Netaaniyaahuu moo morkattota isaa? Bu'aan sagalee filannoo Israa'el maal agarsiisa?

Netaniyaahuu fi Gaadii Ayizankoot
Ibsa waa'ee suuraa, Netaniyaahuu fi Gaadii Ayizankoot
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Filannoo waliigalaa Israa'elitti kaleessa gaggeeffameen, hanga yoonatti lakkoofsi sagalee erga buufataaleen filannoo cufamanii booda argame akka agarsiisutti filannoo murteessaa kana irratti ammatti injifataan ifa taane.

Tilmaama jiruun garuu yeroo dheeraaf Ministira Muummee kan turan Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi morkataana isaa hogganaan waraanaa duraanii Gaadii Ayizankoot teessoo gahaa mootummaa ijaaruu isaan dandeessisu argachuun isaanii waan hin oolle fakkaata.

Sagalee hanaga yoonatti lakaa'amen garuu qaamni mootummaa ijaaruuf teessoo gahaa argata jedhamee hin jiru.

Buufatni TV biyya keessaa lama paartiin Yashar kan Gaadii Ayizankoo fi paartileen mormitootaa sadii kanneen deeggartoota Yihudoota gurguddoo qaban kanneen gamtaa siyaasaa isaa kan "Garee Jijjiiramaa" jedhamu keessatti hiriiran, jedhamu ijaaran teessoo 120 paarlaamaa Israa'el Kenesset keessaa 51 argatu jedhamee tilmaamameera.

Gamtaan Netaaniyaahuu kan paartii isaanii Likud fi michoota isaa warra leellistoota fi paartilee 'Altiraa Ortodoks Jiwuus' of keessaa qabus teessoo 51 akka argatu tilmaamameera

Haa ta'u malee, tilmaamni buufata tamsaasa sadaffaa irraa argame akka agarsiisutti, gamtaan Netaaniyaahuu teessoo sadiin dursaa jira.

Paartileen Arabaa lama teessoo 18 ykn 19 argatu jedhamee waan tilmaamameef, bu'aa filannoo irratti gahee murteessaa qabaachuu danda'u.

Kunis seenaa filannoo Israa'el keessatti yeroo jalqabaatiif bu'aan Paartileen Arabaa lakkoofsa olaanaa ta'uu danda'a.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Lakkoofsi filattota Kibxata darbe hirmaatan waggoota kurnan darban keessatti isa olaanaa ture.

Komishiniin Filannoo Israa'el akka jedhetti hanga halakan sa'aatii 4tti sa'aatii biyya keessaa (22:00), yeroo filannoo cufamu filattootni dhibbeentaa 77.7 sagalee isaanii kennaniiru. Kunis bara 1999 irraa eegalee yeroo sa'aatii kanaatti galmaa'e keessaa isa olaanaa ta'uu Koreen Filannoo Giddugaleessaa beeksise.

Bu'aan filannoos halkan sana irraa eegalee maxxanfamuu jalqaba jedhame.

Haa ta'u malee, waraqaan sagalee namoota buufata filannoo idileetiin alatti kenname irra caalaa loltoota, gara kuma 600 ta'an, hanga Kamisaatti guutummaatti lakkaa'amuu akka hin dandeenye tilmamameera. Kunis sagalee waliigalaa keessaa gara dhibbeentaa 10 ta'a.

Bu'aan dhumaa erga mirkanaa'ee booda, pirezidaantiin Israa'el paartilee siyaasaa waliin mari'atee, hoogganaa paartii mootummaa ijaaruuf carraa guddaa qabu jedhee amanu ni affeera.

Paartiin mootummaa ijaaruuf yaalu kun gareewwan biroo waliin waliigaltee uumuu qaba; adeemsi kun torbanoota fudhachuu danda'a. Yoo mootummaa ijaaruu dadhabe, filannoon biraa gaggeeffamuu danda'a.

Deeggartoonni hedduun mormitootaa jajjabeessu, Netaaniyaahuunis harka kennachuu didera

Bu'aan jalqabaa qorannoo sagalee erga ba'ee booda, deeggartoonni paartii Yashar kan Gaadii Ayizankoot Tel Aviv keessatti argaman gammachuu isaanii ibsataa jiru.

Sagalee isaanii ol kaasanii, "Bibi, ati gara mana keetti deebi'i!" jechaa turan. "Bibin" moggaasa Netaaniyaahuun ittiin waamamuudha.

Gaadii Ayizankoot filannoo kana irratti "seenaa hojjenneerra" jedhan.

Akkasumas, fedhiin uummataa mootummaa tasgabbaa'aa fi lammiilee Israa'el hundaaf gaarii ta'e akka uumuuf akka hojjetan waadaa seenan.

Michuun isaa, ministirri muummee duraanii Israa'el Yaa'ir Laappiid, gareen Netaaniyaahuu "mo'amuu guddaan'' mudateera jedhan.

Haa ta'u malee, Netaaniyaahuu fi michoonni isaa waajjira muummee paartii Likud Yerusaalemitti argamutti mo'amuu Netaanihahuu fudhachaa hin jirani.

Garuu deeggartoonni paartichaa bu'aa kanaan yaaddoo keessa akka jiran BBC'tti himaniiru.

''Hanga sagaleen lakaa'amee hin xumuramnetti, beekameera jechuu miti, garuu baay'ee na yaaddesseera," jechuun deeggartuun Netaniyaahuu Itzik jedhamtu kan BBC'tti himte.

Michuun Netaaniyaahuu, Ministirri Dhimma Alaa Gid'oon Saar, mormitoonni mootummaa dursanii gammachuu ibsachuu ilaalchisee "yeroo hin geenye" jedhan.

Paartileen Arabaa gahee akkami qabu?

Paartileen Arabaa lama, Gamtaa Araboota Tokkumee fi Gamtaa Waloo jedhaman teessoo dabalataa argatu jedhamee tilmaamame.

Kunis filattoonni Arabaa baay'inaan sagalee kennuu isaanii hordofeeti.

Araboonni kun ummata Israa'el keessaa gara harka shanaffaa kan ta'an yoo ta'u, irra caalaan isaanii lammummaa Israa'el kan qaban lammiilee Falisxee Israa'el keessa jiraatan jedhanii ibsu.

Paartiileen kunneen gamtaa kamtu mootummaa akka ijaaru murteessuu keessatti gahee olaanaa akka qabanitti ilaalamuu isaanii dabalaa dhufeera, haa ta'u malee paartii tokko qofatu mootummaa keessatti isaan waliin michuu ta'uuf fedhii akka qabu ifatti labse.

Paartileen kunneen garee mootummaa ijaaruuf murteessaa ta'uu danda'u. Haa ta'u malee, paartii tokko qofatu isaanii waliin mootummaa keessatti hojjechuuf fedhii qabaachuu isaa ifatti ibse.

Hoogganaan Gamataa Arabaa Tokkoomee Mansuur Abbaas, "Lakkoofsi sagalee yoo nuuf mijate, nuti, Gareen Jijjiiramaa fi Garee Arabaa Tokkoomee teessoo 61 argachuu dandeenya," jedhan.

Filannoo bara 2021 booda, paartiin Abbaas mootummaa Naftalii Beenettii fi Yaa'ir Laappiid hoogganan keessatti hirmaate. Mootummaan sun garuu waggaa tokko qofa turee diigame.

Filannoon waligalaa Israa'el Kibxata gaggeeffame, erga haleellaa hidhattoonni Hamaas hoogganan Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwatanii fi waraanni Gaazaa, Libaanoonii fi Iraan keessatti itti aansee uumamee booda filannoo jalqabaa ture.