Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Yuukireen dirooniidhaan St Piitersibarg haleelte, Raashiyaan 'waan takkaa tahee hin beeknedha' jette

Yuukireen dirooniidhaan St Piitersibarg haleelte, Raashiyaan 'waan takkaa tahee hin beeknedha' jette. Zeleniskiin Puutin wlaiin wal argee mari'achuuf gaafannaan Puutin dide.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Shakkamtoonni lammiile alaa sadii ukkaamsuun tokkoon tokkoo isaaniitti doolaara 30,000 gaafatan to’ataman

    Itoophiyaatti bakka bu’aan Imbaasii Sirilaankaa Caamsaa 15 bara 2018 laammiileen Sirilaankaa hojiif gara Finfinnee deeman sadii achi buuteen isaanii dhabamuu poolisii magaalaa Finfinnee hime.

    Maatiin isaanii Sirilaankaa jiranitti bilbilamee tokkoon tokkoo isaaniitti doolaara kuma 30 akka kaffalan gaafatamuu Caamsaa 18 bara 2018 imbaasichi Waajjira Olaanaa Qaajelcha Poolisii Booleetti beeksisan.

    Waajjira Poolisii Magaalaa Finfinneetti qalchichi qorannoo yakkaa shakkamtoota to’annoo jala oolchuuf qorannoo jalqabe.

    Poolisiin odeeffannoo teeknoloojiin deeggaramee fi qaamolee kaan waliin tahuun qorannoo gaggeesseen lammiileen Sirilaankaa sadan buufata xiyyaaraa irraa konkolaataa Suuzukii Diizaayer koodii 2C-40461 taateen akka imalan bira gahame.

    Gareen hordoffii taasisaa ture konkolaatichaa fi lammiilee Itoophiyaa lamaa fi lammiilee Paakistaan kan tahan nama afur walumaagalatti namoota jaha to’annoo jala oolche.

    Shakkamtoonni kunneen lammiilee Sirilaankaa sadan magaalaa Finfinneetii baasuun magaalaa Shaashamannee galchaniiru.

    Magaalaa Shaashamannee aanaa Buqqee ganda 4 maqaa addaa duuba Hoteela Daraartuu jedhamuun beekamuu mana kutaa tokkoo keessa galchuun itti cufanii kaa’uu pooliin magaalaa Finfinnee beeksiseera.

    Shakkamtoota to’annoo jala oolchuuf Tajaajjilli Tikaa fi Nageenyaa Biyyaalessaa, Poolisii Federaalaa Bulchiinsa Nageneya Odeeffannoo Biyyaalessaa Poolisii Naannoo Oromiyaa fi magaalaa Shaashamannee waliin hojjechuun qooda olaanaa bahachuu ibseera.

  2. Shaarkiin meetira 4.5 dheeratu nama qurxummii kiyyeessu miidhuun ajjeese

    Namichi galaana keessa xilliqsoo galuun beekamu miidhaa shaarkiin irra geesiseen du'e.

    Taateen kun Awustiraaliyaatti mudate. Namni kun galaana jala seenee qurxummii kiyyeessuuf osoo jedhuu miidhaan irra gahe.

    Shaarkiin miidhaa irraan gahe ammoo meetira 4.5 ol dheerata jedhame.

    Bidiruudhaan gara qarqara galaanaatti baafamee yaaliin kennamuufis lubbuun ooluu akka hin dandeenye poolisin ibseera.

    Taateen akka kanaa dhiyeenya abbaa ijoollee lamaa Lixa Awustiraaliyaatti mudachuun lubbuun isaa darbeera.

  3. Raashiyaan haala amma dura mul'atee hin beeku jetteen duroonii Yukireeniin haleelamte

    Aanga'oonni Raashiyaa haleellaa amma dura mul'atee hin beeku jedhan Yukireen naannawa Seenti Piterisbergitti raawwachuu himan. Magaalittiin ammoo yaa'ii fooramii diinagdee Raashiyaa keessummeessaa jirti.

    Dirooniiwwan 140 ta'an naannawa Leniingraad jedhamu keessatti kuffifamaniiru. jedhan bulchaan naannichaa Aleksaannder Diroozdeenkoo. Bulchaan magaalaa Seenti Piiterisbeerg Aleeksaander Begaaloov ammoo jiraattotni manaa akka gadi hin baane dhaamaniiru. Kuni erga waraanni jalqabee yeroo duraafi.

    Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin ammoo humnootnisaa buufataalee kuusaa waraanaa humna galaanaa Raashiyaa haleeluu dubbate. Haleellaa kun haleellaa Raashiyaaf deebii maludha jedhe.

    Yukireen haleellaa kana kan raawwatte Vilaadmiir Putiin waamicha Zeleniskiin qaamaan walarganii akka mariyatan dhiyeesseef deebii barbaachisaa miti jedhu kennuu guyyaa tokko buleeti.

    Zeleniskiin miidiyaa hawaasaa gubbaatti ''yeroon itti waraana kana goolabnu amma'' garuu hogganaan Raashiyaa waraanicha itti fufuu barbaada jedhe maxxanse.

    Dabalataan dirooniiwwan isaanii naannoo Seenti Piiterisbargitti km1,000 marsan jedheera.

    Haleellaa kanaan buufata humna galaanaa Raashiyaaf bakka galtee ta'e haleeluu dubbate.

    Aanga'oonni Raashiyaa garuu haleellaa kanaan miidhaan qaqqabe guddaa miti jedhaniiru.

    Zeleniskiin kuusaa boba'aa Kibba naannoo Kiraasnodaar jedhamu haleeluus hime.

  4. US fi Iraan Galoo Galaanaa keessatti walitti dhukaasan

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan bu'uura jabaa hin qabne ammas raafamuu itti fufeera. Humnoonni Ameerikaa Galoo Galaanaa keessatti buufataalee dirooniifi raadaarii Iraan irratti xiyyeeffataniiru. Iraanis buufata waraanaa US naannicha jirutti misaayeloota dhukaafteetti.

    Waraanni Ameerikaa dirooniiwwan Iraan haleellaa raawwatanii achumaan manca'an afur haleeluu beeksiseera. Dirooniiwwan kun gara Ulaa Hormuuz ergaman jedheera. Dirooniiwwan yabala galaanarraa naannichaarratti yaaddoo guddoo uumuu himeera.

    Ajajni giddugaleessaa US ''raadaarii to'annoo daangaa Iraan kan Kibba biyyattii jiru haleellaa dabalataa hanqisuuf jecha rukutneerra'' jedheera.

  5. Maallaqni callaa pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa soofaa keessa dhoksan dubbii tahe

    Akkuma salphina Watergeet Ameerikaatti mudachuun Richaard Niiksan aangoo irraa fonqolche salphinni lafa qonnaa Afrikaa Kibbaatti mudate ammoo pirezidaantii biyyattii Siiril Raamaafoosaaf yaaddoo taheera.

    Siiril Raamaafoosaan aangoo irraa kaafamuu malu. Miseensonni paarlaamaa biyyattii koree dhimma isaa ilaalu hundeessuun kaafamuu moo aangoorra turuu qaba kan jedhu irratti hojjechuu jalqabaniiru.

    Dhimmi kun gara bara 2022 paarlaamaa keessatti ka'e. Ji'a darbe garuu mannui murtii olaanaa biyyattii miseensonni paarlaamaa biyyattii akka Raamaafoosaan aangoo irraa hin kaafamne danquun heera biyyattii cabsaniiru jedhee murteesse.

  6. Vilaadmiir Puutin gaaffii Zeleniskiin qaamaan wal arginee mari'anna jedheef deebii kenne

    Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin xalayaa banaa Pirezidaantiin Yuukireen Zeleniskiin qaamaan wal arginee haa mari'annu jedhee ergeef deebii kenne.

    Puutin waanti anaafi Zeleniskiin wal arginuufii hin jiru jedhe.

    Kamisa dheengaddaa Zeleniskiin ''Ameerikaa teenyee eeguun keenya dogoggora'' waan taheef anaaf ati qaamaan wal arguun waraana kanatti xumura haa goonu jedhe.

    Akkasumas Zeleniskiin dubbii baacoo fakkaatuun erga Puutin tuqee mari'achuuf dhukaasa dhaabuu qabnas jedhe.

    Puutiin dubbii Zeleniskii kana ''safuu kan hin beekne'' jedhee ibsee qaamaan wal argee mari'achuuf gaaffii Zeleniskiin dhiyeesse akka hin fudhanne ibse. Gabaasa guutuuf; Vilaadmiir Puutin gaaffii Zeleniskiin qaamaan wal arginee mari'anna jedheef deebii kenne

  7. Haleellaan shororkaa finxaaleyyii keessaa fi alaan Itoophiyaatti yaalame fashalaa'eera- Min. Nagaa

    Ministirri nagaa Itoophiyaa Mahaammad Idiriis filannoon biyyaalessaa akka karaa nagaa hin gaggeeffamneef shirri finxaalessitoonni biyya keessaa fi alaa yaalan fashalaa'eera jedhan.

    ''Guyyaa filannoo akka harkifatu taasisuuf yaalanii jalaa fashala'e jennaan, korojoo sagalee kenname imalsiisuu irratti dhaabsiisuuf yaalanii innis milkaa'uu dadhabnaan Arsii aanaa Asakootti haleellaa raawwatan'' jedhe.

    Haleellaa mana amantaa Ortodoksii aanaa Asakootti mudate ''Garee shororkeessaa garee Shaneetu'' raawwate jedhan.

    ''Guyyaa sana haleellicha dhaabsisuuf yaalaa osoo jiranii miseensota milishaa shan poolisii sadii aarsaa tahaniiru.

  8. Ashamaa, Tamsaasa kallattii keenya jalqabneerra

    Odeessaalee biyya keessaa fi biyya alaa gurguddoo isinii dhiyeessina.

    Nu hordofaa.