Yeroo ammaa meeshaaleen nukilaraa Iraan eessa jiru?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Addunyaarratti dhimmoota falmisiisoo ta'an keessaa waa'een sagantaa nukilaraa Iraan jalqabarratti eerama.

Dhimmi kun erga mata duree falmii addunyaa ta'ee waggaa kurna caalaa lakkoofsiseera, keessattuu Ameerikaan ammoo dhimma ijoo godhattee itti jirti.

Iraan ammoo seenaa keessatti guyyaa tokkollee meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishuuf fedhii akka qabdu ibsitee hin beektu.

Bara 2015 Iraan gabbisa yuraaniyemii ishee persantii 3.67 akka hin caalsifne waliigaltee turte. Yuraaniyemiin sadarkaa kanatti yoo gabbate anniisaa oomishuuf ga'aadha.

Waliigalteen Iraan bara sana fudhatte Joint Comprehensive Plan of Action (JCPOA) jedhama.

Haata'u malee erga US bara aangoo pirezidantummaa Tiraamp marsaa jalqabaa (2018) waliigaltee kana keessaa baatee booda Iraan waa'ee nukilaraa irratti kutannoo qabdu hir'isteetti.

Yuraaniyemii ishee persantii 4.5 irraan geesse, waggoota itti aanan 20tti guddiste.

Garuu hanga waggaa sadiitti gabbisa yuraaniyemii ishee dhibbeentaa 60 irraan hin geenye turte.

Bara 2021 haalli jiru hundeerraa jijjiirame. Kunis erga wiirtuun nukilaraa Nataanz jedhamu haleelamuun anniisaanis irraa citee booda.

Iraan haleellaa sanaaf Israa'eliin himatte, sana booda yuraaniyemii ishee dhibbeentaa 60tti akka gabbistu ibsite.

Yeroo sana Ejansiin Anniisaa Atoomawaa Idiladdunyaa (IAEA), Iraan biyya nukilara osoo hin hidhatin gabbisa yuraaniyemii ishee sadarkaa kanatti guddiste jedhee ture.

Aanga'oonni Iraan haleellaa Israa'elii fi cunqursaa Ameerikaatiin dhiibamuun tarkaanfii kana akka fudhatan ibsan.

Hamma yuraaniyemii sagantaa nukilaraa isheef barbaachisu kan murteessu Iraan jechuunis cichanii dubbachuu eegalan.

Haata'u malee biyyoonni lixaa yuraaniyemiin persantii 60tti gabbifame anniisaaf ykn faayidaa siiviliif kan barbaachisu fagoo caala jechuun Iraan akka baayyee hir'istu gaaffii fi dhiibbaa cimsuu eegalan.

Iraan yuraaniyemii sadarkaa meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishuuf ishee dandeessisurraa gulantaa baayyee of duuba deebi'uu qabdi jechuun qabsoo cimsan.

Waggoota itti aanan gabbisi yuraaniyemii Iraan akkaataa waliigaltee JCOPAn akka ta'uu qabu irratti biyyoota lixaa fi Iraan gidduutti qoccolloon cime.

Iraan garuu gabbisa yuraaniyemii ishee 60 olittiyyuu guddisuun xiyyeeffannaan sagantaa nukilaraa ishee itti fufte.

Waraana bara 2025 ji'a Waxabajjii keessa guyyaa 12f Israa'elii fi Iraan gidduutti gaggeeffame dura yuraaniyemiin Iraan persantii 60tti gabbate kiilogiraama 440 akka ture IAEA gabaaseera.

Ameerikaan waraana sana keessatti Israa'eliin gargaaruun erga wiirtuuwwan nukilaraa Iraan haleeltee booda garuu waa'een kuusaa yuraaniyemii kanaa yaaddoo guddaa ta'eera.

IAEA akka gabaasetti iddoon kuusaan yuraaniyemii gabbate jiru sirriitti hin beekamu.

Buufataalee nukilaraa Iraan qabdu keessaa yuraaniyemiin persantii 60tti kan gabbate buufata Fordoo jedhamutti.

Buufati Nataanz jedhamu ammoo bakka nukilarri itti shaakalamuudha, buufata Fordoof tumsa teeknikaa kenna.

Gabaasi IAEA bara 2025 baase Guraandhalaa fi Caamsaa bara sanaa gidduutti yuraaniyemiin persantii 60tti gabbate kiilogiraama 166 ta'u wiirtuu Fordoo keessatti oomishameera, kiilogiraama 19 kan ta'u ammoo wiirtii Nataanz keessatti oomishame.

Haata'u malee iddoon yuraaniyemiin itti gabbifamu iddoo itti kuufamu miti. Kanatu kuusaa yuraaniyemii Iraan iccitii taasisa.

Wiirtuu lafa jalaarratti maaliif xiyyeeffatama?

Jalqaba waa'ee kuusaa lafa jalaa kan akeeke gabaasuma Ejensii Anniisaa Atoomawaa Idiladdunyaati.

Waraana guyyaa 12 dursuun gabaasa baase keessatti, Iraan Muddee 2024 irraa eegaltee yuraanyemii gabbistu wiirtuu Fordoo fi buufata lafa jalaa Isfahaan keessatti kuusaa turuu eere.

Iraan buufataalee kunneen keessatti yuraaniyemiin gabbate ''bakka kaan caalaa eegumsa cimaa fi hordoffii ga'aatu taasifama'' jettee amanti.

Kanaafuu akka gabaasa Ejensii Anniisaa Atoomawaa Idiladdunyaa (IAEA)tti, haleellaa Waxabajjii 2025 dura, wiirtuun lafa jalaa Isfahaan yuraaniyemii gabbisuu fi anniisaa oomishuun cinaatti akka kuusaa meeshaalee nukilaraa akkaan balaafamoo ta'aniitti tajaajilaa ture.

Dhimmi nukilara Iraan kun akka haaraatti deebi'ee ijoo dubbii kan ta'e ammoo waraanni guyyaa 12 erga xumuramee ji'oota torba booda waraana US fi Israa'el walta'uun Iraan irratti labsan hordofeeti.

IAEA Guraandhala 2026 keessa sochiin konkolaattotaa fi sochiiwwan biroon seensa wiirtuu Isfahaan kanatti mul'achuu suura saatalaayitiin ibsee ture.

Gabaasuma kana keessatti buufataalee afran Iraan qabdu keessaa buufata kanatti yuraaniyemiin persantii 20 fi persantii 60tti gabbate bifa gaasii hexaflouride (UF6) jedhamuun kuufamuun eerameera.

Haata'u malee waraana Waxabajjii booda jaarmiyaan kun buufata kana bira ga'ee haala jiru baruu hin dandeenye.

Dhuguma meeshaaleen nukilaraa falmii kaasisaa jiran kunneen buufata Isfahaan keessatti kuufamanii jiraachuu mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Ammoo odeeffannoo fageenyarraa argaturratti hundaa'uun meeshaaleen nukilaraa Iraan qabdu buufata lafa jalaa kanatti kuufamee jiraachuu ibse.

Bitootessa 2026 daarektarri IAEA Raafaayeel Giroosii yuraaniyemiin persantii 60tti gabbate kiilogiraama 200 ta'u buufata Isfahaan keessatti kuufamu dubbatan.

Ebla darbe gaaffii fi deebii Asoosheetid Pirees (AP) waliin taasisaniin yuraaniyemiin gabbifame hedduun wiirtuu nukilaraa Isfaan keessatti kuufamee jiraachuu IAEA akka quba qabu dubbatan.

Ta'us garuu jaarmiyaansaanii kun qaamaan bakka sanatti argamee kallattiin qorannoo fi sakatta'iinsa gaggeessuun buufata gaaffiin irratti ka'u kanarratti odeeffannoo mirkanaa'aa ta'e argachuu akka hin dandeenye dubbate.

Sababi biraan wiirtuun lafa jalaa Isfahaan xiyyeeffannaa guddaa argateef waraana guyyaa 12 Waxabajjii 2025 tureen US buufata kanarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuusheeti.

CNN yeroo US haleellaa raawwatte sana akka gabaasetti buufataaleen nukilaraa kanneen akka Fordoo fi Nataanz boombii hamaa B-2 jedhamuun haleelamaniiru, garuu buufati Isfahaan addatti misaa'ela akkaan hamaa ta'e Tomahawk jedhamuun haleelame.

Akka gabaasa kanaatti caasaaleen wiirtuu nukilaraa Isfahaan lafa jalatti baayyee hin miidhamne.

Kun ammoo meeshaaleen nukilaraan qophaa'an, kan sagantaa nukilaraa biyyattiif baayyee murteessoo ta'an haleellaa dura ykn haleellaa booda ykn ammoo lafa jala gadi fageeffamanii turan kan jedhu gidduutti yaadonni akka kennaman taasiseera.

Wiirtuuwwan hin beekamne...

Ameerikaan waraana Waxabajjii 2025 booda Pirezidanti Doonaald Tiraamp wiirtuuwwan nukilaraa Iraan barbadaa'uu fi kanaan booda dhimmi sagantaa nukilaraa biyyattii yaaddoo hin ta'u jedhee ture.

Garuu ammallee dhimmi ijoon marii isaanii dhimma nukilara Iraan ta'ee jira.

Waraanni guyyaa 12 wayita xumuramu New York Times qaamolee tikaa fi ittisaa irraa odeeffannoo argadhe jechuun kana gabaasee ture:

''Yuraaniyemiin Iraan gabbiste hedduun haleellaa dura bakka biraatti dabarfamaniiru. Haleellaan raawwatame meeshaalee nukilaraa muraasa miidhe. Iraan meeshaalee kunneen hedduusaanii iddoo hin beekamnetti dabarsuu hin oolle.''

Gabaasi kun dabaluun aanga'oonni Israa'el gariin ''mootummaan Iraan yoo wiirtuun nukilaraa guddaan jalaa haleelameef jedhanii buufataalee xixiqqoo yuraaniyemii keessatti kuusan qopheeffataniiru,'' jedhanii akka amanan mul'iseera.

Gabaasi biraan ammoo egeree kuusaa yuraaniyemii isaaniirratti ibsa aanga'oonni Iraan baasaniidha, kun garuu hin mirkanoofne.

Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii xalayaa Waxabajjii 2025 gara IAEA ergan keessatti Iraan ''buufataalee nukilaraa ishee eeguu fi kunuunsuuf tarkaanfii murteessaa ta'e ni fudhatti,'' jechuun gabaafamee ture.

Torbanoota booda ammoo ''dhugaadha! hin beeku, haala kuusaan sun keessa jiru hubachuun rakkisaadha. Naannoon sun boombiidhaan waan barbadaa'eef,'' jechuun Financial Times'tti dubbatan qondaalli Iraan kun.

Ji'oota itti aanan aanga'oonni Iraan meeshaaleen nukilaraa gamoowwan caccaban jalatti awwaalamanii hafuu ibsuu eegalan.

Fulbaana 2025 Abbaas Araagchii ''yuraaniyemiin keenya gamoowwan barbadaa'an jalatti ukkaamfamanii jiru,'' jedhanii turan.

Bitootessa 2026 ammoo Iraan yeroo ammaa meeshaalee nukilaraa kunneen lafaa kaasuuf ''karoora hin qabdu,'' jechuun miidiyaa US CBS jedhamutti himan.

Qondaalonni Rippaabilika Islaamaa Iraan kuusaawwan yuraaniyemii kunneen achii baasanii gara biyyaa biraa geessuu yaada jedhu didaniiru.

Yaada kana Pirezidanti Doonaald Tiraampitu dhiheesse.

Ebla 2026 dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Bagaayee ''haala kam keessattuu yuraaniyemiin Iraan gabbiste gara biraa deemuu hin danda'u,'' jedhan.

Rooyitarsi Caamsaa darbe akka gabaasetti hoogganaa olaanaan Iraan Mojtabaa Kaameenii yuraaniyemiin biyyattii gara biraa geeffamuu akka hin qabne eegumsi cimaan akka taasifamu ajaja dabarsaniiru.

Haleellaa wiirtuuwwan nukilaraa Iraan irratti raawwatame ilaalchisee aanga'oonni US yaada garaagaraa dhiheessaa turan.

Waraanni guyyaa 12 akkuma xumurameen buufataaleen nukilaraa Iraan guutummaatti barbadaa'uu ibsanii turan.

Ammoo Iraan haleellaa sana dura meeshaalee nukilaraa qopheeffattee turte bakka biraatti dabarsuu ishee adda baasuu akka hin dandeenye ibsan.

Doonaald Tiraamp yuraaniyemiin gamoowwan haleelamuun barbadaa'an jalatti ukkaamfamee jiraachuu ibsee ture.

Qondaalli waraanaa US Piit Heegset ammoo meeshaaleen nukilaraa bakka biraatti dabarfamuu ragaan mul'isu hin jiru jedhe.

Yeroo ammaa waa'een kuusaa nukilaraa Iraan akkasumas egereen sagantaa nukilaraa biyyattii haala kanaan Tehraan fi Waashingitan gidduutti iccitii ta'ee jira.