Iraan yeroo jalqabaaf misaa’ela biyya keessatti oomishame, dooniiwwan waraanaa haleeluuf qophaa’e, Ameerikaa irratti fayyadamuu ishee Barreessaa olaanaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Iraan Mohsen Rezii himan.
Gareen Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan kaleessa ibsa baaseen dooniiwwan waraanaa Ameerikaa irratti haleellaa misaa’ela balistikii banuu isaa beeksiseera.
Haleellaan kun kan raawwatame waraanni Ameerikaa dooniiwwan boba’aa Iraan irratti xiyyeeffachuu fi uggura humna galaanaa biyyattii irratti kaa’uu isaaf deebii kennuuf akka ta’e ibse.
Mohsen Rezii gaafii fi deebii televizhinii Iraan waliin taasiseen “Sa’aatii 48 darban keessatti yeroo jalqabaaf misaa’ela Iraan dooniiwwan waraanaa haleeluuf qophaa’e qorannee, doonii Ameerikaa tokko irratti itti fayyadamne. Misaa’elli kun Ameerikaa haala ulfaataa keessa galche, naannawa sanaa dirqamaan baqachiisee,” jedhan.
Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa, CENTCOM, himannaa Iraan kana irratti kallattin deebii hin kennine. Haa ta’u malee, ergaa guyyaa tokko dura miidiyaa hawaasaa X irratti maxxanseen, dooniiwwan waraanaa Ameerikaa lama irratti haleellaan raawwatamuu ibseera.
CENTCOM, “Ergaan keenya Eegdota Warraaqsa Iraaniif ifaadha. Yoo dooniiwwan keenya irratti dhukaasa bantan kasaaraa dinagdee guddaa isin irratti geessina; dooniiwwan keessan heddu barbadeessina,” jechuun akeekkachiise.
Ajajichi itti dabaluun, “Humnoota Ameerikaa eeguuf tarkaanfii fudhachuu irraa duubatti hin jennu. Yoo barbaachise, dooniiwwan boba’aa Iraan guutumatti barbadeessina,” jedhe.
Koreen Eegdota Warraaqsa Iraan Samabata darbe Ameerikaan dooniiwwan boba’aa Iraan sadii ulaa Hormuz keessatti haleeluu ishee beeksise.
Iraan deebii kenniteen dooniiwwan US waliin hidhata qaban jettu hayyama Iraan ulaa Hormuz keessa darban haleeluu ishee erterti.
Barreessaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Iraan Reziin akka jedhutti, dooniin kamiyyuu seera ykn ulaagaalee Iraan cabsee, osoo Iraan waliin hin mari’atin naannicha keessa yoo socho'e tarree qoqqobbii Iraan keessa galuu danda’a. Kunis rakkoo inshuraansii fi gara fuulduraatti naannicha keessa imaluuf danqaa uumuu danda’a.