojiin haaraa amma ijaaruuf jedhan yaaddoo keessumaa keebilii bishaan jalaafi ujummoowwan irra jiru qolachuuf oola jedhameera keessumaa Paasifikii fi Atilaantikii keessatti.

Ibsi biyyoota sadeenii kan dhagahame erga Heeliin Raashiyaan kaaba UK'tti keebiliifi ujummoo irratti oppireeshinii 'dhoksaa' gaggeessaa jirti jechuun himatan boodadha.

Mudde keessa UK fi Noorway keebilii galaana jalaa tiksuuf jecha Kaaba Atilaantikiitti dooniiwwan Raashiyaa adamsuuf waliigalaniiru.

UK'n keebiliiwwan galaana jalaa 60'n kan wal qunnamte yoo ta'u Moskoon yaaddoo guddaa nutti taatetti jedhaanii akka amanan aangawoonni dubbatu.

Kana dura, dooniiwwan Chaayinaa keebiliiwwan bishaan jalaa Taayiwaan marsaniifi daangaa Siwiidiinitti kutaniiru jedhamuun shakkamu.

Galaana Baaltik keessattis keebiliiwwan baay'ee miidhamuun gabaafameera.

Gaafa Sambataa ministiroonni ittisaa biyyoota sadeenii gaaffii BBC irraa dhihaateefi dirooniin haaraa hojjechuuf yaadan sochii Raashiyaafi Chaayinaa galaana jala taasisan dura dhaabbachuufi jedhuuf deebii hin kennine.