Kufaatiin mootummaa Iraan dhiyaate jedha Netaaniyaahuun
Ministirri Muummee Israa’el, Beniyaamin Netaaniyaahuu, Naannawa daangaa Sooriyaa to’annoo Israa'el jala jirtu naannawa gaaraa Jabal al-Sheyik keessatti argamuun, mootummaa Iraan aangoorraa buusuuf baay’ee dhiyaachuu isaanii dubbate.
Netaaniyaahuun ergaa viidiyoo naannoo sana irraa dabarseen, “hojiin muraasa tokko tokko hafee” jedhe. Kaayyoon guddaan isaanis mootummaa Iraan aangoorraa buusuudha.
“Kaayyoo kana bira ga’uuf baay’ee dhiyaanneerra,” jechuun dubbate.
Akkasumas, gareen mootummaa Iraan deeggaramu guutummaatti diigamuu akka danda’us ibse.
Israa’el, mootummaan Bashaar Al-Asaad erga kufee booda, naannoo gaaraa Jabal al-Sheyik kan daangaa Sooriyaa keessaatti argamu to’annoo jala oolchite.
Daawwannaa Netaaniyaahuu naannoo sanaatti taasise irratti, Ministirri Ittisaa Israa’el, Israa’el Kaaz waliin ture.
Netaaniyaahuun yeroo ammaa mootummaa Iraan aangoorraa buusuun kaayyoo Israa’el keessaa tokko ta’uu ifatti ibsuun isaa, walitti bu’iinsa Israa’el fi Iraan keessatti muddama cimsuu danda'a yaaddoo jedhu uumera.
Haa ta’u malee, Netaaniyaahuun mootummaa Iraan akkamitti aangoorraa buusuuf akka yaadan ykn tarkaanfiiwwan itti aanan maal akka ta’an ibsa bal’aa hin kennine.