Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bitaacha ta'uun uumama moo waan baratamudha?
Waggaa waggaan ALA Hagayyi 13 guyyaa ''Namoota Harka Bitaa Addunyaa'' jedhamuun yaadatamee oola. Kan bara kanaas kaleessa sadarkaa idil-addunyaatti yaadatameera.
Hojii hojjetan keessatti harka mirgaa caalaa harki bitaa kan mijatuuf, inumaa namoonni harka bitaa wantoota midhaassanii akka hojjetan yaadonni garagaraa ni ka'u. Namoonni harka bitaa ta'anii fi ogeeyyiin fayyaawoo maal jedhu laata?
Uumamumaan harka bitaa ta'ee akkan dhaladhe maatiirraan dhagaye kan jedhu Mihret Indaalkaachaw ''waan hundumaa harka bitaatiinan hojjedha jedha.
"Dhaladhee kanan beeku harka bitaakoo akkuma namoonni biraa harka mirgaasaanii fayyadamaniittan fayyadamaa jira."
"Garuu waanti adda ta'e nyaata harka mirgaatiinan nyaadha. Kanas ijoollummaa kootti abbaan koo mirgaan akkan nyaadhu na dirqamsiisaa turuusaa maatiirraan dhagaye," jedha.
Amma harki mirgaatiin nyaatallee sirriitti midhaasse afaan kaa'achuu hin danda'u, namoonni kana na qeequ jedha.
Ilaalchaawwanii fi hubannoo hawaasa keessa bubbulan kanneen akka waanti harka bitaatiin hojjetan ni tola jedhan hedduudha.
Fakkeenyaaf yennaa darbatan waan barbaadan rukutuu fi barreeffama harka toluufaarratti yaada BBC'f kan laate Mihret waan ofirratti arge irraa ka'uun ibseera.
''Kana an ofirratti beekuu baadhus namoonni garuu wayitan barreessu ilaalanii barreeffamni koo akka bareedufaa wayita natti himan nan arga. Wayita hiriyoota koo warra harka mirgaa waliin waan tokko rukutuuf waliin dorgamnus anatu dura rukuta.'' jedha.
Harkaa fi hojii ilaachisee yeroo mara wanti sammuu nama kanaatti dhufu maali, Harka bitaa ta'uufaa yoom yaadata?
Kanarrattis wayita yaada laatu, ''Waajjira keessatti wayitan waa mallatteessu, kan duraan akka warra harka mirgaaf mijatutti kaa'amee ture, anaaf garuu akka harka bitaaf tolutti naaf naannessuu qabu waan ta'eef, wayita kanafaan yaadadha" jedha.
"Kan kanaan achii harka bitaa ta'uun koo natti hin yaadatamu, akkuma warri mirgaa fayyadamanitti anis harka koo bitaa fayyadama,'' jedha.
Waa'ee harka bitaan hojii hunda hojjechuu kootii wayitan yaadadhu uumamumaan waanan ittiin dhaladhee ittiin akkan guddadhettan of yaada kan jedhu Mihret ''Ani wanti kun uumamaan waan jiruudhan jedha. Itti barree qofaa natti hin fakkaatus jedha.
"Wayita dhalannu mirgis bitaanis waluma qixa, sammuu namaatu bitaadhaan bitaa, mirgaanimoo mirga jedhee itti fayyadama malee lameenuu wal hin calan'' yaada jedhus qaba.
Saayinsiin maal jedha?
Dhimmuma kanarratti waan saayinsiin jedhu kaasuun yaada kan nuuf kennan Dr. Birraa Laggasaa hariiroo akkaataa uumama sammuu fi narviin sammuu harka keenya dabalatee qaamolee biroo waliin qaban ibsuun eegalan.
''Sammuun keenya gubbaansaa lafeedha. Jalaan ammoo waan lallaafaa biraatu jira. Kutaan sammuu lallaafaa sun bitaafi mirga jedhamaee bakka lamatti qoodama. Gaafa qoodamu uumamaan inni gara bitaa isa gara mirgaa irra guddata" jechuun ibsu.
Uumamaan sammuu keenyaa inni gara bitaa qaama gara mirgaa ajaja, inni gara mirgaa ammoo qaama gara bitaa ajaja kan jedhan Dr. Birraan, akka yeroo wadaroo fo'an waljala darbu sana jechuun fakkeenyaan himu.
Kanaafuu jedhu "yoo sammuun inni gara bitaa isa mirgaarra guddaa ta'e namichi mirgaa ta'a, yoo sammuun inni mirgaa irra guddaa ta'emmoo namichi bitaacha ta'a jechuudha."
Yeroo mara uumamaan sammuu isa gara bitaatu irra guddata, kanaafi namni hedduun mirgaa kan ta'uuf jedhu.
Darbee darbee garuu uumamumaan namni kutaan sammuu isaa gara mirgaa irra guddaa ta'e ni jiraata yeroos namni harka bitaacha ta'a jedhu.
Kun dhibee osoo hin taane uumamaan kan ta'uudha, rakkoo tokkollee hin qabu jedhu Dr. Birraan.
Shaakalaan jijjiiruu
Daa'imni bitaa taatee dhalattee wayita bitaashee fayyadamuu eegaltufaa yoo itti dheekkaman ni jijjiirti, kun akkamiin ilaalama kan jedhurrattis wayita yaada kennan ofuma fakkeenya fudhatu Dr. Birraan.
''An ijoollummaa kootti bitaachan ture, harka na hidhanii dirqamaan harka mirgaan akka nyaadhu na barsiisan."
Kanaafuu barsiifataanis ni dhufa, akka Ispoortiitti shaakalaan fiduunis ni danda'ama jedhu.
Haa ta'u malee shaakalaan jijjiiranis harki sun isa kan biroo irra jabina qabaachuu hin hambisu jedhu.
Namni harka bitaa waan hojjetu ni midhaassa, darbatee ilaamaa hin dhabuu kan jedhu ilaalchi hawaasa keessa jira.
"Kana saayinsiin waan lafa kaa'u hin qabu. Garuu waanti hubatamuu qabu namni wayita bitaadhaan darbatu waan rukutu namatti hin fakkaatu. Utuma namni hin eeginfaa ilaamaa argata. Namni waan inni argatu itti hin fakkaatu" jedhu.
Kanaafuu akkaataa ilaalcha namootaati malee bitaa, mirga waanti jedhu hin jiru.