Gareen hidhataa 'Tumsa of Baraaruu' ejjennoo US lola Itoophiyaa irratti kennite balaaleffate

Zammana Kaasee, Marroo, Debratsiyoon Gabiramikaa'el bitaa gara mirgaa tartiibaan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Waraana Bilisummaa Oromoo, Faannoofi TPLF dabalatee garee hidhattootaa torba dhihoo qindooma uummachuun hundaa'e Tumsi of Baraaruu ejjennoo Ameerikaan lola Itoophiyaa irratti agarsiisteef deebii kenne.

Tumsi of Baraaruu ibsa kaleessa Onkololeessa 19/2026 baaseen Ministirri Hajaa Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo lola Itoophiyaa adeemaa jiru irratti yaada kenneen ''yaadda'uu'' hime.

Maarkoo Ruubiyoon daawwannaa hojiif gara Indiyaa fi Uzbeekistaan imaluuf yeroo jedhanitti gaaffii waa'ee Itoophiyaa isaaniif dhiyaateen ''halleellaan diroonii hidhattoonni Finfinneetti raawwatanii ture "haleellaa shororkeessummaati'' jedhan.

Fulbaana 30/2026 Finfinnee keessatti dhohinsi dhagahamuun jiraattotaafi maddeen dippiloomaasii Rooyitarsitti himanii turan. Kana mirkaneeffachuuf BBC Afaan Oromoo waajira ministara mummee, poolisii federaalaafi hogganoota biroos iyyafatullee deebii hin arganne.

Tumsi of Baraaruu yeroo taateen kuni mudate itti gaafatamummaa hin fudhanne ture.

Dhohinsicha ilaalchisuun gaaffii BBC'n Faannoof dhiyeesseen gareen qaama Tumsa of Baraaruu tahe kuni quba qabaachuu himuun ''harka keessaa qabaachuufi dhiisuu,'' dubbachuu akka hin dandeenye ibsee ture.

Tumsi gareelee hidhattootaa kuni erga hundaa'ee baatii tokko darbe ibsa gosa kanaa kennuun kan jalqabaati.

Hidhattoonni isaan "warra fottoquuf yaadan" jechuun ibsan, yaaddoo nageenyaa mootummaa Itoophiyaarraan gahan US akka hubattu ibsan.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Gama biraan hayyuuwwan Oromoo 17 rakkoo siyaasaa Itoophiyaa keessa adeemaa jiruun yaaddoo ''guddaa'' akka qaban himan ''ce'umsi siyaasaa'' akka taasifamu waamicha dhiyeessaniiru.

Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa Onkololeessa 19/2026 baasee keessatti yaadi hayyoota kanaa kan ibsame yoo tahu Tumsa of Baraaruu dhihoo hundaa'e akka deeggaranis eerameera.

Haala kanaanis ''hirmaannaan WBO qindooma kana keessatti qabus rakkoo siyaasaa Itoophiyaa walxaxaa tahe furmaata akka argatuuf tarkaanfii murteessaa jalqabaati,'' jedhaniiru.

Gareen hidhataa Tumsa of Baraaruu ibsa isaa keessatti ''uummata Itoophiyaa harka guddaa'' akka bakka bu'u himuun yaada Maarkoo Ruubiyoon kennaniif deebii kenneera.

Qabxii jalqabaa keessatti gareen kuni ''takaanfiin waraanaa of ittisuu fudhachuuf kan dirqame kaayyoo biyya qooduu ykn diiguutiin miti,'' jedheera

Ibsa kana keessatti ''araara nagaaf'' tattaaffiin ''dhugaa'' taasifame duguugamnaan tarkaanfii kanatti seenuu hima gareen kuni.

Tattaaffiin kuni Waliigaltee Piriitooriyaa bu'uura godhachuun yaalamullee mootummaa biyya bulchuun ''fudhatama dhabe'' jechuun komii dhiyeesseera.

Garee kana ''foxxoqaa'' jedhanii waamuun seeraa fi siyaasaanillee ''sirrii miti'' jedhe gareen Tumsa of Baraaruu deebii yaada Ruubiyoof kenneen.

Kaayyoon bu'uuraa garee kanaa ''ce'umsa demookiraasii hundahammataa gochuun walqooduu hambisuu, nagaa fi tasgabbii lammiilee hundaaf fiduu dha,'' jedha ibsichi.

Qabxii lammataan gareen kuni ministara hajaa alaa Ameerikaan ''Shororkeessaa'' jedhamee waamamuu balaaleffateera.

''Oppireeshinii gareen kuni bu'uuraalee waraanaa ''diinaa'' irratti raawwate gochaa ''Shororkeessummaa'' jechuun maqaa kennuun ''dhugaa lafarra jiru sirriitti hin agarsiisu, ragaadhaanis kan deeggarame miti,'' jedha.

Mootummaan meeshaalee waraanaa ammayyaa qiyyaafannoo waraanaa qofa osoo hin taane, ''iddoowwan namoonni nagaa jiraatan kan to'annoo keenya keessa jiran irratti fayyadamaa jira,'' jedha ibsi garee kanaa.

Maqaan ''Shororkeessaa'' jedhu garee kanaaf kennamuun mootummaan ''ajandaa waraanaa raawwachuu akka itti fufuufi tattaaffii karaa nagaa akka cufu godha,'' jedhe.

Ameerikaan lola kanarratti ejjennoo madaalawaa fi ijaaru fudhachuun nagaa waarawaaf akka gumaachitus gaafateera.