Waa'ee 'Kubbaa AI' Waancaa Addunyaaf qophaa'ee kana beektuu?

Waa'ee 'Kubbaa AI' Waancaa Addunyaaf qophaa'ee kana beektuu?
Maxxanfame

Waancaa Addunyaa bara 2026 biyyoonni sadi- Kanaadaa, Meeksikoo fi US qopheessan waan hedduun kan duraarra adda.

Waxabajjii 11 hanga Adoolessa 19tti biyyoonni 48 ni morkatu.

Dorgommii waggaa afur dura Qataar qopheessiterratti biyyoota 32tu hirmaatan, kan ammaa kanarratti biyyoonni 16 dabalamaniiru jechuudha.

Waancaa Addunyaa kanarratti kubbaan ittiin taphatamus adda.

Kubbaan kun teeknooloojii ammayyaa fi hubannoo nam-tolchee (AI)dhaan kan dabaalamedha.

Hojii mureessaan (daanyaan) hojjetu garii waan tumsuuf, kubbaa taphaan alaa (offside) gara gooliitti geeddaramee fi dogoggoroonni kaan yoo mudatan osoo falmisiisaa hin ta'in murtee akka argatu ni gargaara jedhamee abdatama.