Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Ameerikaan doonii boba'aa Iraan rukkutte, Teehraan buufata US Yordaanos jiru haleeluun haaloo baate

Waraanni Ameerikaa dooniiwwan boba'aa Iraan shan irratti haleellaa raawwachuu ajajaan giddugaleessaa beeksise. Iraan ammoo buufata waraanaa Ameerikaa kan Yordaanos keessa jiru rukkutuun haaloo baateetti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kufaatiin mootummaa Iraan dhiyaate jedha Netaaniyaahuun

    Ministirri Muummee Israa’el, Beniyaamin Netaaniyaahuu, Naannawa daangaa Sooriyaa to’annoo Israa'el jala jirtu naannawa gaaraa Jabal al-Sheyik keessatti argamuun, mootummaa Iraan aangoorraa buusuuf baay’ee dhiyaachuu isaanii dubbate.

    Netaaniyaahuun ergaa viidiyoo naannoo sana irraa dabarseen, “hojiin muraasa tokko tokko hafee” jedhe. Kaayyoon guddaan isaanis mootummaa Iraan aangoorraa buusuudha.

    “Kaayyoo kana bira ga’uuf baay’ee dhiyaanneerra,” jechuun dubbate.

    Akkasumas, gareen mootummaa Iraan deeggaramu guutummaatti diigamuu akka danda’us ibse.

    Israa’el, mootummaan Bashaar Al-Asaad erga kufee booda, naannoo gaaraa Jabal al-Sheyik kan daangaa Sooriyaa keessaatti argamu to’annoo jala oolchite.

    Daawwannaa Netaaniyaahuu naannoo sanaatti taasise irratti, Ministirri Ittisaa Israa’el, Israa’el Kaaz waliin ture.

    Netaaniyaahuun yeroo ammaa mootummaa Iraan aangoorraa buusuun kaayyoo Israa’el keessaa tokko ta’uu ifatti ibsuun isaa, walitti bu’iinsa Israa’el fi Iraan keessatti muddama cimsuu danda'a yaaddoo jedhu uumera.

    Haa ta’u malee, Netaaniyaahuun mootummaa Iraan akkamitti aangoorraa buusuuf akka yaadan ykn tarkaanfiiwwan itti aanan maal akka ta’an ibsa bal’aa hin kennine.

  2. AI waggoota 10 keessatti namaa lafarra dhabamsiisuuf carraa akka qabu qorataan akeekkachiise

    Qorataan nageenya hubannoo namtolchee (AI) dhaabbata Anthropic keessatti hojjetu, AI’n waggoota 10 dhufan keessatti ilmaan namaa hunda dhabamsiisuuf carraan isaa dhibbeentaa 10 ol ta’uu akka danda’u akeekkachiise.

    Ivan Hubinger, qorataa nageenya AI olaanaa dhaabbata Anthropic keessatti hojjetu, ergaa miidiyaa hawaasaa X irratti barreesseen,balaa AI yeroo ammaa jiran irraa dhufu xiqqaa dha. Garuu gara fuulduraatti ofumaan of fooyyeessaa deemuu yoo ta'e balaa guddaa ilmaan namaa irratti fiduu danda’a jedhe.

    Hubinger akkamitti AI’n ilmaan namaa dhabamsiisuu akka danda’u ibsa bal’aa hin kennine. Garuu inni fi qorattoonni biroo, AI’n gara fuulduraatti sirnoota baay’ee humna qaban ta’uu fi sirnoota kompiitaraa, dinagdee fi dameewwan biroo irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu danda’u ta'uu ibsan.

    Garuu yaada kana irratti mormiinis jira. Damee saayinsii kompiitaraa irratti heddu kan beekamtuu fi gorsituu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhimma AI kan taate Wendii Hall, yaadni Hubinger kun akka ishee ajaa’ibu BBCtti himte.

    Hall akka jettutti, akeekkachiisni akkanaa tokko tokko tarsiimoo beeksisaa ykn gabaa ta’uu danda’a. Keessumaa dhaabbileen AI gurguddoon tokko tokko gara gabaa aksiyoonaatti seenuuf qophii taasisaa wayita jiranitti, yaadni akkanaa gaaffii kaasu danda’a jette.

    Hubinger, ergaa isaa X irratti namoonni miliyoona 10 ol ilaalan irratti dhaabbanni Anthropic AI’n jiraachuu ilmaan namaa irratti balaa fiduu akka danda'u akka akka amanu ibse.

    Yeroo ammaa qorattoonni hedduun AI’n nageenya namaa irratti dhiibba akka hin qabaanne tattaaffii godhamaa jiraachuu himu. Haa ta’u malee, sirnoonni AI tokko tokko ofumaan haleellaa saayibarii raawwachuu danda’uu isaanii ilaalchisee ji’oota muraasa darban keessatti gabaasoonni ba’aa turaniiru.

  3. Paakistaan garee loltoota Huutii Yaman akeekkachiiste

    Ministirri Ittisaa Paakistaan Kawaja Asif, gareen Huutii Yaman Sa'uud Arabiyaa irratti haleellaa rawwachuu irraa akka of qusatu akeekkachisan.

    Paakistaan, Sa'uud Arabiyaa fi Turkiin yeroo dhihoo as Magaalaa Makkaa keessatti waliigaltee ittisaa waliinii mallatteessuu hordofee, Huutiin Saawudii haleeluun akka Pakistaanis haleeltetti ilaalama jedhan.

    Biyyootni sadan isaan keessaa biyya tokkorratti yoo haleellaan taasifame akka isaan hunda irratti raawwatameetti akka waliif tumsan waliif galan.

    Kawaja Asif, haleellaa Huutiini Sa'uud Arabiyaa irratti raawwatan hordofee, waliigalteen ittisaa kun hojii irra ooluu akka danda’u ibseera.

    Loltootni Huutii kanneen Iraaniin deeggaraman, Sa'uud Arabiyaa irratti misaa’elaa fi diroonii fayyadamuun haleellaa cimaa raawwataniiru. Haleellaan kun magaalota, bu’uuraalee misoomaa dinagdee fi damee anniisaa irratti xiyyeeffachuu isaa ibsameera.

    Haleellaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 73, irra caalaan isaanii namoota nagaa ta'an, madaa’uu isaanii Sa'uud Arabiyaan beeksiste.

    Ministirri Ittisaa Paakistaan, mootummaa miseensa waliigaltichaa keessaa tokko irratti “aggaammii” ykn haleellaan raawwatamu, akkasumas waraanni Yaman gara daangaa Sa'uud Arabiyaa babal’achuun, qajeelfama ittisa waliinii waliigaltee Makkaa keessatti argamu hojii irra oolchuu akka danda’u ibseera.

    Asif, rakkoon kun akka tasgabbaa’u abdii qabaachuu ibsanii, loltootni Huutii garuu waraana Yaman daangaa biyyattii keessaa gara biyyoota birootti akka hin babal’ifne akeekkachiiseera.

  4. Dooniiwwan boba'aa hedduun hormuuz keessatti barbadaa'an

    Guyyoota darban keessa haleellaa Galoo Galaana Pershiyaa fi ulaa Hormuz keessatti raawwatameen dooniiwwan hedduun gubachuu fi miidhaan irra gahuun gabaafame.

    Abbaan Taayitaa Daldalaa UK akka gabaasetti dooniin Yunaayitid Arab Emireets Poort Rashiid irraa gara kaaba dhihaatti imalaa turte gama tokkoon liqimfamaa jirti jedhe.

    Dooniin kun kana dura misaa'elaan haleelamuu akka hin hafnellee gabaafame.

    Dhaabbanni Biriteen sochii doonii hordofus dooniiwwan hedduun Galoo Galaana Pershiyaa keessatti ibiddaan akka gubachuu beeksiseera.

    Gabaasni kun kan ba’e Iraan dooniiwwan 20 kanneen ulaa Hormuz keessa darbuuf yaalan haleeluu ishee erga beeksiftee booda.

    Dhaabbanni Biriteen kun akka jedhetti, "Gabaasaaleen akka agarsiisanitti dooniiwwan kunneen sochii waraanaa naannichatti deemaa jiru gidduutti irratti xiyyeeffatamee'' jechuun ibseera.

    Iraanii fi Ameerikaan kanaan dura doonii walii irratti miidhaa geessisuu isaanii beeksisuu isaanii gabaafnee turre.

    Ameerikaan haleellaa Iraan dooniiwwan ishee irratti raawwatteef deebii kennuudhaan dooniiwwan boba'aa Iraan shan rukutee ''barbadeessuu'' dubbatti.

    Gama biraatiin, Eegdonni Warraaqsa Iraan haleellaa misaa’ela haaloo ba’uuf doonii waraanaa Ameerikaa lamaa fi taankeroota saddeet irratti xiyyeeffachuu isaa beeksise.

  5. Rakkoo hordoffii tiraafika qilleensaa mudateen Biriteenitti balaliiwwan kumaa ol haqaman

    Sababa rakkoo sirna hordoffii tiraafika qilleensaa mudateen balaliiwwan kumaa ol haqaman. Sagantaa balalii guyyaa Roobii akkuma haqameen itti fufuun isaas ibsameera.

    Rakkoo mudate kanaan imaltoonni kuma kudhaniin lakkaa'aman kan rakkatan yoo ta'u, akka marsariitiin balalii hordofu, Filaayitraadaar 24, ibsetti taanaan rakkoo tekinikaa sirna to'annoo tiraafikaa mudateen balaliiwwan 1,000 ol haqamaniiru.

    Ministirri Tiraanispoortii Biriteen Hayidii Aleksaandiroo Roolfin waa'ee rakkoo uumame kanaa deebiifi ibsa akka kennan kan gaafataman yoo ta'u, ministeerittiin rakkoon kun haleellaa saayiberiitiin kan mudate akka hin taane, "sirriitti mirkaneeffachuun" ibsite.

    Sababa rakkoo uumame xiyyaaronni baayyeen ka'uu waan dadhabaniif buufata xiyyaaraa irraattis rakkoo uumeera, balaliiwwan biyyoota birooraa ka'anis balaliin isaanii akka gufatuuf sababa ta'eera.

    Rakkoon kun guutummaa Yunaayitid fi isaan olittis babal'atee dhaga'ameera. Buufataaleen xiyyaaraa Ayerlaanditti argamanis rakkoon isaan mudachuu beeksisaniiru. Easyjet balaliiwwan 200 yoo haqu, British Airway ammoo balaliiwwan 100 haqeera.

    Ministirri Tiraanispoortii Hayidiid Aleksaandar, "balaliiwwan guutummaan guutuutti gara haala idileetti deebisuudhaaf yeroo fudhata; kanaaf, imaltoonni daandiiwwan qilleensaarraa odeeffannoo imalaa akka mirkaneeffatan nan gorsa," jetteetti.

    Awurooppaa keessatti buufataawwan xiyyaaraa hojiin itti baayyatu keessaa tokko kan ta'e Buufata Xiyyaaraa Hiitiroo irraa balaliiwwan ka'an yeroof addaan citaniiru. Yeroof sochiin itti fufee turullee booda garuuu deebiyee gufateera.

    Sababa xiyyaaronni ka'uu hin dandeenyeef balaliiwwan waaree booda qaqqabaniif buufata xiyyaarichaa keessa bakki qubatan dhabamuu ibsameera.

    Sababa kanaanis, balaliiwwan gara Buufata Xiyyaaraa Hiitroo dhufan 13 kara kuta abiyyaa Biriteen fi buufataaleen xiyyaaraa Awurooppaa birootti darbuuf dirqamaniiru.

  6. Daawwadhaa: Yordaanos yeroo misaa'el Iraan irraa itti dhukaafame qolattu

  7. Ameerikaan doonii boba'aa Iraan rukkutte, Teehraan buufata US Yordaanos jiru haleeluun haaloo baate

    Waraanni Ameerikaa dooniiwwan boba'aa Iraan shan irratti haleellaa raawwachuu ajajaan giddugaleessaa beeksise. Iraan ammoo buufata waraanaa Ameerikaa kan Yordaanos keessa jiru rukkutuun haaloo baateetti.

    Dooniiwwan boba'aa fe'atan Eegduu Warraaqsaa Iraan waliin walitti dhufeenya qaban afur Galoo Galaanaa Omaar keessatti irratti xiyyeeffatameera. Dooniin biraa tokko ammoo Odola Kaarg cinaattti haleeameera.

    Iraan haleellaa irratti raawwatameef buufata waraanaa Ameerikaa Yordaanos jirurratti haleellaa gaggeessiteetti.

    Yordaanos misaa'eloota 20 Iraan dhukaaste keessaa 18 qolattee fashalsuu beeksifteetti.

    Haleellaa Iraan fi Ameerikaan walirratti taasisan torban darberraa hammaatee itti fufeera.

    Ameerikaafi Israa'el erga Iraan irratti waraana bananii ji'oota ja'atu lakkaa'ameera.

    Sababa walitti bu'insa qaxanaa kana keessatti mudateenis gatiin boba'aa addunyaarratti baayyee dabaluutti jira.