Hidhattoonni Huutii Yaman karaa Galaana Diimaa gara ulaa murteessaa ta'e Baab El Meendeb geessutti dhiyaatanii buufataawwan galaanaa to'achaa wayita jiran kanatti Iraan mariin akka jalqabamuuf waamicha dhiyeessite.
Ministeerri dhimma alaa Iraan waraana michuu Iraan kan ta'an hidhattoonni Huutii Yaman keessa jiran gaggeessuuniin walqabatee jijjiirama dhufaa jiru eeruun ibsa baaseen marsaan waraanaa Yamanirra kaa'ame akka irraa ka'uufi mariin jalqabamu waamicha dhiyeesseera.
Ibsi karaa madda oduu mootummaa Iraan IRNA ifa ta'e kun, "Rippabilkni Islaamaa Iraan, barbaachisummaa faayidaa ummata Islaamaa eeguu hubachiisuun, ... haleellaafi babal'achuu sirna warra Tsiyoonootaa deeggarsa Ameerikaatiin babal'ataa jiru dura dhaabbachaa wayita jirtutti rakkoon Yaman marsuufi humna waraanaan hiikamuu akka hin dandeenye akeekkachiifti," jedheera.
Ministeerri dhimma alaa Iraan itti dabaluun, humnoonni Yaman, "akkaataa karoora nagaa irratti waliigalaniin marichi hatattamaan akka itti fufuufi dhimmoonni irratti waliigalame hojiirra ooluun" barbaachisaa ta'uu isaa cimsee akeekkachiisuun, Iraan "carraaqqii kamiyyu deeggaruudhaaf qophiidha," jedheera.
Ibsi Iraan kun kan bahe, Huutiin buufata doonii Mokaa Yamanitti argamu dabalatee biyyattii keessatti bakkeewwan gara garaa to'achuun fuulduratti deemaa kan jiran yoo ta'u, humnoonni mootummaa Yaman Sa'ud Arabiyaatiin deeggaraman duubatte deebiyaa jiraachuun yeroo gabaafamaa jiruttidha.
Fulbaana 10, 2026 humnoonniifi michoonni Yaman Sa'ud Arabiyaarraa deeggarsa argatan buufata doonii biroo Dubaab jedhamtu keessaa bahuun isaanii gabaafameera.
Buufanni galaanaa Mokaa kun harka Huutii galuun, Iraaniin kan deeggaramu Huutiin toora Galaana Diimaa karaa boba'aafi shaqaxawwan keessa darban irratti to'annoo isaa ni cimsa.
Ulaan galaanaa kun ulaa galaanaa Baab El Mendeb bakka Galaanni Diimaa Garba Indiyaa waliin walitti ba'utti kan argamu waan ta'eef, sochii galaanarra taasifamuuf murteessaadha.
Dabalataanis akka burqaan oduu Faransaay AFP madda waraanaa tokko eeruun gabaasetti, Huutiin, "bidiruuwwan rookkeettiiwwaniifi hidhattoota fe'atan gargaaramuun waraana bananiin, "odola Zaaqir jedhamtu gama Kibba Galaana Diimaan jirtu to'ataniiru.
Kun osoo kanaan jiruu, kan Huutiin akka diina tokkoffaatti ilaalan ministirri dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa Faayisal Bin Faarihaan gita isaa Iraan Abbaas Araagchii waliin haala yaman keessa jirurratti bilbilaan dubbataniiru.
Sa'udiin mootummaa Yaman kan beekamtii idiladdunyaa qabuufi hidhattoota farra Huutii kan deeggartu yoo ta'u, Iraan ammoo michuu warra Huutii ta'uun ishee ni beekama.
Odeeffannoo dabalataa kana waliin deemaniif: