Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Israa'el ajajaa garee Hizboollaa 'Radwan Force' jedhamu irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte

Israa'el erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu labsamee yeroo jalqabaaf kibba Libaanositti ajajaa garee Hizboollaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte. Haleellaa kanaan ajajaan garee Hizboollaa 'Radwan Force' jedhamuu ajjeefamuu miidiyaan Israa'el gabaasus gama mootummaan garuu wanti mirkanaa'e hin jiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Keemikaalli 50 wiigiifi hiwuumaan heerii keessatti argame

    Addunyaa maratti wiigiifi hiwuumaan heeriin rifeensatti gudunfamu kaansarii harmaa, jeeqamuu hormoonii akkasumas fayyaa wal-hormaataa irratti keemikaalota miidhaa qaban qabaachuu qorannoon agarsiise.

  2. Chaayinaan murtii du'aa ministiroota ittisaa biyyattii addaan kutte

    Ministiroonni Ittisaa Chaayinaa lama murtiin du'aa itti muramee ture murtichi haqamuu miidiyaan mootummaa Chaayinaa gabaase.

    Aangawoonni kuni malammaaltummaan walqabatee himatamanii turan.

    Murteen Weyi Fengeefi li Shaangifu irratti murtaa'e murtee waggaa lamaaf turudha.

    Kana jechuun waggaa lama booda hidhaa isaanii osoo hin xiqqaatiin umrii guutuutti jijjiirama jechuudha, akka Shinuwaan gabaasetti.

    Aangawoonni lamaan malaammaltummaan yakkamaa ta'aniiru. Qabeenyi isaanii hundis saamameera.

    Murteen aangawoota kanarratti darbe qondaalonni waraanaa olaanoo biyyattii sababa qabsoo malaammaltummaarratti adeemaa jiruun aangoorraa erga kaafaman booda mudate.

  3. Gabaasni BBC'n sarbama mirgaarratti hojjete badhaasa mo'ate

    BBC'n walitti bu'iinsa Naannoo Amaaraatti adeemaa jiruun miidhaa saalaa raawwate ilaalchisuun qorannoon gaggeesse badhaasa argate.

    Badhaasni kuni Badhaasa Miidiyaa Aminastii Intarnaashinaal UK (Miidiyaa Awwaard) mo'ate.

    Badhaasichi gabaasa damee barreeffamaan kan badhaafame yoo ta'u, mata-duree "Osoo na ajjeesanii wayya ture": Lola Itoophiyaatti dagatamee jireenya dubartootaa balleessaa jiru'' jedhu qaba.

    Gabaasa kana qopheessuuf kanneen miidhaan irra gahe dubbisuun, akkasumas ragaalee mana yaalaa ilaalameera.

    Gabaasichi waggoota sadan darban walitti bu'iinsa Naannoo Amaaraa keessatti adeemaa jiruun miidhaa saalaa dhaqqabeefi miidiyaaleerraa dhokatan addabaabayiitti kan baasedha jedhameera.

  4. Waraanni Israa'el loltuu siidaa Durboo Maaramiitti tamboo afaan kaa'e qorataa jira

    Waraanni Israa'el loltuu Israa'el Libaanos keessatti osoo tamboo xuuxuufi tamboo afaan siidaa Durboo Maaramii keessa kaa'uu suuraan isaa mul'ate qorataa akka jiru beeksise.

    Suuraan kuni ganda Kiristaanaa Debel jedhamu keessa kan kaafame yoo ta'u loltuun biraas torbanoota muraasa dura siidaa Iyyesuus fannoorra jiru osoo burruusaan rukutuu suuraan isaa ka'eera.

  5. US fi michoonnishee Hormuuz hin banamu taanaan Iraan irra qoqqobbiin akka kaa'amuuf UN'f yaada dhiyeessan

    Ameerikaa fi michoonnishee biyyoota Galoo Galaanaa Iraan haleellaa dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa darban irratti haleellaa raawwachuu kan itti fuftu taanaan qoqqobbiin akka irra kaa'amu ykn tarkaanfiin biraa akka irratti fudhatamu dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif yaada murtee dhiyeessuu maddi oduu Assoosheetid Pirees gabaaseera.

    Yaadni murtee Mana-maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNSC)f dhiyaate kun Ulaa Hormuuz irratti qaraxa seeraan alaa kaa'uushee akka dhaabduufi bakkeewwan fanjiiwwan awwaalaman beeksisuun bilisummaan imaluun akka hayyamamuuf gaafata.

    Gargaarsi murteessoo UN, xaa'o fi omishaaleen biroo haala Ulaa kana keessa ittii darbu koriidarii namoomaa hundeessuuf carraaqqii taasisu keessatti Iraan "Iraan hatattamaan akka hirmaattuufi haala akka mijeessitu" gaaffiin jedhu yaada murtee kana keessatti makamee arguu gabaaseera APn.

    Ameerikaafi michiinnisee Galoo Galaanaa yaalii dippilomaasii akkasii yeroo taasisan kun kan jalqabaa miti. Walga'ii UNSC jalqaba Eblaa taasifamee turerrattis yaada murtee Ulaan Hormuuz akka banamu taasisuuf dhiyaatee ture Chaayinaa fi Raashiyaan mirga sagalee sagaleen kuffiisuu fayyadamuun kufaa taasisanii ture.

    Ameerikaafi Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuurra kan ga'aniif walga'ii kanaan booda ture.

    Ministirri dhimma alaa Maarkoo Ruubiyoo ibsa Kibxata baaseen, Iraan Ulaa kana cufuuf yaaluusheetiin, dooniiwwan kka haleeltu doorsisuun, fanjiiwwan galaana keessa awwaaluun, akkasumas kaffaltaa sassaabuu yaaluun "dinagdee addunyaa uggurtee" akkuma qabatteen itti fufteetti jedha himanni dhiyaate.

    Yaadni furmaataa Mana-maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif dhiyaate guyyoota itti aanan sagaleen irratti kenname jedhamee eegama jechuun Ruubiyoon gaazexeessitootatti himeera. "Fooyya'iins muraasni" Ameerikaan sanadicharratti taasifte michoonni Teehiraan UNSC keessa jiran kufaa akka hin taasifne kan yaadame ta'uu garuu wanti mirkanaa'e hin jiru.

    Akka gabaasa AP kanaatti, yaada furmaatichaan ibsa humna fayyadamuu baasuunb sirreeffamni kan taasifame yoo ta'u, kun ammoo qoqqobbiin akka bakka bu'u taasifameera.

  6. MM Israa’el waraana biyyattii qophaa'aa jedhe, Tiraamp Iraaniif saatii 48 kenne

    Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, Israa’el dhimma Iraan ilaalchisee yaada kennaniin Israa'el“haala kamiifuu qophooftee jirti” jedhe.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Tehran waliin waliigaltee irra ga’uu akka danda’an agarsiiftuwwaan akka jiran ibsuun, garuu Iraan daftee saatii 48 keessatti waligalteerra hin geessu taanan haleellatti akka deebi'an doorsisan.

    Jalqaba walga’ii Mana Maree Nageenyaa Israa’el irratti kan dubbatan Netaaniyaahuun, humnoonni waraanaa fi nageenyaa haala uumamuu malu kamiifuu akka qophaa’an qajeelfama kennuu isaanii dubbataniiru.

    Netaaniyaahuun ibsa waajjirri isaanii baaseen, ''haala hundaaf qophaa'aa turre, kunis qajeelfama ani humna waraanaa fi tajaajila nageenyaa keenyaaf kennedha,'' jedhan.

    Doorsisni kun kan ba’e yeroo Iraan karoora waraanicha xumuruu qabxii 14 qabu Ameerikaan dhiheessite ammallee qorataa akka jirtu ibsite booda.

    Dabalata isaaf

  7. Israa'el erga dhukaasa dhaabuun labsamee yeroo jalqabaaf Beeruut haleelte

    Israa'el erga ji'a darbe Hizboollaa Libaanos faana dhukaasa dhaabuurratti waliigalanii yeroo jalqabaaf kibba Beeruut irratti haleellaa qilleensaa raawwatte.

    Humni waraanaa Israa'el haleellaa kanaan buufata ajaja waraanaa garee Hizboollaa 'Radwan Force' jedhamurratti xiyyeeffachuu hime.

    Miidiyaan Israa'el hogganaan garee kanaa ajjeefamuu gabaasus, mootummaan Israa'el garuu kana hin mirkaneessine.

    Garuu haleellaan kun ajajaa garee waraanaa kanarratti xiyyeeffachuu Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaaniyaahuu mirkaneesseera.

    Haleellaan magaalaa kibba Libaanos Dahieh jedhamturratti raawwatame kun erga Pirezidant Doonaald Tiraamp Ebla 16 waliigaltee dhukaasa dhaabuu labsee kan jalqabaati.

    Haata'u malee Israa'el erga dhukaasi dhaabbachuun labsameellee kibba Libaanos haleeluu hin dhaabne. Haleellaawwan torban darbe keessa Israa'el raawwatteen namoonni 120 caalan ajjeefaman jedhe ministeerri fayyaa Libaanos.

    Ministeerichi erga Bitootessa 2, 2026 Israa'el haleellaa eegaltee Libaanos keessatti namoonni 2,700 caalan ajjeefamuus ibse.

  8. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra.

    Israa'el erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu ji'a darbe labsamee Libaanos haleeluu eegalteetti.

    Iraan fi US gara waliigaluutti deemaa jiru? Waan itti aanu isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattiin armaan duraa asii argattu.