Ministirri waraanaa Ameerikaa Piit Hegseet, waayee dolfiinota kaamikaaz [dolfiinota boombii baatanii] gaafatamee deebii kenneen, Ameerikaan dolfiinota kaamikaazi qabaachuufi dhabuu isiniif mirkaneessuu hin danda'u, garuu Iraan akka hin qabne isiniifan mirkaneessa," jedhe.
The Wall Street Journal gabaasa torban darbe baasen "Tehraan meeshaa waraanaa tana dura hin fayyadamin fayyadamuun dooniwwan waraanaa US ni haleelti, kana immoo dolfiinota fanjii baatanii galaana jala deeman nifayyadamti" kan jedhu qondaalota Iraan wabeeffatee gabaasee ture.
Dhimmi "dolfiinota kaamikaazii" kanneenii CNN fi Fox News gubbaatti ijoo dubbii ta'e.
Miidiyaaleen Iraan tokko tokko garuu, waan kana "waan dhagahamee hin beekne"jedhaniin.
Waraanni Iraan ifatti bahee waan mirkaneesse hin qabu. Waajjiraaleen Iraan biyya hambaa jiran dubbii kana qoosaatti lakkaawan.
Misiyooniin Iraan kan Hindii Haydiraabaad jiru, fuula X ofiirratti, suuraa hubannoo namtolcheen (AI) hojjetame [dolfiinitti fanjiin hidhame] gad lakkise.
"Dhumarratti waan hundumaa ifoomsaniiru, amma hunduu ifatti beekameera."jedhee maxxanse.
Waraanni Ameerikaa sagantaa Marine Mammal Program, external jedhamu kan dolfiinonni akka fanjii akka sakatta'anii fi dhabamsiisuu qabdi.
Leenca galaanaa (sea lions) kan jettuun kan wantoota shakkitu galaana jalaa iddoo adda baafattuunis qabdi.