Piriimer Liigii mo'achuun abjuu isaaniiti- Arsenaal Shaampiyoonsi Liigiis mo'achuufii?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Arsenaal waggaa 20 booda xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif gahe.

Atileetiikoo Maadiridiin waliigalaan 2-1 kan mo'ate Arsenaal dorgommii Shaampiyoonsi Liigii bara kanaa irratti tapha tokkoyyuu osoo hin mo'amiin waancaaf gahe.

Galchii jaha qofatu marsaa hundaan irratti lakkaa'ame. Galchii injifannoo kan lakkoofsise Bukaayoo saakaa Amaazon Piraayimitti akka dubbatetti, ''waan ajaa'ibaati! Gammachuu guddaa qabna.

Nuufi deeggartoota keenyaaf maal akka tahe agartee!'' jedhe.

''Amma baay'ee gammanneerra, waan salphaa jechuu danda'u kanuma. Garuu xumurameera jechuu miti. Taphni kun morkii jabaa qaba ture. Taphachuu qofa osoo hin taane akkamiin aka qabxii keenya eegsifnu irrattis hojjenneerra.

Kanaaf xumuraaf geenye. Miirri taphaan dura tureyyuu waan addaa ture. Takkaa waan akkasii argee hin beeku'' kan jedhe Saakaan waa'ee galchii isaa irrattis dubbateera.

''Al takka takka achi geessee kubbicha hin argattu. Al takka takka ammoo si dhufa. Ani kaleessa bakkichatti argamuun narra ture. Akka carraa tahee kubbi karra eegaan tufe naaf dhufe. Galchii lakkoofsisuukoon gammadeera'' jedhe.

''Sadarkaa haga kana dhuftee dhiibbaa jala waan ati itti hin galleef hin jiru. Uummanni akkamiin waa'ee kee hin odeessu, sin ceepha'u?

Kanaafidha kan mo'annee deebii kennineefi. Amma seenaa bareedaa galmeessineerra, xumura gaarii argata jedheen yaada,'' jedhe.

Deklaan Raayis ''kutaa uffannaa keessa jeequmsa jira jechuu dandeessa. Dorgommii kana keessatti haga as geenyutti waan galmeessine gadi buustee ilaaluu hin dandeessu. Waan guddaadha. Haala akkasiin gammachuu keenya ibsachuuf mirga qabna. Waan nuuf maluuf'' jedhe.

Raayis yeroo goolii tokko galchinu akka waan gaariin tokko dhufaa jirun hubadhe jedhe. Raayis taphataa cimaa tapha kaleessaa tahuunis badhaafameera.

Deevid Raayaa ammas osoo galchiin irratti hin lakkaa'amiin xumuruun rikardii haaraa galmeessaa jira. Kun tapha waliigalaa irratti yoo tahu kan Piriimer Liigii irrattis badhaasa 'Golden Glove' mo'ateera.

''Waliin ammas seenaa hojjenne'' kan jedhe Mikeel Arteettaan ''nama kileba kana keessa jiru hundaan booneera, gammadeera'' jedhe.

Arteettaan akkamiin akka deeggartoonni richiitii qabsiisuun miira addaan taphattoota simatan takkaa asitti argee hin beeku jedhe.

Deeggarsi isaan nuuf kennaan akka taphattoonni onnatan taasisseera jedhe. Waggaa 20 booda xumura waancaaf gahuun miira akkamii taphattootaafis tahe deeggartootaaf akka kennu nan beeka'' jedhe.

Viiktar Yookores, Deklaan Raayis, Deevid Raayaa, Magaaleshii fi kaan gahumsa guddaa agarsiisaniiru.

Yookores galchii hin lakkoofsisiin malee sochii fi falmii inni taasise baay'ee guddaa ture.

Arsenaal taphoota Shaampiyoonsi Liigii 14 osoo hin mo'amiin xumure. Isa keessaa taphoota sagal irratti galchiin irratti hin lakkaa'amne.

Arsenaal seenaa isaa keessatti waancaa Shaampiyoonsi Liigii hin mo'atiiniyyuu malee yeroo lammaffaaf xumura waancaaf gahuu isaaniiti. Kan jalqabaa bara 2006 yoo tahu Baarseloonaatu injifatee waancaa fudhate.

Arsenaal waancaa Pirimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii mo'achuun barana xumuruu danda'a.