Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gareen Biyyaalessaa Iraan viizaa US argate
Gareen Biyyaalessaa Iraan Waancaa Addunyaaratti hirmaatu viizaa US argachuusaa aanga'oonni Waashingitan mirkaneessan.
Gareen Iraan viizaa keessummeessitoota dorgommichaa keessaa tokko kan taate kan US kan argatan wayita dorgommichi eegaluuf guyyootni shan hafaniifi dorgommiin jalqabaa garee Iraan dachee UStti godhamuuf guyyoonni 10 hafanittidha.
Morkiin jalqabaa garee Iraan guyyaa 10 booda Los Anjelesitti Niiw Ziilaand waliin godhama.
''Viizaan Iraan dorgommii Waancaa Addunyaarratti akka hirmaattu gargaaru, kan atileetotaa, garee deeggarsaaf barbaachisaniifi kanis kennameera'' jedhan aanga'oonni.
Dabaluun gareen Iraan carraa kana akka hin taanetti itti dhimma bahuun shororkeessitoota dhoksanii gara Yunaayitiid Isteets akka galchan hin hayyamnu jedhaniiru.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Iraan isa US viizaa kennuu ibsite ilaalchisee ammatti yaada hin kennine.
Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Iraan waancaa kubbaa miilaa addunyaa Ameerikaa, Kanaadaafi Meeksikoo waliin qopheessan irratti hirmaachuuf viizaan Ameerikaa waan jalaa tureef Meeksikootti imaluufi qajeelee ture.
Maddi Oduu Iraan garee biyyaalessaa kana eeruun akka gabaasetti taphattoonnifi miseensonni garee viizaa Meeksikoo waan argataniif Sambata dhufu Turkii irraa ka'anii garas imalu jedhamee ture.
Ramaddii G jalatti Beeljiyeem, Masriifi Niiw Ziilaand waliin kan tarreefame gareen biyyaalessaa Iraan Ameerikaatti waan taphatuuf viizaan biyyattii isa barbaachisa.
Iraan taphni jalqabaa lamaan Niiw Ziilaandiifi Beeljiyeem waliin taasiftu Ameerikaa Loos Anjelisitti kan adeemsiftu yoo tahu Masrii waliin ammoo Siyaatilitti wal-geessi.
Ameerikaan biyya addunyaa jalqabaa dorgommii idila addunyaa gaggeessitu irratti garee biyya waliin waraanatti jirtu ofitti simattee taati.