Ijoolleen Itoophiyaa 20 akkamiin Siwiidinitti miliqanii hafan?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ijoolleen Itoophiyaa dorgommii guddattootaa Siwiidinitti waggaa waggaan gaggeeffamu irratti hirmaatan 20 ta'an dursitoota garee isaanii waliin baduu gabaafame.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ibsa karaa miidiyaa hawaasaa ofii baaseen, baduu ijoollee kanaa mirkaaneesse.

"Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa dhimma kana irratti deebii ykn ibsa akka kennuuf gaaffiwwan dhiyaachaa kan jiru yoo ta'u, federeeshiniin keenya baduun miseensota garee kanaa kan isa gaddisiise ta'uu ibsa" jedha.

"Gareen ijoollee kanaa dorgommii akkasii irratti carraa carraaqqii mataa isaaniitiin argataniin kan hirmaatan malee, Garee Biyoolessaa Itiyoophiyaa kan bakka bu'an akka hin taane beeksisa."

Qaamonleen tokko tokko miseensota Garee Biyoolessaa Itiyoophiyaa akka ta'an godhanii ibsaa jiruun sirrii akka hin taane beeksifna jedhe federeeshinichi.

Gaazexaan biyyattii Sweden Herald ijoolleen Itoophiyaa dorgommii Gothia Cup irratti hirmaatan 20 badanii hafuu gabaase.

Poolisiin biyyattii ijoollen badan umriin isaanii 14 fi 17 akkasumas, dursitoota garee tokko ykn isa caalan faana ta'uu beeksise.

Guyyaan dhumaa tapha Gothia Cup irratti bulchaan mana barnoota garee Itoophiyaa osoo hin gabaasin dorgommiirraa hafuu hime.

Gothia Cup poolisiif kan gabaase yoo ta'u, poolisiin ijoolleen kun gara Itoophiyaa akka hin deebin eere. Itti yaadanii baduu akka hin oolles hime.

"Wanni seeraan alaa kan akka daldala namaa fi kkf kan duuba jiru ta'uu isaa agarsiisu tokkollee hin jiru," jedhe poolisiin.