Sa'udiitti Hagayya keessa lammiileen Itoophiyaa 60 ta'an qoricha sammuu hadoochu waliin to'ataman

Lammiilee qoricha sammuu hadoochu daddabarsan du'aan adabuun kan beekamtu Sa'udi Arabiyaatti baatii Hagayyaa keessa qofa yoo xiqqaate lammiilee Itoophiyaa 60 Jimaa dabalatee qorichoota sammuu hadoochan garaagaraa daddabarsuun shakkaaman to'achuu gabaasaaleen agarsiisan.
Kaleessa Roobii Hagayya 27, 2026 lammmiileen dabalataa 15 Jimaa kiilogiraama 290 waliin qabamuu gabaafame.
Daarektarri waliigalaa eegumsa daangaa Sa'udii lammiileen Itoophiyaa 12'n kan to'ataman kutaalee bulchiinsa Jizaanii fi Asir keessatti duulawwan sadi gaggeeffameen akka ta'e Saudi Gazette gabaase.
Bulchiinsa Riyaad keessatti immoo lammiileen Itoophiyaa sadi qoricha dhorkame osoo beeksisuu qabamuu Al-Riyaad gabaase.
Kun wayita Sa'udi Arabiyaan shakkamtoota to'annoo jala oolan, murtoo du'aatiin adabaa jirutti dhagahame.
Baatiiwwan Adoolessaa fi Waxabajjii keessa lammiileen Itoophiyaa garaagarummaa guyyootaa gidduutti murtoon du'aa irratti raawwatamaa ture.
Amajjii kaasee yoo xiqqaate lammiilee Itoophiyaa 17 irratti murtoon adabbii du'aa irratti raawwatamuu Hiyuumaan Raayits Waach Adoolessa gabaase.
Yeroo ammaa kanas lammiileen Itoophiyaa 200 ta'an murtoon du'aa irratti murtaa'ee mana hidhaa keessa akka jiran maddeen BBC naannicha jiran ibsan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Aangawoonni Sa'udii lammiilee Itoophiyaa daddabarsa qoricha sammuu hadoochu waliin shakkan to'achuu itti fufanii jiru.
Gabaasaaleen miidiyaalee mootummaa Sa'uudiitti dhihoo jiran kanneen akka ''Saudi Gazette fi Al Riyadh jedhaman irratti bahan Hagayya kana keessa duula yeroo sagal gaggeeffameen lammiileen Itoophiyaa 60 ta'an to'atamaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa jimaa, hashiishii fi qorichoota to'annoo jala jiran seensisuuf osoo yaalanii to'atamuu gabaasaaleen kunneen ni mul'isu.
Shakkamtoonni kunneen bulchiinsota Asir fi Jizaan jedhaman keessatti to'ataman.
Lammiileen Itoophiyaan kaleessa kutaalee biyyaa kunneen keessatti to'atamuun ibsame jimaa kiilogiraama 290, hashiishii kiilogiraama 33 fi qorichoota to'annoo jala jiran 72,415 ta'an qabatanii seenuuf wayita yaalan ta'uu himannaasaanii keessatti eerameera.
Lammiilee Itoophiyaa duula (oppireeshinii) sadi jalqabaan to'ataman irratti adeemsi seeraa sadarkaa jalqabaa gaggeeffamee xumuramuu fi gara qaama dhimmi ilaallatuutti dabarfamuu aanga'oonni mootummaa akka ibsan gaazexaan Sa'uudii gabaaseera.
Lammiileen Itoophiyaa sadi qoricha 29,430 waliin kaleessa qabamuun ibsame dhimmi isaanii gara abbaa alangaatti darbuu Al Riyaad gabaaseera.
Adabbiin lammiilee Itoophiyaa kunneenii maal ta'uu akka danda'u ifa miti.
Haata'u malee bara darbe namoota Sa'uudii keessatti adabbiin du'aa itti murtaa'e 365 keessaa dhibbeentaa 68 kan ta'an qoricha sammuu hadoochan waliin to'atamuunsaaniin ta'uu ragaaleen ni mul'isu.
Lammiileen Itoophiyaa adabbiin du'aa isaanii raawwatamee fi kanneen hanga raawwatamuuf eeggataa jiran sababa kanaan akka ta'e madden BBCtti himaniiru.
Adoolessa darbe lammiileen Itoophiyaa shan du'aan adabaman ''qoricha sammuu namaa hadoochu qabatanii osoo Sa'uudii seenuuf jedhanii'' akka to'ataman ministeerri dhimma biyya keessaa ibseera.

Madda suuraa, Getty Images
Lammiilee Itoophiyaa adabbiin du'aa itti murtaa'e keessaa ''gariin gowwoomfamuun qoricha sammuu hadoochu qabatanii osoo jiranii to'atamuu,'' BBCtti himaniiru.
Kaan ammoo ''kennaa maallaqaa namoota daldala kana keessa jiraniin waadaa galameef akkasumas waadaawwan biroon gowwoomfamuun,'' kanneen akka jimaa qabatanii Sa'uudii seenuuf osoo yaalanii qabamuu ibsan.
Jaarmiyaaleen mirga namoomaa idiladdunyaa kanneen akka Human Rights Watch fi Amnastii Intarnaashinaal, adabbii Sa'uudii Arabiyaan raawwattu balaaleffataniiru.
HRW damee Sa'uudii Arabiyaatti qorataa kan ta'an Jooyi Shee'a ''aanga'oonni Sa'uudii lammiilee Itoophiyaa qoollifatamaniifi biyyattiitti baqatan bakkasaan abukaatoo fi nama afaan hiiku hin qabnetti dhaddacha daqiiqaa muraasaan raawwatan'' jechuun ibseera.
Lammiileen Itoophiyaa BBC'n manneen hidhaa keessaa dubbise himannaa isaanirratti dhiyaate falmuufis ta'ee abukaatoo dhaabbachuuf akkasumas ol iyyannoo dhiyeeffachuuf haalli akka hin mijanneef ibsan.
Lammiin Itoophiyaa tokko, "Jalqaba abbaa seeraa duratti yoo dhiyaattu himata kanaan himatamte, ni fudhattaa?! jedhamtee gaafatamta. Yeroo lammaffaaf yoo dhiyaattu immoo murtoo du'aatu sitti murtaa'a. Sana booda carraan falmachuu ykn ol iyyachuu hin jiru" jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa lammiilee Itoophiyaa Sa'uditti "dhimmi isaaniin adeemsa seeraarraa jiruu fi murtoon irratti darbe" ilaalchisee "aangawoota Sa'udi Arabiyaa dhimmi kun isaan ilaallatu" waliin dhiyeenyatti dubbachaa akka jiru Adoolessa dabre beeksise ture.
Sa'udii keessatti lammiilee Itoophiyaa murtoon irratti darbe 1,971 ta'aniif mootiin biyyattii dhiifama gochuu mootummaan Itoophiyaa beeksisee ture.



















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)