Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Tiraamp Iraan waliin waliigalteerra ga'aa jiraachuu eeruun, oppireeshinii Ulaa Hormuuz irratti eegale dhaabuu ibse

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessatti danqamanii turan baasisuuf oppireeshinii eegale ''Project Freedom'' jedhamu dhaabuu hime. Kunis Iraan waliin waliigalteerra jirra waan ta'eef jedhe.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, Hundeesssaan CNN umrii isaa 87tti boqote

    Hundeesssaan CNN Teed Tarnar, umrii isaa 87tti du'uu isaa networkichi beeksiseera.

    Tarnar bara 1980tti, Cable News Network (CNN) akka madda oduu walitti fufiinsaan darbuu kan jalqabaatti bane; kunis yeroo gabaabaa keessatti aadaa miidiyaalee addunyaa ta'e.

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp, "nama seena-qabeessa hangafaa miidiyaa biroodkaastii fi michuu koo" jechuun gadda itti dhagahame ibse.

    Hogganaa fi dura-taa'aan CNN ammaa Maark Toomson, Tarnar "goota nuun utubee dhaabedha, har'a hundi keenya yeroo muraasa fudhannee dhiibbaa inni jireenya keenyaafi addunyaa irratti uume ni yaadanna" jechuun ibseera.

    Toomson: "Teed hogganaa hojii keessatti hirmaatu, itti gaafatamummaa kan fudhatu, goota soda kan hin beekneefi yeroo hunda tilmaama ofii irratti hundaa'ee ejjennoo isaa kan amanu ture. Inni yeroo hunda utubaa CNN dhaabe dha," jedheen.

    Pirezidaant Tiraamp CNN isa ammaa irratti qeeqa cimaa qabaatus, waa'ee Tarner yoo dubbatu: "Yeroon isa barbaadu hunda inni naaf argama ture, dhimma gaariif qabsaawufis yeroo hunda qophii turedha!" jedheera Tiraamp.

  2. Ameerikaa fi Iraan eenyutu dursee ija libsata?

    Prezdant Tiraamp fi Eegdonni Warraaqsa Islaamummaa Iraan waliif masaanuu akka ijaaf adaamiiti:lachuu beekkamtii walii kennuu hin fedhan, waraanatti deebi'uu dhabuuf hanga eessa akka deemuu fedhanis hin himan.

    Waraana torbaanotaa booda US lola keessaa bahuu akka barbaaddu ifa galaa jira. Gatiin boba'aa ol ka'uun hawaasa dallansiise, Ameerikaan akka muddama hir'iftus dhiibbaa uuumeera.

    Iraan gama isheetiin qormaata hamaa keessa jirti, bulchiinsi ishee qaalayiinsa diinagdee deemaa jiruufi qormaata uummata Iraan gurra dhoowwateera.

    Warshaalee hedduun hojjettoota isaanii hir'isaniiru, intarneetiin uggurame, hawaasi diinagdee dijitaalawaa irratti hirkateeru makaraa argaa jira. Maatii hedduun jireenya harkaa gara afaaniitti jiru. Waan bu'uuraa guuttachuu qofatti xiyyeeffatanii jiru.

    Leellistoonni sirna mootummaa Iraan keessaa, kan ayidiyoolojii jala yaa'an, uummanni gatii kaffalee, diinagdeenis bututee sirni akka baraaramu fedha.

    Sirni Rippaablika Islaamummaa Iraan mormiin uummataa akka deebi'ee itti hin kaanes yaaddoo qaba.

    Ji'a darbe qofa, hidhamtoota siyaasaa 20 fannifte. Hedduun warra Amajjii darbe mormiirraa qabamani.

    Fannisuun kun kaan akka mormiitti hin deebine jiilchuufi.

    Ameerikaa fi Iraan keessaa kamtu dursee ija libsataree?

  3. 'Mariin kamuu "onneerraa" ta'uu qaba' - Ministeera dhimma alaa Iraan

    Maxxansa fuula X Mana Murtii Idil-addunyaa wabeeffachuun maxxanseen dubbii himaa Ministeera dhimma alaa Iraan Esmail Baghaei "mariin kamuu wanni xiqqaan inni qabaachuu qabu onneerraa ta'uu fi wal dhibdee hiikuu akeeka godhacuuni" jedhan.

    '"Onneerraa' hirmaachuu gaafata, ammoo mari'achuu jechuun 'atakaaroo kaasuu' miti, 'tokko isa kaan to'achuu', gowwoomsuu', 'saamuu' fi 'hacuucuu' miti," jedhan.

    Maxxansa isaanii kanaan kallattiin karoora marii Ameerikaan dhiyeessite hin eerre.

    Baghaei miidiyaa barattoota Iraan News Agency (ISNA) irratti Iraan yaada ofii karaa Paakistaan dhiyeessaa jiraachuu ibsan.

  4. Karoora waliigaltee US dhiyeessite Iraan busheessiteerti.

    Miseensi gameessi Paarlaamaa Iraan tokko Ameerikaa fi Iraan waliigalteerra gahuuf jiru kan jedhu "hawwii" qabatamaa hin taane jedhan.

    Miidiyaan Ameerikaa Axios har'a Ameerikaan Iraan waliin waraana xumuruuf waliigaltee wal hubannoorra ga'uutti dhihaachuu Waayit Haawus akka amanu miidiyaan US Axios jedhamu gabaasee ture.

    Qabxiileen waliigaltee wal hubannoo fuula tokkoofi qabxiilee 14 ti jedhameera.

    Miseensi paarlaamaa Iraan fi komishinarri nageenya biyyaalessaa fi imaammata alaa, Ebrahim Rezaei, gabaasa kana keessatti yaada kenneen "US waan waraana keessatti argachuu dadhabde, marii keessattis argachuu hin dandeessu" jedhan.

    Ergaa isaa fuula X irratti Afaan Pershiyaan barraayen, "ammallee qubni keenya qaata qawweerraa hin kaane, qophii taaneema jirra" jedhe.

    Ameerikaan yoo harka hin kennine ykn waliigaltee barbaachisaa hin raawwanne Iraan tarkaanfii hadhaawaa keessa deebii hin qabne fudhatti jedhan.

    Dubbii himaan ministira dhimma alaa Iraan karoora waliigaltee US dhiyeessite itti yaadaatuma jirra jedhan Ejensii Oduu Iraan ISNA irratti yaada dhiyeessaniin.

    Esmail Baghaei dhimma kanarratti Paakistaan faana yaada wal jijjiiraa jiraachuu ibsan.

  5. Israa'elii fi Hezboolaan kibba Libaanos keessattti wal haleelaa jiru

    Wayita Ameerikaa fi Iraan waliigalteerra gahuun isaanii gaaffii keessa jiru kanatti Humni Waraanaa Israa'el (IDF) kibba Libaanos keessatti haleellaa Hezboollaa irratti raawwatu itti fufuu beeksise.

    Odeessi waytaawaan har'a baheen, IDF loltoonnisaa lama haleellaa diroonii lama naannichatti Hezboollaan ergeen raawwatameen madaawuu mul'ise.

    Maxxansoonni karaa garee michuu isaa ta'anii Hezboollaan maxxansaa jirus garichi kibba Libaanos keessatti humnoota Israa'el haleeluu mul'isa.

    Ministeerri Fayyaa Libaanos kutaa Bulchiinsa Lixa Libaanos Beekaa jedhamtu kibba magaalaa Zilaayaa keessatti namoonni afur haleellaa Israa'eliin ajjeefamuu fi shan immoo ibsuu isaa miidiyaan biyyattii National News Agency gabaase.

    Magaalaan tun magaalaa humnoonni har'a Israa'el uummanni akka keessaa bahu akeekkachiisan keessaayi.

  6. 'Doorsisni yoo dhaabbate Ulaan Hormuz ni banama' - Eegdota Warraaqsa Islaamummaa Iraan

    Humni galaanaa Eegdota Warraaqsa Islaamummaa Iraan (IRGC) ibsa baaseen, yoo 'doorsifni' 'weerartootaa' nurraa dhaabbate Ulaan Hormuuz ni banama jedhe.

    Eegdotni Warraaqsa Islaamummaa Iraan "dooniiwwan daldalaa Ulaa Hormuuz keessa darban qajeelfama Iraan hordofuun tumsa godhaniif ni galatteeffanna" jedhe.

    Ergaa baaseen humni kun "Doorsisni weerartootaa dhaabbachuu fi abdiin adeemsa marii uumameen carraan dooniiwwan daldalaa Ulaa Hormuuz keessa nagaan dabruu ni mijaaya" jedhe.

    Pirezdaant Tiraamp duulli 'Project Freedom' jedhu- dooniiwwan ajjabuuf qophaaye dhaabbachuu hordofeeti sa'aatiiwwan muraasa keessatti Humni galaanaa Eegdota Warraaqsa Islaamummaa Iraan ibsa kana kan baase.

  7. Ameerikaa fi Iraan waligaltee mallatteessu jala gahan

    Maddi Paakistaanii fi kan biraa tokko Rooytarsitti akka himanitti gareen lamaan waliigaltee fuula tokkoo waraana Baha Jiddu-galeessaa dhaabsisuu irratti waliigaluufi.

    Maddeen kunneen odeeffannoo miidiyaan Ameerikaa Axios baase mirkaneessaniiru.

    Qabxiileen waliigaltee wal hubannoo fuula tokkoofi qabxiilee 14 eeraman waraana dhaabuu, itti aansee uggura Ulaa Hormuuz kaasuu, qoqqobbii US Iraan irra keesse kaasuu fi sagantaa nukilaraa Iraan dhaabsisuu fa'i jedhameera.

    "Amma itti dhiyaanna, itti dhiyaachaa jirra,"jedhe maddi biyya jaarsummaan hirmaachaa jirtu, Paakistaan, tokko.

    Gabaasni biyyoonni lamaan waliigaluu danda'u jedhu bahuu hordofee gatiin boba'aa addunyaa gadi bu'e. Gatiin jikitaan boba'aa Bireent 8%'n gadi bu'ee dolaara $100 gale. Gatiin sheerii olka'e bu'aan boondii gadi bu'e. Waraanichi gabaa boba'aa danquun isaa ni yaadatama.

    Mariin waliigaltee eegalamuu kan ibsame pirezdaant Tiraamp guyyoota sadiif ergamni humna galaanaa Ulaa Hormuz irratti sochii eegale guyyoota sadiif dhaabbachuu himuu booda. Tiraampi mariin karaa qabachaa jira jedhee ture.

    Pirezdant Tiraamp waliigaltee kana hordofee waraanni fi uggurri ni dhaabbata jedhe.

    Iraan qabxii tokkorrattis taatu yoo waliigaluu didde waraanni itti hammaata jechuun miidiyaa hawaasaa isaa Truth social irratti dhaadate.

    Iraan yoo waliigalte garuu, duulli waraanaa irraa dhaabbata, Ulaan Hormuuzis Iraan dabalatee HUNDAAF BANAA ta'a jedhe.

  8. Hararitti dubartiin tokko al-takkaatti daa'imman 5 deesse

    Haati umrii waggaa 35 kun daa'imman 5 erga deessee booda yeroo ammaa isheenis, daa'immanis fayyummaansaanii haala gaariirra jiraachuu Waajjirri Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Hararii Facebook isaarratti ibseera.

    Hospitaala dubartiin kun keessatti deesse, Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Hiwot Faanaa, keessa kan hojjetu Dr. Obsaa Hasan dubartiin kun Kibxata kaleessaa (Caamsaa 5, 2026) halkan keessaa sa'atii 3:30 irratti deesse jedhe.

    Dr. Obsaan dubartiin kun nagaadhaan hiikamuu ibse.

    Daa'imman shanan keessaa afur dhiira tokko durba.

    Dubartiin kun yeroo ulfa turtetti hospitaala kanatti deddeebitee ilaalamaa akka turte kan ibse Dr. Obsaan, dhumarrattis achumatti nagaan dahuu dubbate.

    Dubartiin Badiriyaa Adam jedhamtu kun jiraattuu Aanaa Soofii ganda Qiillee ta'uu Waajjirri Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Hararii ibseera.

  9. Waayit Haawus waraana dhaabuuf Iraan faana waliigalteetti akka dhihaate amana

    Ameerikaan Iraan waliin waraana xumuruuf waliigaltee wal hubannoorra ga'uutti dhihaachuu Waayit Haawus akka amanu miidiyaan US Axios jedhamu gabaase.

    Miidiyaan kun aanga'oota US lamaa fi maddeen biroo lama wabeeffachuun akka gabaasetti waliigalteen wal hubannoo kun dhimma nukilara Iraanis ni ilaallata.

    Sanadi waliigaltee fuula tokko ta'u kun gabbisi yuraaniyemii Iraan akka adda citu, qoqqobbiin akka Iraan irraa ka'uu fi imalli doonii Ulaa Hormuuz iddoosaa duriitti akka deebi'u of keessaa qaba akka gabaasa miidiyaa kanaatti.

    Marii US fi Iraan hanga yoonaa taasisaa jiran keessatti dhimmi yuraaniyemii Iraan dhaabuu fi Ulaa Hormuuz banuu ijoo ture.

    Miidiyaan kun maddeen wabeeffachuun akka gabaasetti qabxiiwwan sanada waliigaltee haaraa kana keessatti eeraman hojiirra oolmaansaanii waliigaltee dhumarratti tolfamurratti hundaa'a.

    US deebii kanaa sa'atii 48 keessatti Iraan irraa eegdi. Miidiyaan kun hanga yoonaa waliigalteen raawwatame akka hin jirre gabaase.

  10. Iraan ''waliigaltee haqa qabeessaa fi hunda hammate'' US waliin tolfachuu akka feetu ibsite

    Iraan mariin US waliin taasistu ''waliigaltee haqa qabeessaa fi hunda hammate'' yoo ta'e malee akka hin fudhanne ministeerri dhimma alaa biyyattii ibse.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp mariin Iraan waliin gaggeeffamu ''fooyya'iinsa agarsiisaa jiraachuu'' Kibxata kaleessaa dubbateera.

    Chaayinaa kan jiran ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii ''marii kanaan mirga seeraan qabnuu fi dantaalee keenya mirkaneeffachuuf waan dandeenyu hunda ni goona,'' jedhe.

    Miidiyaan Iraan akka gabaasetti qondaalli Iraan kun biyyisaanii waliigalteen marii kanaan dhufu ''yoo haqa qabeessaa fi guutuu ta'e malee'' akka hin fudhanne ibseera.

    Abbaas Araagchii waa'ee oppireeshinii Ulaa Hormuuz dhaabuu US irratti yaada hin kennine.

    Ulaan Hormuuz erga Guraandhala keessa cufamee hanga yoonaa dooniiwwan karaa sana darbuu hin dandeenye, kanneen ba'anii ugguramanis hedduu.

    Ulaan boba'aa addunyaa keessaa dhibbeentaa 20 kan ta'u keessa darbu kun cufamuun gatii boba'aa akkaan dabaleera.

  11. Oppireeshinii itti fufuu ykn dhaabanii Iraan waliin mari'achuu- burjaajii Tiraamp keessa jiru

    US oppireeshinii Ulaa Hormuuz irratti eegalte ''Project Freedom'' jedhamu adda kutuuf kan jettuuf sababa Iraan waliin waliigalteerra ga'uutti dhihaatteefi jedha xiinxalaan tokko.

    Jaarmiyaa International Crisis Group, damee Iraanitti daarektara kan ta'e Alii Va'eez, Tiraamp ammallee oppireeshinii itti fufuu fi oppireeshinicha dhaabee marii dippiloomaasiitti deebi'uu gidduutti daddaaqamaa jira jedhe.

    Ogeessi kun akka jedhutti oopireeshiniin kun ''bu'aa eegama argamsiisaa waan hin jirrreef'' Ameerikaa abdii kutachiiseera.

    Iraan dooniiwwanii fi Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) dabalatee haleellaa raawwachuun deebii kennuunshee akka bulchiinsi Tiraamp of duuba deebi'u sababa ta'e jedha Alii Va'eez.

    Tarkaanfiin Iraan pirojektii Tiraamp labse ''Project Freedom'' dura dhaabbachuun fudhatte ''oppireeshiniin kun akka rakkoo hin furre'' Tiraampiin amansiiseera jedhe.

    Akkasumas tarkaanfiin Tiraamp kun akka Ameerikaa deebisee waraanatti galchu mul'iseera.

    Ammoo Ameerikaan oppireeshinii kana eegaltee guyyaa muraasa keessatti of duuba deebi'uun ''bulchiinsi Tiraamp imaammataa fi adeemsi sirrii akkasumas ifa ta'e dhabuu mul'isa,'' jedhe ogeessi kun.

    ''Pirezidantichi adeemsa dippiloomaasii sirrii eegee osoo hin taane miiraa fi dhiibbaadhaan tarkaanfii fudhata. Kanaafuu adeemsi jiru yeroo hunda wal hin fakkaatu, itti fufiinsas hin qabu.''

  12. Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii Tiraamp dursuun aanga'oota Chaayinaa waliin mari'ate

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii gara Chaayinaa, Beejiing imaluun gitasaa kan Chaayinaa Wang Yi waliin mari'ate.

    Miidiyaan Chaayinaa Xinhua jedhamu aanga'oonni lameen walarguun mari'achuu malee dhimma irratti mari'atan bal'inaan hin ibsine.

    Miidiyaan Iraan Fars jedhamu ammoo Abbaas Araagchii ''dhimmoota dantaa waloo ta'anii fi dhimma naannawa akkasumas addunyaa'' irratti aanga'aa Chaayinaa waliin mari'achuu gabaasee ture.

    Daawwannaan Araagchii karoora Pirezidant Doonaald Tiraamp fi Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing walarguuf qabatanii jiran dursuun dhagahame.

    Tiraamp torbee dhufu keessa gara Chaayinaa imaluun Pirezidant Shii Jiinpiing waliin mari'achuuf jedha.

    Daawwannaan Tiraamp gara Chaayinaatti taasisu kun sababa bulchiinsi isaa Israa'el waliin ta'uun Iraan irratti waraana baneef barfate malee kanaan dura ture.

  13. Tiraamp oppireeshinii Ulaa Hormuuz akka adda kutuuf jiru ibse

    Pirezidant Doonaald Tiraamp dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessatti danqaman baasuuf oppireeshinii eegale yeroof adda kutuuf akka jiru ibse.

    Kanaaf ammoo Iraan waliin abdiin waliigalteerra ga'uu akka jiru akka sababaatti eere.

    Tiraamp oppireeshinii ''Project Freedom'' jedhamu labsuun dooniiwwan ugguraman Ulaa Hormuuz keessa dabarsuuf adeemsa kan eegale Wiixata ture.

    Oppireeshinii kanas humna waraanaan raawwachiisuuf yaaleera. Garuu Iraan tarkaanfii fudhachuutti wayita seentu Ameerikaan duula kana akkaataa yaaddeen goolabuu hin dandeenye.

    Aanga'oonni US amma humna fayyadamuurra marii nagaa waan filatan fakkaatu.

  14. Tiraampi Oppireeshinii 'Project Freedom' dhaabuu Iraan akka injifannootti lakkaa'atte

    Doonaald Tiraampi oppireeshinii 'Project Freedom' jechuun Hulaa Hoormuz keessaa dooniiwan danqaman baasuuf jalqabe yeroof ''dhaabuu'' isaa namoota baay'ee raajeffachiiseera.

    Oppireeshinii kun isa kana duraa irraa adda yoo tahu Tiraamp walabummaa daldalaa fi sochii Hulaa Hormuuz nan mirkaneessa jechuun kan jalqabedha.

    Kun ammoo Iraaniin dhiibbaa dinagdee keessa galchuuf karoorfameeti.

    'Project Freedom' Tiraamp jalqabe boba'aan bilisaan karaa Hulaa Hormuuz kana akka addunyaaf daddarbu gochuuf ture.

    Dooniiwwanii fi inshuraansonni isaan waliin hojjetan yeroo Tiraamp oppireeshinicha dhaabetti kan Iraaniin danqaman yoo tahe, isa Tiraamp kaayyoo keenya galmaan geenyeerra jedhe balaarra buusa.

    Itti aanee maaltu akka tahu hin baramne.

    Isa Tiraamp gaaffii Paakistaanii fi biyyoota kaanii irraa ka'uun ''yeroof dhaabneerra'' jedhe Iraan akka injifannootti lakkaa'aa jirti.

    Miidiyaaleen biyyattii oppireeshinii Tiraamp jedhe kana irratti biyyi isaanii injifannoo argachuu gabaasaa jiru.