Rakkoo hordoffii tiraafika qilleensaa mudateen Biriteenitti balaliiwwan kumaa ol haqaman
Sababa rakkoo sirna hordoffii tiraafika qilleensaa mudateen balaliiwwan kumaa ol haqaman. Sagantaa balalii guyyaa Roobii akkuma haqameen itti fufuun isaas ibsameera.
Rakkoo mudate kanaan imaltoonni kuma kudhaniin lakkaa'aman kan rakkatan yoo ta'u, akka marsariitiin balalii hordofu, Filaayitraadaar 24, ibsetti taanaan rakkoo tekinikaa sirna to'annoo tiraafikaa mudateen balaliiwwan 1,000 ol haqamaniiru.
Ministirri Tiraanispoortii Biriteen Hayidii Aleksaandiroo Roolfin waa'ee rakkoo uumame kanaa deebiifi ibsa akka kennan kan gaafataman yoo ta'u, ministeerittiin rakkoon kun haleellaa saayiberiitiin kan mudate akka hin taane, "sirriitti mirkaneeffachuun" ibsite.
Sababa rakkoo uumame xiyyaaronni baayyeen ka'uu waan dadhabaniif buufata xiyyaaraa irraattis rakkoo uumeera, balaliiwwan biyyoota birooraa ka'anis balaliin isaanii akka gufatuuf sababa ta'eera.
Rakkoon kun guutummaa Yunaayitid fi isaan olittis babal'atee dhaga'ameera. Buufataaleen xiyyaaraa Ayerlaanditti argamanis rakkoon isaan mudachuu beeksisaniiru. Easyjet balaliiwwan 200 yoo haqu, British Airway ammoo balaliiwwan 100 haqeera.
Ministirri Tiraanispoortii Hayidiid Aleksaandar, "balaliiwwan guutummaan guutuutti gara haala idileetti deebisuudhaaf yeroo fudhata; kanaaf, imaltoonni daandiiwwan qilleensaarraa odeeffannoo imalaa akka mirkaneeffatan nan gorsa," jetteetti.
Awurooppaa keessatti buufataawwan xiyyaaraa hojiin itti baayyatu keessaa tokko kan ta'e Buufata Xiyyaaraa Hiitiroo irraa balaliiwwan ka'an yeroof addaan citaniiru. Yeroof sochiin itti fufee turullee booda garuuu deebiyee gufateera.
Sababa xiyyaaronni ka'uu hin dandeenyeef balaliiwwan waaree booda qaqqabaniif buufata xiyyaarichaa keessa bakki qubatan dhabamuu ibsameera.
Sababa kanaanis, balaliiwwan gara Buufata Xiyyaaraa Hiitroo dhufan 13 kara kuta abiyyaa Biriteen fi buufataaleen xiyyaaraa Awurooppaa birootti darbuuf dirqamaniiru.