Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haati ijoolleeshee 'bara dhumaaf qophaa'uu'f ajjeeste hidhaa waggaa 75'n adabamte
Ameerikaatti haati sababa barsiisa sobaa guyyaa dhumaan hordofuun ijoolleeshee lama ajjeesteefi ajjeechaa haadha warraa duraanii abbaa warraashee keessatti qooda qabaachuun yakkamtuu jedhamte hidhaan umrii guutuu irratti murtaa'eera.
Jiraattuun magaalaa Indaahoo, Loorii Vaaloo Deebeel nama ganna 50 yoo taatu ajjeechaa cimaa fi himannaa biroon Caamsaa darbe ture yakkamtuu ta'un kan irratti murame.
Vaaloon ilmashee ganna torbaa Jooshuwaa ''JJ'' Vaaloo fi intalashee ganna 16 Taayilii Rayaan ajjeeste.
Reeffi ijoollee kanaa bara 2020 mana abbaa warraashee Chaad Deeyibeelitti awwaalamee argame.
Wiixata kaleessaa abbaan seeraa Isteevan Booyis hidhaa umrii guutuu marsaa sadii (waggaa 75) dhiifama hin qabneeen ishee adaban.
''Ajjeechaan sammuu namaan ol tahe haati ijoolleeshee ajjeesuu dha. Waan ati raawwattes isa dha, '' jedhan abbaan seeraa Jooyis.
Firooti daa'imman kanaa ragaa bahumsi isaanii dhaddachatti dhagahameera.
''Taaylii fi JJ'n ijoollee gara addunyaa kanaatti ifa fidanii dha,'' jedhe obboleessi isaanii hangafaa Koobii Rayaan ibsa abbaan alangee dubbiseerraa.
''Waan oduurra bahuun osoo hin taane eenyummaa isaaniin akka yaadatamanin barbaada,'' jedhe.
Chaad Deeyibeel abbaa warraa dubartii kanaa ajjeechaa ijoollee fi haadha warraasaa duraaniin kan himatame yoo tahu, dhaddachi murtoo isaa waggaa dhufuuf qabameera.
Obbo Chaad asoosama badiinsa guyyaa dhumaa addunyaa irratti xiyyeefatu baayyee kan barreesse yoo tahu barreefamoonni isaa amantii Moormoon jedhamu kan bu'uura godhatanii dha.
Jarri lamaan kuni sosochii namoota guyyaa dhuma addunyaaf qopheessuu jedhuun wal-baran.
Dhuma bara 2019 Vaaloon mana barreessaa asoosamaa kanaa booda abbaa warraashee tahetti dhiyaattee jiraachuu jalqabde.
Sana booda haati warraa nama kanaa Taamiin Deebeel lubbuun darbe.
Bara 2019'tti haati warraa nama kanaa ukkaamamtee akka duute barame. Akkoowwan Jooshuwaa akka ilaalaniif poolisii waaman.
Kana booda daa'imman lameen Jooshuwaa ''JJ'' Vaaloo fi Taayilii Rayaan achi buuteen isaanii dhabamee barbaaduun jalqabame, torbanoota dheeraafis hin mul'anne.
Vaaloon ijoolleeshee ajjeesuu ni waakkatti.
Haati kuni Gooftaa Iyyasuusitti haasoftee ijoolleenshee jannatatti, ''gammadoo fi akkaan ko'ommatanii'' jiraachuu itti himuu dhaddachatti himte
''Eenyuyyuu akka hin ajjeefamne [Gooftaa] Yasuus Kiriistos ni beeka,'' jette Vaaloon.
Hafuurri namoota sadii halkan akka itti dhuftee ''akka isheen waan dogoggoraa hin dalagne akka itti himu dubbatti.
Abbaan alangee bulchiinsa Bonneville Joon Toomaas, Vaaloon, ''nama hin hubatamne dha, jaalalaaf jetteet kana raawwatte,'' jedhe.