Israa'el haleellaa Hezboollaa irratti taasiftu cimsitee itti fufti- Neetanyahuu

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Beenjaamiin Neetaanyahuun haleellaa cimaa Libaanos keessatti eegaluu himan.

Neetaanyahuun erga waraanicha labsanii haleellaan Hezboollaa irratti gaggeeffamu cimee itti fufa jedhan.

Humni Waraanaa US (IDF) Baha Libaanos iddoo Beekaa Vaalii jedhamutti Hezboollaa irratti haleellaa gaggeessaa jiraachuu ibse.

Kutaalee biyyattii bakka biraattis waraanichi itti fufeera.

Hezboollaan ammoo haleellaa rokkeettii fi diroonii 22 Israa'el irratti raawwachuun haloo bahachaa jiraachuu ibse.

Kun ammoo loltoota, taankotaa fi gamoowwan waraanaa Israa'el irratti tahuu hime.

Ibsa viidiyoo guyyaa Wiixata galgala kenname keessatti, Netaniyaahuun Israa'el "Hezbollah waliin waraana keessa jirti,'' jedhe. Humni waraanaa keenya "balaa cimaa isaan irratti geessisaa jiru" jedhe.

Innis duula waraanaa Israa'el Hezbollah irratti gaggeessaa jirun "shororkeessitoota 600 ol dhabamsiiseera" jedhe.

"Garuu yeroo ammaa wanti nurraa barbaadamu haleellicha cimsuudhadha," jedhe.

Ministiroonni Israa'el lama Bezaaleel Smotrich fi Itamar Ben Givir, dabalataan duulli waraanaa hamma Beerutitti akka babal'atu waamicha dhiyeessaniiru.

Hezbollah immoo guyyaa Wiixataa diroonii fi roketoota fayyadamuun iddoowwan Kibba Libaanus fi Kaaba Israa'el keessatti haleellaa raawwadhe jedhe.

Kunis "waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'el cabsiteef deebii kennuufi'' jedhe.

Qondaaltonni Libaanusii fi Israa'el, kanneen wal-qunnamtii diippilomaasii hin qabne, torban itti aanu magaalaa Washingtonitti gaggeessuuf jedhu.

Pirezidaantiin Libaanus Jooseef Aoun, loltoonni Israa'el Kibba Libaanus keessaa guutummaatti akka bahan gaafateera.

Waliigalteen dhaabbata waraanaa Eeblil 16 irratti mallatteeffame irraa eegalee, haleellaan Israa'el irra caalaa kibba biyyattii qofatti kan xiyyeeffate yoo ta'u, loltoonni Israa'el achitti argamuun isaanii itti fufee jira.

Naannoo Bekaa Valii, kan Wiixata galgala haleellamee, Baha Libaanus daangaa Sooriyaa cinatti argama.

Duulli Israa'el akka babal'atu murteeffame kun, mootummaa Iraan waliigaltee nagaa Ameerikaa waliin uumuuf deemaa jiru keessatti, waraanni naannichaa guutummaatti akka dhaabbatu gaaffii dhiyeessuu hordofeeti.

Mootummaan Israa'el garuu lola Hezbollah irratti dhaabsisuuf hin fedhu.

Waliigalteen dhaabbata waraanaa dhaabuu jalqabaa booda, loltoonni Israa'el kudhan du'aniiru.

Yeroo kana keessatti namoonni Libaanus kessatti ajjeefaman 400 ol ta'aniiru.

kunis haleellaa cimaa Israa'el irraa dhufe, keessatti hojjettoonni gargaarsa fi fayyaa hedduun ni argamu.

Israa'el guyyatti yeroo hedduu namoonni Libaanus Kibba biyyattii keessaa mana isaanii akka gad dhiisan akeekkachiisa kennaa jirti. Kunis namoota miliyoona tokko caalan qe'ee irraa buqqiseera.

Israa'eel fi Ameerikaan Guraandhala 28 Iraan irratti yeroo waraana banan Hogganaa Olaanaa biyyichaa Atatolaa Alii Kamenii ajjeesan.

Hezboollaan ammoo Israa'el irratti haleellaa bane. Haloo bahannaaf jecha Israa'el haleellaa qilleensaa fi humna lafoon Libaanus keessatti gaggeesiteen namoonni 3,000 ol ajjeefamaniiru jedhe ministeerri fayyaa Libaanus.

Mootummaan Libaanus Hezbollaa meeshaa waraanaa hiikkachiisuuf yaalii taasisaa jira.

Garuu hojii kana xumuruuf jalqaba dhukaasni dhaabbachuu qaba jedhe.