Tiraamp kaartaa 'Ulaan Hormuz naannoo haaraa Ameerikaati' jedhu qoodan

Madda suuraa, Tiraamp
Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Trump, suuraa ulaa Hormuz maxxansuun, irratti jecha "Lafa daangaa Ameerikaa haaraa (New US Territory) jedhu barreessanii, gama miidiyaa hawaasa isaanii 'Truth Social' qoodaniiru.
Kunis ulaa Hormuz kan Ameerikaa taasisuuf akka yaadan duraan dubbatan kan cimsu dha.
Gama biraatiin Tiraamp yeroo ammaa Iraan waliin mariin gaggeeffamaa jiru ykn mariin haaraan eegamu hin jiru jedhan. Kanaafis qoqqobbiin dooniiwwan buufataalee galaanaa Iraan irratti Ameerikaan kaa'e ammallee itti fufeera jechuun ibsaniiru.
"Ulaan Hormuz banaadha. Akka idileetti hojjechaa kan jiru yoo ta'u, fanjiin galaanaa Iraan awwaalte hundi buqqifameera ykn dhoo'eera" jedhan.
AFPn madda Ameerikaa tokko wabeeffachuun akka gabaasetti, Tiraamp gareen isaanii yoo Tehran ejjennoo Ameerikaa waliin walitti dhihaatu agarsiifte malee mariin akka hin jalqabne gaafataniiru.
Gama Iraaniin, Itti-aanaan Ministira Dhimma Alaa Kazem Gharibabadi, yaada Trump kanaaf deebii kennuun, "Dogoggora fi yaada sobaa Trump yeroo dhiyootti sirreessina," jechuun barreesseera.
Iraan hanga Ameerikaan waliigaltee yeroo Iraan waliin taasifte, uggura humna galaanaa fi qoqqobbii kaasuun, akkasumas qabeenya Iraan dhorkamee ture gadhiistutti ulaan Hormuz cufamee akka turu ijannoo qabaachuu ibsiteerti.


