Miseensoti nageenyaa Keeniyaa shan daangaa Somaaliyaatti Al-shabaabiin ajjefaman
Daangaa Somaaliyaa naannoo Mandheeraa jedhamutti lola hidhattoota al-shabaab waliin taasifameen humnooti nageenyaa Keeniyaa ajjeefamuu poolisiin ibseera.
Gareen hidhataa kuni mootummaa federaalaa Somaaliyaa kuffisuufi sirna Shari'aatiin hogganamu hundeessuuf falmaa tureera.
Kibxata kaleessaa waaree booda ''gareen naannichatti sakatta'insa irra ture naannoo hidha Waanteey jedhamutti al-shabaab waliin walarguun booda haleellaan kuni raawwachuu poolisiin beeksiseera.''
Humni poolisii dabalata argachuun booda hidhattoota hordofuu jalqabuufi fanjiin awwaalame konkolaataarraa miidhaa qaqqabsiisuu beeksiseera.
Fanjiin dhuka'uun booda miidhaan qaqqabe akka hin jirres ibseera.
Al-shabaab humnoota nageenyaafi namoota nagaa irratti irra deddeebiin haleellaa kan qaqqabsiisu yoo tahu ji'a jahaan dura naannoo Gaarrisaatti bulchaa naannichaafi barsiisaa tokko ajjeeseera.