Barariin doolaara kuma 200 baasan seeraan ala yeroo daddabarfaman qabaman

Madda suuraa, Supplied: DCCEEW
Mootummaan Awustiraaliyaa bararii 100,000 ol seeraan ala daddabarfamaa turan to'annoo jala oolchuu hime.
Bararii hamma barruu harkaa gahu dabalatee kanneen sanyiin isaanii baay'inaan hin argamne daangaa Niiw Saawuz Weelistti yeroo daddabarfaman qabamaniiru.
Barariin to'annoo jala oolan kunneen doolaara Awustiraaliyaa 200 akka baasan ibsameera.
Barariin (hissing cockroaches fi dubia cockroaches) magaalaa Baaturiist jedhamtu irraa argaman kaneenn seeraan ala daddabarfamaa turan keessaatti argamaniiru.
Sanyii bararii kanaa gara Awustiraaliyaa seensisuun, tursiisuun, horsiisuu ykn gurguruun hin danda'amu.
Qondaaloti biyyattii ilbisooti kunneen seeraan ala dhuunfatamanii argaman jedhaniiru.
Ilbisni seeeraan alaa kuni dhukkuba daddabarsuu dabalataan bineesota naannicha jiraatan akkasumas qonna miidhuu danda'a jedhaniiru,.
Barariin seeraan alaa kunneen yeroo qabaman bineensoti kanneen akka looccuu akka nyaatan godhamu ykn ammoo ajjeefamanitu gatamu.

Madda suuraa, Supplied: DCCEEW
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Seeraan ala yeroo horsiifaman argaa jirra, yeroo kaan ammoo ilbisa biyya alaati jedhamuun gurguramu. Daldala ilbisaa irratti akeekkachiisa baasaa jirra,'' jechuun dubbiihimaan Waajira Jijjiirama Qilleensaa, Aannisaa, Naannoofi Bishaanii dubbate.
''Ilbisa bararii kana qabaattee yoo argamte, horsiiste ykn gurgurte qabamtee ykn ilbisni si jalaa fudhatamuun dabalataan seera federaalaan nama adabasiisa,'' jedha.
Dubbihimaan namoonni bineensota akka looccuu fa'a manaa qabaniifi bararii sooraa turan filannoo biraa barbaadu jedhan.
Barariin Madagascar hissing cockroaches sanyii isa baay'inaan addunyaa kanarratti argamu yoo tahu sagalee xiixaa dhagahamu danda'u baasu.
Akka miidiyaa Awustiraaliyaa gabaasetti ilbisoonni kunneen seeraan ala onlaayiniirra yeroo gurguraman namoonni argan jiru.
Dubartiin Isteefaanii Leesar jedhamtu ''namoonni bararii keessumaa isa guddaa fi hamma barruu harkaa gahu fa'a qabu,'' jette.
''Loccuu tokko biqiltuu sadii hanga afurii sooruu mannaa bararii kana sooruun qasrhii qusataafi,'' jechuun namoonni maaliif bararii kana akka horsiisan himti.












