Waa'ee du'a abbaa fi bakka bu'aa Meesii maal beekna?

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan Meesii Horheen umurii isaa waggaa 68'n kaleessa boqate. Michuu Meesii kan tahe Roodiriigoo de Pool eda Inter Miyaamiif galchii lakkoofsisee yaadannoo isaa abbaa Meesiif godhe.
Meesiin Waancaa Addunyaa irratti galchii lakkoofsisee yeroo boo'u argamee ture.
Yeroo sana abbaa isaatu dhukkube, kanaaf boo'e jedhamaa ture.
Abbaan Meesii ofii isaayyuu bakka bu'aa ykn ejentii ilma isaa Meesii tahuun hojjechaa ture. Umurii Meesii waggaa 14 yeroo taherraa jalqabee ejentii isaa tahee hojjechaa tureera.
Abbaan Meesii dhukkubsachaa turuun Arjeentiinaa magaala dhaloota Meesii taate Roozaariyoo keessatti osoo yaalamaa jiruu Sanbata kaleessaa boqate.
Yeroo Waancaa Addunyaa Meesiin miira keessa galee maatiin isaa ibsa baasaniin Horheen ''dhibee fayyaa waan qabuuf yaalarra jira'' jedhan. Garuu dhukkuba akkamii akka tahe hin ibsine.
Horheen ilma isaa addunyaa irratti taphataa cimaa kubba miilaa takkaa argamee hin beekne godheera jedhama.
Bara 2022 yeroo Meesiin Waancaa Addunyaa mo'atu achi ture. Waancaa Meesiin hin mo'atiin hafe isa qofa ture.
''Abbaankoo barii sa'a 10:00tti ka'ee hojii deema. Galgala irbaataaf qofa halkan keessaa sa'a 3:00tti manatti gala.
Baay'een isa yaada ture. Natti hin dheekkamu. Garuu na gorsa, na qajeelcha. Isa waliin yeroon tahu baay'een gammada. Dhufee hangan isa hammadhutti nan ariifadha ture'' jedhee Meesiin waa'ee abbaa isaa waggaa torba dura dubbatee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphataan duraanii Baarseloonaa fi amma Inter Miyaamii keessa taphatu Meesiin badhaasa Ballon d'Or yeroo saddet mo'ate.
Waggoota 17 Baarseloonaa keessa yeroo ture waancaa Shaampiyoonsi Liigii afur, Laaliigaa 10 mo'ateera.
Yeroo kana abbaan isaa isa cina tahuun deeggarsa guddaa gochaafii ture. Bakka bu'aa Meesii waan tureef komishiniin kaffalamu hunduu gara isaa dhaqa ture.
Horheen deeggaraa kilaba Newel Old Boys jedhamuuti. Arjeentiinaa keessatti argama.
Kanaaf ilmi isaa Meesiin waggaa torba yeroo tahu akkaadaamii kilebichaa akka galu taasise.
Yeroo Baarseloonaan Meesii umurii isaa waggaa 13'n mallatteesisu maatii guutuun gara Ispeen waliin deeman.
Boodarra garuu haati Meesii fi obbolaan Meesii sadii gara Roozaariyoo Arjeentiinaatti deebi'an.
Kilebni ijoollummaa Meesii Newel Old Boys abbaan Meesii haadha warraa isaa Seeliyaa Suusitinii waliin tahuun mul'ataa fi jaalala guddaan Meesii deeggaraa turan'' jedhe.
Yeroo hundumaa ilma isaa Meesii waliin tahuun, duubaan tahee deeggarsa fi jajjabinni inni kennaafii ture adda.
Akkaadaamii Maalvinaasii jalqabee haga Meesiin gahumsa kanarra gahutti duubaan hoggansi ilma isaaf kennaa ture olaanaadha. Halluu keenya kana jaallatee akka guddatu gochuukeef galatoomi jechuun'' abbaa Meesii galateeffataniiru.
Kilebni ijoollummaa Meesii Newel Old Boys jedhamu kun itti dabaluun ''maatii hundaa Seeliyaa, Liyonel, Roodigoo, Maatiyaasii fi Maariyaa Sooliif jajjabina hawwina jedhe.
Baarseloonaan ''jaalala kileba keenyatti agarsiifteefi ilmakee nutti amantee jalqabaa hanga ulfina kanaatti akka nu waliin turu gochuukeef galatoomi'' jedhan.
Waldaan Kubba Miilaa Arjeentiinaa ''du'a Horhee Yesusitti baay'ee gaddine. Inni abbaa dursaa taphattoota fi mallattoo keenya kan tahe Meesiiti'' jedhe.
''Yeroo ulfaataa kanati maatii guutuu waliin dhaabbanna. Jaalalaa fi kabaja isaaniif qabnus agarsiifna'' jechuun ibsa baase.
Maatiin Meesii waa'ee fayyaa isaa jalqaba ibsa kan baasan gaazexessaan Arjeentiinaa tokko ''sobaan'' abbaan Meesii tapha jalqabaa Waancaa Addunyaa yeroo gaggeeffamaa jiru du'eera jedhee waan gabaaseefi.
Booda gaazexessaan sun hojii gadhiise. Maatiin Meesii kabaja nu dhowwate, icciitii fayyaa maatii baase jechuun baay'ee komatanii ture.



















