Loltuun Israa'el siidaa Durboo Maaramiitti tamboo afaan kaa'e dheekkamsa kaase

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waraanni Israa'el loltuu Israa'el Libaanos keessatti osoo tamboo xuuxuufi tamboo afaan siidaa Durboo Maaramii keessa kaa'uu suuraan isaa mul'ate qorataa akka jiru beeksise.

Suuraan kuni ganda Kiristaanaa Debel jedhamu keessa kan kaafame yoo ta'u loltuun biraas torbanoota muraasa dura siidaa Iyyesuus fannoorra jiru osoo burruusaan rukutuu suuraan isaa ka'eera.

Waraanni Israa'el akka jedhetti taatee kana ''miira cimaan'' akka hubatuufi wanti loltuun kuni raawwate ''duudhaa loltoota irraa eegamurraa akkaan maqeera'' jedhe.

Dura bu'aan waldaa Debel, Abbaa Fadi Felfeli, BBC'tti akkana jedhan: ''Dhugaa dubbachuuf taateen kuni nu jeeqe, keessumaa erga taateen fannoorraa [siidaa Iyyeesuus miidhaan irra gahe] mudateen dhiifama jedhamee booda.''

''Kuni [waraana] Israa'el keessa namoonni akkanaa naamusafi duudhaa hin qabneefi loogii jabaa qaban akka jiran agarsiisa. Kuni finxaalessummaa jabaa mul'isa.''

Abbaa Felfeli siidaan Durboo Maaramii akka hin cabne garuu gochii akkanaa ''namuusa kan hin qabne'' akka ta'e himan.

Dureen amantaa kuni wanti mudate finxaalessummaafi amantaa kaaniif obsa dhabu keessumaa qe'ee waraana keessa hin jirretti jedhan.

Bakka bu'aan Kaatolokii Roomaa Jerusaalem jiran taateen kuni kan ''kabaja dhabsiisuufi mufachiisu'' jechuun isaanii gabaafameera.

Gaazexaan Israa'el Haaretz akka gabaasetti, bakka bu'aan bataskaanattii ''mootummaan Israa'el fi waraanni Israa'el amalli akkanaa fudhatama akka hin qabne, irra deebiin akka hin mudanne, dhimmichi sirnaan akka hordofamu waamicha taasifna,'' jedhaniiru.

Dubbii Himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Israa'el Let. Koloneel Nadaav Shoshaani suuraan kuni torbanoota muraasa dura akka kaafameefi qorannoorratti hundaa'un ''tarkaanfiin'' akka irratti fudhatamu dubbatan.

''Raayyaan Ittisa Biyyaa Israa'el bilisummaa amantaafi waaqeffannaa akkasumas bakkeewwan ulfinaafi fakkeenyawwan amantaa amantootaafi hawaasa hundaa ni kabaja,'' jedhan.

Erga sadarkaa idil-addunyaatti dheekkamsa kaase booda loltuun siidaa Iyyesuus rukuteefi loltuun biraa suuraa isa kaase guyyoota 30'f mana amala sirreessaa waraanaa akka turan itti murameera.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'el fi Libaanos keessatti jaarsummaa US'n erga waliigalamee booda waraanni Israa'el kumaatama ta'an bakkeewwan kibba Libaanos baay'ee ta'an to'achuu itti fufaniiru.

Waliigalteen kuni Israa'el fi Hezbollaa gidduu waraana dhaabsisuu hin dandeenye. Tokko isa kaaniin waliigalteen cabuu isaaf himata.

Kibba Libaanositti haleellaan Israa'el kan itti fufe yoo ta'u torban darbe kana keessa qofa lammiilee nagaa dabalatee namoonni 120 ol ajjeefamuu ministeerri fayyaa Libaanos himeera.

Hezbollaanis kibba Libaanositti akkasumas kaaba Israa'elitti haleellaa rokeetii, dirooniifi mortaarii gaggeessuu itti fufeera.

Israa'el erga ji'a darbe Hizboollaa Libaanos faana dhukaasa dhaabuurratti waliigalanii yeroo jalqabaaf kibba Beeruut irratti haleellaa qilleensaa raawwatteetti.

Humni waraanaa Israa'el haleellaa kanaan buufata ajaja waraanaa garee Hizboollaa 'Radwan Force' jedhamurratti xiyyeeffachuu hime.

Waraanni Israa'el hogganaan garee kanaa ajjeefamuu himuus, Hezbollaan garuu kana hin mirkaneessine.

Garuu haleellaan kun ajajaa garee waraanaa kanarratti xiyyeeffachuu Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaaniyaahuu mirkaneesseera.

Ministeerichi erga Bitootessa 2, 2026 Israa'el haleellaa eegaltee Libaanos keessatti namoonni 2,700 caalan ajjeefamuus ibse.

Aangawoonni Israa'el immoo loltoonni 17 fi lammiin nagaa tokko kibba Libaanositti akkasumas kaaba Israa'elitti lammiileen nagaa lama ajjeefamuu himan.