'Bishaan nurraa kuttan' jechuun nu dararu- Baqattoonni Masirii jiran namni Itoophiyaa ajjeefamuu himu

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Baqattoonni Itoophiyaa Masirii jiran qaamoleen mootummaa fi ummanni biyyattii ''isin warra bishaan nurraa kute,'' jechuun miidhaa irraan gahaa jiraachuu BBCtti himan.

Baqataan lammii Itoophiyaa magaalaa guddoo biyyattii Kaayirootti to'annoo poolisii jalatti ''reebamee'' du'uu namoonni itti dhiyeenyaan beekan BBC himan.

Namni qaamolee nageenyaan ajjeefame jedhan kun Yaared Garramoo akka jedhamuu fi abbaa daa'ima tokkoo ta'uus himan.

Baqattoonni Itoophiyaa to'annoo poolisii jala jiran dararaan adda addaa irra gahaa akka jiruu fi maallaqa akka kaffalaniif dirqisiifamuu isaanii baqattootni kunneen himaniiru.

Jiraataan Kaayiroo irraa dubbisne namni ajjeefame kun gaafa Adoolessa 21 Immigireeshinii geeffamee waraqaansaa erga ilaalamee booda poolisiin mana hidhaatti deebisuu fi gaafa Adoolessa 22 du'uusaa akka dhagahe hime.

''Mana hidhaa sana keessatti poolisoonni, namoonni waliin hidhaman kaanis maallaqa nama gaafatu. Yoo hin qabu jette si dararu. Akka hin ciisne, yeroo hunda akka dhaabbattu si dirqamsiisu,'' jechuun rakkoo gurbaa kana mana hidhaatti mudate waan beeku hime.

''Sababa kanatti namoonni keenya kaan milli dhiita'ee, kuun kaleen dhukkubee miidhaa guddaaf saaxilamee jira.''

Gurbaan kun sababa waraqaa jireenyaan kan qabame ta'uu kan hime jiraataan kun, garuu immigireeshiniin ilaalee haa ba'u jedhee gadhiisus poolisiin mana hidhaatti dirqamaan deebise jedha.

''Akka namoonni isa waliin mana hidhaa keessa turan nutti himanitti jalqaba isa fuudhanii gadi bahan, isa booda maallaqa ergi jedhan. Namni kun garuu maallaqa hin qabu, abbaa ilmaati. Dalagaallee hin qabu. Gidduuma kanaan ibsaan bade. Battaluma wayita ibsaan deebi'u kanuma inni du'ee lafa ciisu argan.''

Jiraataan kun poolisoonni gurbaa kana reebanii akka ajjeesan quba qabaachuu hime.

Waggoota salgan darban Masrii keessa kan jiraatee fi amma Beeljiyeem kan jiraatu Abubaa Sheekaa rakkoo baqattoota Itoophiyaa mudatu waan isa mudaterraa ka'uun ibsa.

Ammas taanaan maatiinsaa Kaayiroo waan jiraniif sodaa waan qabuuf maqaasaa sirrii himachuurraa of qusateera, kanaaf maqaa jijjiirree fayyadamne.

Lammiileen Itoophiyaa erga hidhaa fi reebichaaf saaxilamuu eegalanii waggaa caaluu fi hidhaa fi reebichi ammallee itti fufuu kan himu namni kun, akkatti gurbaan kun ajjeefame namoota achi turanirraa waan dhagahe BBCtti himeera.

''Namni maqaan isaa Yaareed Garramoo jedhamu gaafa 18,07,2026 qabame. Achirraa mana hidhaa Daaresalaam jedhamu kan magaalaa Kaayiroo keessatti argamutti geessan.''

''Hanga gaafa 21 erga hidhanii booda waraqaan isaa seera qabeessa ta'uu baruuf gara dhimma immigireeshinii geessanii turan. Warri mana murtiis waraqaansaa seera qabeessa ta'uu ilaalanii akka ba'u murteessan,'' jedha.

Garuu halkan gaafa 21 kan 22tti bari'u (barii naannoo sa'atii 12) ibsaa erga balleessanii daqiiqaa shan booda wayita deebi'u gurbaan ajjeefameera,'' jechuun akkaataa du'a baqataa Itoophiyaa kanaa waan iyyaafate nutti hime.

Nama kana reebanii akka ajjeesan quba qabaachuu kan himu Ahubaa Sheekaa, dhimma kana imbaasiin Itoophiyaa hordofaa akka jiru quba qabaachuu hime.

Gara mootummaa Masiriin garuu waa'ee ajjeechaa kanaarratti wanti jedhame hin jiru.

Dhimma kanarratti imbaasii Itoophiyaa Kaayirootti argamurraa deebii argachuuf yaallee ammaaf hin mikoofne.

Haata'u malee jaarmiyaan idiladdunyaa mirga dhala namaaf falmu Human Rights Watch (HRW) ibsa Adoolessa 7, 2026 baase keessatti, Masirii keessatti baqattoonni jumlaan, seeraan ala hidhamuu, adeemsa seera qabeessa malee ari'amuu fi sammamuu akkasumas reebichaaf saaxilamuu eeree ture.

Kanaanis yaaddoo akka qabuu fi qaamoleen dhimmi ilaallatu xiyyeeffannaa akka kennan gaafateera.

Baqattoonni kunneen sababa harkifannaa bulchiinsa keessatti mudatuun eeyyamni jireenyaa wayita jalaa turu, mootummaan biyyattii ammoo carraa kana fayyadamuun baqattoota adaba jechuun himate HRW.

''Isin warra bishaan nurraa kute jechuun nu dararu''

Lammiileen Masirii ijuma mootummaa Itoophiyaa ilaalaniin baqataa biyya kanaallee ilaalan jechuun madda rakkoo isaan mudataa jiru ibsa jiraataan Kaayiroo irraa dubbisne.

''Wayita si qaban biyyi kee eessa jedhanii yoo gaafatan Itoophiyaa himannaan 'warra bishaan nurraa kute sanii'? namaan jedhu.''

''Hanga mana yaalaa deemnee qoricha doktarri barreessu fudhachuu sodaatuu geenye,'' jedha namni kun.

''Doktarrillee dalagaa isaa dhiisee biyya nama gaafata. Qorannaa fayyaa dhiisee waan biraa qorata. Itoophiyaa jennaan innillee komii bishaanii nutti kaasa. Nama akkas jedhu akkamiin qoricha inni barreessu amannee fudhachuun ni ulfaata. Hanga kana geenye biyya kanatti. Jibbiinsi hagana ga'e jechuudha.''

Sababa jibbiinsa kanaan sodaa guddaa keessa akka jiranii fi gadi ba'anii galuufillee yaaddoo guddaa akka qaban himan.

''Baqattoota hundarratti ni xiyyeeffatu. Kan Sudaanirrattillee. Kan keenya garuu bifa addaan nurratti xiyyeefatu.''

Duraan miidhaan hawaasarraa isaan mudataa akka ture kan himan jiraataan Kaayiroo kun amma mootummaatu nurratti ka'e jedhan.

''Duraan yoo ummanni nurratti ka'u mootummaan harka nurra qaba ture. Amma ammoo mootummaan nutti kaanaan hawaasni daranuu nutti hammaate. Gadi baanee hawaasa keessa deemuunuu ulfaataa ta'eera yeroo ammaa.''

Ajjeechaa lammii Itoophiyaarratti raawwate kana dabalatee rakkoolee isaan mudataa jiran qaamolee dhimmi ilaallatu kanneen akka UNHCR, mootummaa Masirii fi imbasii Itoophiyaatti iyyatanis furmaata akka hin arganne ibsan.

''Namni nuuf birmate hin jiru. UNHCR biyyi keessan nagaadha jechuun rakkoo keenyaaf erga bakka kennuu dhiisee tureera.''

''Imbaasiin Itoophiyaa as keessa ni jira. Garuu akka imbaasii biyyoota biraa miti. Kan biyyoota kaanii baqataansaanii waraqaa qabaatus qabaachuu baatus akka lammiisaatti rakkinasaa waliin dhaabata. Kan Itoophiyaa garuu faallaa saniiti.

Namoonni faayilli irratti cufamuun waraqaa dhabanii asitti danqaman hedduudha kan jedhan jiraataan kun, garuu qaama UN kanneen akka IOM fi UNHCR irraas ta'e mootummaa irraa namni rakkoosaanii dhagahu waan hin jirreef dararaaf saaxilamanii jiru jedhan.

Biyyattii keessatti qaamoleen nageenyaa Masirii baqattoota Itoophiyaarratti xiyyeeffachuun tarkaanfii fudhachaa jiraachuu kan ibse Ahubaa Sheekaa ''jibbiinsii fi wal dhibdeen siyaasaa Itoophiyaa fi Masirii lammiilee Itoophiyaa balaaf saaxilaa jira,'' jedhe.

''Namni Itoophiyaa tokko baqattummaa gaafatee osoo seera qabeessaan jiraatuu waa'ee laga Abbayyaan walqabsiisanii dhiibbaa qaban isaanirratti argisiisaa jiru, jibba namummaa irratti agarsiisaa kan jiraniif sababni ijoon tokko kana.''

Waggoota sagaliif Masirii keessa jiraachuu kan himu jiraataan kun wayita mana yaalaa deemanillee tajaajila akka hin argannee fi miidhaan akka isaan mudataa ture yaadata.

''Ani bara 2017 na dhukkubee achitti oppireeshinii ta'een ture. Hanga marfee of nama wallaalchisu (anaesthesia) na waraananii na raffisanitti waan isaan dubbataa turan dhagahaan ture. Haga har'aa mataa kiyya keessa na hin badu,'' jechuun waan isa mudate ibse.

''Isin Itoophiyaadha mitii? Bishaan keenya maaliif nurraa kuttan? Kan jedhu nama dhukkubsatee isaan jala oppireeshiniif ciisu gaaffii akkanaa gaafatu.''

''Ana nama uffata hunda ofirraa baasee isaan amanee yaala argachuuf jala ciisu wayita isaan gaaffii akkanaa na gaafatan, inumaa tarii jarri kun balaa biraa narraan ga'uu, kalee kiyya baafatuu? Kan jedhu waan hedduun sammuun na dhiphataa ture,'' jedhe.

Masirii keessatti miidhaan lammiilee Itoophiyaarra ga'u hedduu ta'uu kan himu namni kun, ''baatii lama duras naannoo Al-Qaahiraa jedhamutti mucayyoo lammii Itoophiyaa tokko mana hidhaa Al-Zaayidii jedhamutti duutee akka argamtee fi ammallee namni itti dhihaatee reenfashee fuudhee awwaale akka hin jirre,'' hime.

Maqaan mucayyoo kanaa Ayaat Tasammaa akka jedhamuu fi namoonni mana hidhaa sanaa baasanii biyyatti deebisuuf osoo yaalanii achitti duutee argamuu ibse.