Maan Yunaayitiditti Aleksi Fergusaniin bakka bu'uuf waliigaleen ture -Joosee Moriinoo

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo Siir Aleksi Fergusan soorama bahe Maanchister Yuunaayitiditti isa bakka bu'uuf waliigaleen ture jedhe Joosee Moriinoon.
Bara 2013 Siir Aleksi Fergusan yeroo soorama bahuu ibsu leenjisaan isa bakka bu'u tokko Joosee akka tahe ni amanama ture.
Joosee Moriinoonis itti waliigalee ture. ''Yeroon Riyaal Maadirid gadhiisee bahe Maanchister Yuunaayitid galuuf waliigaltee mallatteesseen ture. Garuu aduu guyyaa tokkoo keessatti yaadakoo jijjiireen Cheelsii gale'' jedhe.
Tibbana dookumantarii Netflix irratti yoo dubbatu leenjisaan Riyaal Maadirid Joosee Moorinihoon ''yeroo Yuunaayitid na gaafatu tole jedheen ture'' jedhe.
Fergusan waggoota 26 keessatti waancaa Piriimer Liigii 13 mo'achuun bahe.
''Gadi teenyee mari'anne. Haala hundaan waliigalle. Garuu waan hin eegamne tokkotu tahe'' jedhe.
Innis Cheelsiin akka leenjisaa tahee deebi'uuf gaaffii dhiyeesse. Moorinihoon bara 2005 fi 2006 Cheelsii waliin waancaa Piriimer Liigii mo'ateera.
"Halkan tokko naaf bilbile. Ni boo'a. Aleeksi leenjisaa Yunaayitid tahuu hin danda'au. Jecha koo Cheelsiif kenne. Waadaakoo hin cabsu. Dhiifama'' na jedhe jechuun Fergusanis dubbate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sana booda Deevid Mooyes leenjisaa Maanchister Yuunaayitid tahe.
Mooriinoon Fergusaniin bakka bu'ee leenjisaa Maanchister Yuunaayitid tahuutti hedduu gammadee ture.
''Waan tokko garuu jaalala kubba miilaati. Kan biraa jaalala addaa kileba tokkoof qabdudha,'' jedhe yeroo haala ture ibsu.
Murtoon kun garuu jaalala kubba miilaa irra kan darbu ture. Bakkan ani baay'ee jaalatamu deemuun filadhe jedhe.
''Fergusaniin bakka bu'uu dhabuukoo waanuma hin eegamne ture. garuu murtoo ofiikoo itti yaadee fudhadhe waan taheef itti hin gaabbu'' jedhe.
Garuu bara 2016 carraa lammaffaa Luwis Vaan Haal bakka bu'uu argachuun leenjisaa Yuunaayitid tahe.
Turtii waggaa alamaa fi walakkaatiin waancaa Awurooppaa Liigii fi Liig kaappii mo'ateera. Bara 2018 qabxiin gadi buunaan kilebicha keessaa gaggeeffame.
Moorinihoon erga Maanchister Yuunaayitidii bahee kileboota akka Tootenhaam, Roomaa, Fenerbaachee fi Benefiikaa leenjiseera.
Ammas gara kileba duraan leenjisaa turee Riyaal Maadiriditti deebi'eera. Abbaan qabeenyaa duraanii cheelsii Roomaan Abraamoovich yeroo lama Joosee qacaree yeroo lamaanuu gaggeesseera.
Jalqaba yeroo leenjisaa Riyaal maadirid tahu Joosee Moorinihoon olaantummaa Baarseloonaa dhaabsisuuf hojii guddaa hojjete.
Qabxii rikardii tahe 100 bara 2011/2012 galmeessuun waancaa Laaligaa fudhateera. Kooppaa del Rey fi Ispaanish Suupper Kaappii mo'ateera.
Garuu waggaa sadaffaa isaatti yeroo qabxii 15nin Baarseloonaadhaan caalamee xumuru hojiirraa gaggeeffame.
Taphattoota akka Iker Kaasiyaas fa'aa waliin wal lolee ture.
Kaasiyaas waggoota 25 Riyaal Maadirid ture. Taphoota 725 irratti hiriiree taphateera.
Waancaa Shaampiyoonsi Liigii sadii fi Laaliigaa shan mo'ateera. Moorinhoon garuu taa'umsa jijjiirraa irra isa kaa'e. Kun haalaan waan walitti isaan buuseef ari'amuu leenjisichaaf sababa guddaa ture.
Samii Keediraan akkas jedhe: ''Jooseen Iker Kaasiyaasiin taphachiisuu dide. Itti hin dubbatu. Miidiyaa irratti ammoo waa'ee isaa waan hamaa dubbata. Kaasiyaas kilebicha keessatti hedduu jaalatama. Kun tokkummaa taphattootaa akka malee jeeqe.''
















