KALLATTIIN, Masriin haleellaa Saa'udiin Huutii irratti raawwattu deeggaruuf waliigalte

Qaamni nageenyaa olaanaa Masriin lola Saa'udii Arabiyaan hidhattoota Huutii irratti raawwattu deeggaruuf waliigale.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa erga waraanaa asi yeroo jalqabaaf Iraan daawwachuufi

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa erga waraanaa asi yeroo jalqabaaf Iraan daawwachuufi

    Minstirri Alaa Raashiyaa Sergeey Laavroov har'a gara Tehraan deemaa jira, kunis erga US fi Israa'el biyyattii irratti haleellaa raawwatanii booda as daawwannaa isaa jalqabaati.

    Televijiiniin Iraan akka gabaasetti, Laavroov daawwannaa kanaan Pirezidaantii Iraan Masoud Pezeshkiyaan waliinis ni wal arga.

    Walitti bu'iinsi Iiraanii fi Ameerikaa gidduutti hammaachaa dhufuu hordofee, Raashiyaan gahee jaarsummaa guddaa taphachuuf akka barbaaddu dubbatamaa jira.

    Laavroov, kan Minstira Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaghchii waliin walga'uuf eegamu, carraaqqiin Mooskoo "waraana guutuu ta'etti akka hin deebi'amne ittisuu irratti kan xiyyeeffate" ta'uu dubbateera. Gara Iraaniitti imaluun dura, Laavroov Baahireen daawwatee ture.

    Walga'ii saglaffaa marii tarsiimoo Raashiyaa fi GCC kan Manamaatti gaggeeffame irratti, biyyoota Galoo Galaanaa fi biyyoota ollaa isaanii, Iraaqii fi Joordaan dabalatee, gidduutti mariin kallattii akka taasifamu waamicha godhe.

    Daawwannaan Laavroov gara Iraan taasise kun, dhiheenya kana walga'ii gam lamaa Pirezidaantii Raashiyaa Viladimir Puutin Masuud Pezeshkian waliin taasisan irratti, Mooskoon carraaqqii jaarsummaa irratti hirmaachuuf qophii ta'uu ishee erga ibsitee booda dhufe.

    Puutin carraaqqiin kun Dhaabbata Gamtaa Islaamaa (OIC) fi Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) dabalachuu akka danda'u dubbataniiru.

  2. Masriin haleellaa Saa'udiin Huutii irratti raawwattu deeggaruuf waliigalte

    Konkolaataa warri Huutii itti adeemaa jiran

    Qaamni tikaa Masrii, Saa'udii Aarbiyaan haleellaa Huutii Yaman irratti taasiftu deeggaruuf waliigaluu Dilbata kaleessaa ibse.

    Saa'udiin michootishee deeggarsa akka godhaniif gaafachaa baate. Finciltoonni Huutii bu'uuraalee boba'aafi buufataalee xayyaaraa Saa'udii irra deddeebiin misaayelaa fi dirooniin haleelaa jiru.

    Misaayelonni warri Huutii dhukaasan otoo furguggifamanii kallattii jijjiiruu waan danda'aniif fashaleessuuf rakkisaa dha jetti Saa'udiin.

    Hamma har'aa Saa'udii keessatti qofa namoonni 19 yoo ajjeefaman balaliin kumaan lakkaa'amu ammoo haqameera.

    Dilbata kaleessaa hogganaan Humna Ittisaa Saa'udii pireezidantii UAE waliin wal arguun haala itti michooma jabeessan irratti dubbataniiru.

    Biyyooti lameen Yaman keessatti gareelee garagaraa waan deeggaraniif yeroo dhihoo as gidduu isaanii muddamni hammaateera.

    Masriin deeggarsa waraanaa gochuuf kan waliigalte ilmi mootii biyyattii Masrii daawwachuun ji'a tokko booda dha.

    Manni maree ittisaa biyyaalessaa Masrii pireezidantii biyyattii Abdal Fattaa Alsiisii nagaan Saa'udii akka eegamuuf ''deeggarsa danda'amu hunda,'' gochuuf waliigaluu ibsa kanarratti eerameera.

    Dhimma kanarratti ibsi bal'aa kennamuu baatus Alsiisin waraana bobbaasuu akka danda'aniif mana marichaa eeyyama gaafataniiru.

    Dilbatuma kaleessaa ministarri haajaa alaa Iraan Abbaas Argaachii fi gitnisaanii Masrii Baadir Abdallaatii ''dhimmoota qaxanaa irratti,'' bilbilaan dubbataniiru.

    Saa'udii fi Huutii giddduu waraanni adeemaa jiru gama lamaaniin namoota nagaa irratti miidhaa qaqqabsiisaa jira.

  3. Paastariin Keeniyaa maatiin akka ijoollee ofii beelessanii fixan ajajuun himatame adabbiin irratti muramuuf

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Paastariin Keeniyaa maatiin akka ijoollee ofii beelessanii fixan ajajuun himatame har'a itti murama

    Manni murtii Keeniyaa paastarii guyyaan dhumaa gahe jechuun namoota jumlaan fixaa ture Pool Makeenzii irratti murtii dabarsuufi.

    Makeenziin fi duuka bu'oonni isaa 29 lubbuu namoota 191 galaafachuun kan himataman yoo ta'u, hundisaanii iyyuu ijoolleedha jechuun ni danda'ama.

    Gartuu amantii kun daa'imman dirqiin hanga dhumanitti beelessuun yoo duutan "Iyyasuus bira deemtu" jedhaan ture.

    Barsiifanni amantaa isaa guyyaan dhumaa geesse jedhu immoo barnoota lagadhaa, qoricha ammayyaas hin fayyadaminaa isaan "hamoodha" jedhee gorsa.

    Makeenzii fi duuka bu'oonni isaa 29'n ajjeechaa hin raawwanne jechuun falmatan. Nama tokkollee du'aatiif hin dirqisiifne jedhu.

    Hogganaan nageenyaa draanii Makeenzii, Enoos Amaanyaa Ngaala jalqaba wajjin kan himatame yoo ta'u,boodararra waliin marii godhameen ragaa abbaa alanga ta'e. Walmariin adeemsa seeraa keessattiI kennanii fudachuu jedhama.

    Makeenzii fi gareen isaa himannaawwan biraa shororkeessummaa, finxaalessummaa fi daa'imman barnootarraa ugguruufi himannaa seeraa kaanin himataman.

    Paastariin kun paastarii jalqabaa ajjeechaa namaatiin himatame kan jalqabaa ti. Aangawoonni reeffi namoota 400 iddoo waaqeffannaa bosona Shaakaahoolaa handaara galaanaatti dhiyootti argamutti argamuu himan.

  4. 'Qoqqobbii Raashiyaa kan adda kutne mariin nagaa akka itti fufuufi'-Tiraamp

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, 'Qoqqobbii Raashiyaa kan adda kutne mariin nagaa akka itti fufuufi'-Tiraamp

    Pirezdantiin US Donaald Tiraamp murtoon qoqqobbiiwwan Raashiyaarra kaa'aman adda kutuu Mooskoon marii akka itti fuftu jajjabeessuufi jedhe.

    "Adeemsa marii nagaa waraana Yukireenii fi Raashiyaarran jira,"jedhe Traamp fuula miidiyaa hawaasaa isaa Social Truth irratti. Waan gowwaan Raashiyaa mariirraa dhiibu tokkollee gochuu hin fedhu" jedhe Tiraamp.

    Traamp Jimaata galgala qoqqobbiiwwan hedduu Raashiyaa irratti murtaa’an osoo hojiirra ooluuf guyyaan lama hafuu bulcheera; kunis wal-dhabdeen Puutiini fi Pirezidantii Yukireen Voloodimiir Zeleeniskii gidduu jiru yeroo bal'achaa dhufetti.

    Pirezdantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiinirra goruun "dogoggora seenaati" jedhe Zeleniskiin. Ergamaan Raashiyaa Kiiriil Dimiitiriyeef ajaja Traamp kanaaf deebii yoo kennu "yeroo seena-qabeessaa fi dhugumaan barbaachisaa ta'e" jedhee waameera.

    Uggurriwwan Kongiresii Ameerikaatiin dabarfamanii fi Piriizidantii Ameerikaatiin Fulbaana keessa mallatteeffamanii seera ta'an kunniin, gabaa Ameerikaa fi addunyaa irratti "miidhaa hamaan" geessisu danda'u turan jedheera.

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon uggura kana guyyoota 60f dhaabuun, dhiibbaa inni diinagdee Ameerikaa fi addunyaa irratti geessisuu danda'u xiinxaluuf jechadha jedha.

    Tiraampi ergaa isaa Truth Social irratti, Zeleniskii "waraana kana dhaabuu hin barbaadu, tariis takkallee" jedhe. Osoo fedhee amma caalaa waggaa lama dura godha tura ture" jedhe.

    Zeleeniskii erga Raashiyaan lola guutuu Yuukireen irratti Guraandhala 2022 jalqabdee as waraanni akka dhaabatuuf dhiibbaa gochaa jira, akkasumas Puutiin nagaya akka hin barbaadne deddeebisee dubbata.

    Zeleniskiin waraanni akka dhaabbatu dhiibbaa gochaa ture, erguma Raashiyaan bara 2022 weerara irratti deddeebiin Puutiin nagaa hin barbaadu jechaa ture.

  5. Sa'ud Arabiyaatti helikooptarri kuftee caccabdee namoonni lama du'an

    Helikooptara

    Kibba Sa'ud arabiyaa, naannoo Naajraan keessatti helikooptariin Ah-6i rakkoo tekinikaa ishee mjudateen kuftee caccabnaan namoonni keessa turan lama du'uu dubbi-himaan humna walii Sa'udiin durfamuu Meejar Jeneraal Turkii Al-Maalikii hime.

    Al-Maalikiin ibsa kenneen akka jedhetti, helikooptariin kun kuftee kan caccabde lafa bulchiinsa Ministeerri Ittisa Biyyaa Sa'ud Arabiyaa jala jiru keessattidha.

    Yeroo lolli humna waloo Sa'udiin durfamuu fi garee Yaman jiru gidduutti hammaataa dhufe kanatti, naannoon Naajraan kun haleellaa finciltoonni Huutii Iraaniin deegaraman irraa dhfuun irra deddeebiin isa mudateera.

    Dubbi-himaan waraanaa Huutii Yaahyaa saaree fuula X isaarratti akka barreessetti, gareen isaa helikooptara Appaachee haleeluuf gargaartu osoo naannoo daangaa Huutiin to'atee jiru keessatti oppereeshinii gaggeessa ajirtuu rukkutanii kuffiisuu ibse.

    Haata'u malee, Al-Maalikiin suura helikooptara Appaachee maxxansuun akkas jechuun himannaa kana mormeera: "Isin nuti kuffiise jettanii himachuu dandeessu, garuu inni garuu amma gara dirree hojiisaatti deebiya".

  6. Dhimmi Iraan fala argatee, gatiin boba'aa bakka isaatti deebiyuuf jira -Tiraamp

    Pirezidantii US Doonaald Tiraamp

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Sambata dubbii duula filannoo isteetii Kentaakii keessatti taasiserratti dubbateen dhimmi Iraan dhiyootti fala argatee, gatiin boba'aas bakka isaa sirriitti deebiya jedhe.

    "Waggaa lama lamaan duubatti deebiyuu hin barbaadnu. Dhimma kanatti xumura gochuu barbaadna," jedhe Tiraamp.

    "Iraan haleelamuun isheemarra ture sababiin isaa ammoo meeshaa waraanaa nukilaraa gabbifataa turte," jedhe Tiraamp itti dabaluun.

    Iraan garuu himannaa meeshaa waraanaa n ukilaraa hidhachuu ykn gabbifachuuf yaalaa jirti jedhu irra deddeebiin waakkataa turteetti.

    Tiraamp itti dabaluun akkas jedhe: "Humni nukilaraa Iraan akka irra deebiyee hin ijaaramne mirkaneeffachuu barbaadna; yeroo ammaa kanas dhimmi irratti hojjechaa jirrus isuma kandha."

  7. 'Giyookeresh Amajji keessa Arsenaal gadhiisuu barbaada'

    Viktor Giyookeresh

    Taphataan sarara fuula duraa Siwiidin Viktor Giyookeresh jijjiirraa taphattootaa Amajji dhufu banamu keessa Arsenaal gadhiisuuf yaada qaba.

    Akka TeamTalk gabaasetti, taphataan umuriin isaa waggaa 28 ta'e kun kan Arsenaaliin gadhiisuu barbaadeef yeroo inni dirree seenee taphatu jalaa waan xiqqaateefidha.

    Bara darbe Ispoorting Lisban irraa gara Arsenaal kan dhufe Giyookeresh, waliigala goolii 21 kilabichaaf lakkoofsisuun waggaa 22 booda waancaa akka argatuuf gumaacheera.

    Giyokereesh kilaba Ispoortingitti gahuumsa addaarra ture.

    Viiktoor Giyokereesh waggaa tokko dura kilaba Ispoortingiif taphoota 52 irratti galchii 54 lakkoofsisee ture- taphoota hundarratti galchii tokkoofi isaa ol lakkoofsise jechuudha.

    Giyokereesh ittisa dhumaa irratti hirkachuun bakka bal'aa irraa galchii lakkoofsisuun beekama. Ispoorting yeroo ture kubbaa fageenyarraa ergamuuf sarara ittisaa garee faallaa humnaan dhiibuun bakka bal'aa uummatee galchii lakkoofsisa.

    Arsenaal gaafa mallatteessisu kan Shaampiyoonaa Poorchugaal Spoortingitti lakkoofsise caalaa lakkoofsisa jedhamee eegamaa ture.

    Garuu akka eegame hin taane.

  8. Ameerikaan qubattoota Weest Baank keessatti hokkara uuman akka dhaabsistu Israa'el gaafatte

    Maarkoo Ruubiyoo

    Ameerikan qubattoota Yihudootaa warra Weest Baank keessatti hokkara uumaniifi haleellaa raawwatan dhaabsisuuf tarkaanfii dabalataa akka fudhattuuf Israa'eliin gaafatte.

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa, Maarkoo Ruubiyoo gocha qubattoonni Yihudootaa Weest Baank keessatti raawwachaa jiran dhaabsisuudhaaf Israa'el tarkaanfii dabalataa akka fudhattuuf waamicha gochaa jirra jedhe.

    Dubbiin Ruubiyoo kun kan dhaga'ame viidiyoon yeroo namoonni baayyee ta'anii ogeessa suuraa Ameerikaa Washington Post keessa hojjetu Heyidii Leviin reebamu agrsiisu mul'achuu hordofeeti.

    Leviin yoo xiqqaate namoota lamaan Jimaata yeroo qubattoonni Jewiish namoota nagaa Filisxeem irratti haleellaa raawwatan miidhaman lamaan keessaa tokko ture.

    Akka ministeera Dhimma Alaa Beeljiyeem jedhetti, dippilomaatiin Awurooppaa fi kantiibaan Faransaay akkuma kana Weest Baank bakka humnaan qabatame keessatti haleelamaniiru.

    Beeljiyeem haleellaa ambaasaaddarasheefi dippilomaatota biraa irratti xiyyeeffate kana kan balaaleffatte yoo ta'u, namoota gocha kana raawwatan akka seeratti dhiyeessituuf Israa'eliin gaafateera.

    Waraanni Israa'el (IDF) gocha "hamaa hokkara uumuu" jedhe kana blaaleffachuun qorannoo gochuu akka itti fufu ibseera.

    Haata'u malee, waajirri Ministira Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu waan ta'e jedhame kanarraa shakkii qabaachuu ibsuun, gochi kun tarii qaama " duula kabaja gaarii Israa'el xureessuuf qindaa'ee ta'uu mala" jedheera.

    Ruubiyoon akka jedhetti, Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa haleellaa Leevin irratti raawwatame dabalatee, gocha kana irratti qorannoo jalqabeera.

  9. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa? Odeeffaannoo karaa toora tamsaasa kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Qormaanni mootummaa Imaanaa Tigyaayitti hundaa'e eeggatu maali?,

    Waraana kaabaan booda hireen TPLF maal taha? Biyya ollaatti baqatuu moo of ijaaruun aangootti deebi'uu? kan jedhuufi odeessaalee biroo karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    DHIYAADHAA!